Godaantonni Libiyaatti 'gabaa garbaatti' gurguramuun mormii guddaa kaaseera

Madda suuraa, Getty Images
Gamtaan Afriikaa (AU) erga gabaasni viidiyoo godaantonni Afriikaa, gabaawwan garbaa Libiyaatti ennaa gurguraman agarsiisu bahe booda, aarii qabu ibseera.
Viidiyoo CNN'n torban kana gadhiifame kun, dargaggoonni oyruu keessa akka hojjetaniif wayita gurguraman agarsiisa.
Dura taa'aan AU, Pireezidantiin Giinii Alfaa Koondee, daldala ''balfamaa yeroonsaa itti darbe'' kanarratti kan qooda fudhatan seeratti dhihaachuu qabu jedhaniiru.
Godaantonni Awurooppaa gahuuf yaalan kunniin, daddabarsiitotaan qabamuun dirqamaan, kaffaltii muraasa yookaan kaffaltii malee hojjechuuf akka dirqisiifaman dubbatu.
Viidiyoon CNN kun Libiyaa, iddoo hin beekamnetti, dargaggoonni Nijeeriifi biyyoota Sahaaraan gadii biroo wayita Dolaara 400'n (Birrii 10,000tti) gurguraman agarsiisa.
''Gochoonni gabrummaa ammayyaawaa dhaabachuu qabu, Gamtaan Afriikaas humna isaatiin yalii barbachisu taasisa,'' jedhan Obbo Koondeen.
Libiyaanis dhimma kana qorachuu jalqabuu ishee, CNN gaafa Jimaataa gabaaseera.

Madda suuraa, AFP
Ebla dabre, Dhaabbanni Godaantotaa Idiladdunyaa (IMO), Libiyaatti garbummaan jiraachuu odeeffannoo sassaabeera jedha
IOM'tti dursaan ergama Libiyaa Osmaan Belbeysii akka BBC'f himetti, yeroo tokko tokko godaantonni kunneen gatiin kan baafamuf, akkaataa dandeettii isaaniitiin.
''Maallaqa kaffalana hin qaban, maatiin isaanis qarshii gaafataman kaffaluu hin danda'an. Kanaafuu, bu'aa irraa argachuuf, gurguru,'' jedheera.
''Garaagarummaan gatii dandeettii keerratti hundaa'a. Yoo ati oogummaa qabaatte, fakkeenyaaf oogummaa fakkiii kaasuu, yookaan kaannee biroo qabda taanaan, gatiin kees akkasuma dabala.''













