Baqattoota Liibiyaa: Sagantaa hatattamaan baasuu irratti walii galame

Godaantota Liibiyaatti qabamanii deebi'an

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Godaantonni Awurooppaa gahuuf yaadanii bahanii, Liibiyaatti dararamni hedduu irra gaha

Karoorri hatattamaan baqattoota kaampiiwwan hidhaa keessaa baasuu irratti waliigalame.

Kunis kan ta'e yaa'ii Gamtaawwan Afriikaa fi Awurooppaa Ayivoorii Koostiitti taa'an irratti.

Bulchiinsi Liibiyaa UN'n deeggaramu karoora kanaan waliigalus, naannicharra to'annoon qabu murtaa'aadha. Kanumaanis karoora kan hojiirra oolchuurratti gaaffileen ka'aa jiru.

Godaantota kanas irra caalmaan gara biyya dhufanitti deebisuuf karoorfame.

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon, caalbaasii garbaa kanneeniin ''yakka dhala namaarratti dalagame,'' jedhan.

Map showing Central Mediterranean migrant routes