Liibiyaa: Dararamni lammiilee Liibiyaatti argaman hanga yoomiitti?

Madda suuraa, ASHRAF SHAZLY
Abjuun ishee galaana qaxxaamuruun Xaaliiyaanii galu ture. Baatiiwwan duras Shaashamannee irraa gara Finfinneetti qajeelte. Isaan boodas gara Matammaatti qajeeluun Suudaan keessatti baatiiwwan afur dabarsite.
Namoota godaantoota akka ishee daddabarsaniif maallaqa kanfaluun gammoojjii sahaaraa konkolaataan qaxxaamurte. Akkuma Liibiyaa geesseenis dalaalaatu ishee simate. Fudhees dalaalaa biraatti ishee gurgurate.
Isaan boodas Liibiyaa keessa lafa Imiwaad jedhamutti godaantoota biraa waliin hidhama, ''Maallaqa kanfalaa'' jedhamuun akka reebaman dubbatti.
Mana hiidhaa sanaa bahuuf yoo fedhan itoophiyaa irraa ykn biyya biraatii maallaqa akka eergisiisaniif akka dararan dubbatti.
Shamarree tanas BBC'n bilbilaan kan dubbise osoo buufata yeroo Liibiyaa keessa jirtuuti. Lafa mana hidhaa sanaa gara eddoo Inzaaraa jedhamutti erga dabarfamaniin boodas dararaan itti fufuu BBC'tti himee jirti.
''Dubartoota gudeedaman keessa ani tokko,'' jetti darara irra gahee keessaa isa cimaa yoo dubbattus.
Dubatroonni hedduunis akkum isheetti gudeedamaniiru. Kan ajjeefamanis akka jiran himti. Nama bakka dahannoo yeroo sanaa baqachuuf yaalee irrattis reebichi raawwatamu cimaa ta'u dubbatti.
''Akka soodaannuuf jecha nu fulduratti akka hinduuneefi hinjiraaneetti reebuu,'' jetti. Qaama haala keessatti argaman itti himan omaa akka hinqabaannee ibsitee, biyyoonni akka Sudaan garuu lammiilee isaanii baraaru danda'u himti.

Madda suuraa, ASHRAF SHAZLY
Buufata keessa jirtu irraa gaaffiifii deebii sadiin booda akka baaatu itti hiamulleen baatiiwwan saddeetiif eddichaa bahu akka hindandeenye ibsiti.
''Gaaffiifi deebii lama taasiftee kan sadaffaatu si hafe eergan jedhamee baatii saddeeti guuteera,'' jetti.
Dararamni godaantoota lammiilee itoophiyaafi Eertiraa buufataichatti argaman irra gahaa jiru cimaa ta'u kan hmtu shamarree tana qofaa miti. Lammiilee Itoophiyaa bilbilaan dubbifne kan biraas kanuma mirkanneessu.
Lammiileen biraas lafa turmaataatiin gara Niijar akka baqataniifi Komishiniin Baqattoota motummoota Gamtomanii bakka turtii sanaa akka isaan fudhatu, wayita eegachaa jiranittis nyaataafi bishaan dhugaatii argachuuf akka rakkatan dubbatu.
Maallaqa qabanis poolisiidhaan akka irra fudhatamees kan himtu jirti. ''Bilbila keenya fudhataniiru. Warra Somaalee irraa eergifachun isiin dubbisu dandeenye' jette jirti.
Lammiin biraa achumatti argamus, ''Ammaan tana mataasaa tokko gara biraatti geessuun reebaa jira,'' jedheera sodaadhaan raafamaa.
Isummayyuu reebichi walfakkaatu akka hinmudanneef yaadda'eera.
Isaafi godaantoota biraa irratti reebichi akka cimeefi ''bakkan jiruutti jireenyi kiyya yaachisaadha,'' jechuun himeera.
Amma kan argaman buufata yeroo kan godaantoota komishinii Motummoota Gamtoomaniitti (UN) ta'ulleen, reebicha poolisii Libiiyaa jalaa bahu akka hindandeenye hima. Dubartoonni ni gudeedamu. Sababiidhuma reebichaatiin kan ulfi irraa bahes jiru jedha.
Dargaggeessi kunis baatii saddeetiin dura osoo galaana qaxxaamuruuf jedhu qabame. Innifi lammiilee Itoophiyaa kan biraa hedduun lafa Inzeeraa jedhamutti achuma Liibiyaatti argamu.
Shamarreen biraa BBCn dubbisees baatii saddeetiif lammiileen Itoophiyaafi Eertiraa buufatichaa bahu akka hindandeenye himti.
Guyyaa tokko tokkoos mana keessatti itti cufamuun taa'aa olu.
"Dhiiroota hojiitu jira jechuun fudhatanii reebu. Kaan ammoo eessa akka gahanu hinbeeknu,'' jechuun reebicha dallaaloota pooliisi fakkaachuun dallaa keessa galanii irra gahu himti.
Yoo nu gudeeduuf dhufanis iyyuun of irraa buufna malee nutti taphachuu barbaadu jetti.
Dallaalonni ammoo baqattoota bufatichaa baasuun gurguratu. Galaana qaxxaamuruun dhufuun maallaqa akka kanfalaniif dararuun.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Lammiilee Itophiya sadi BBC'tti akka himaniittis, lafa jiran keessaa Somaaloonni adda baafamuun gara NIijariitti geeffamu.
Lammiileen Itoophiyaa ykn Eertiraa gaaffii yoo kaasan ammoo itti qolofama. Baqattoonni kaan erga Niijar keessatti gaaffiin taasifameef booda gara biyyoota Awurooppaa garaa garaatti geeffamu jedhaniiru.
Ambaasaadaroonni biyyoota Awurooppaa wayita gara buufatichaa dhaqanittis, baqattoonni akka isaan hindubbifne akka taasifamu dubbatu.
Lammiilee Itoophiyaas kanaaf akka ''nuuf geessan ni amanna,'' kan jedhaniif.
Dhimma kan ilaalchisuun dubbifne kan ture Ambaasaadarri Itoophiyaa Masiriitti, Ambaasadar Taayee Atsiqasilaaseen lammiilee Liibiyaatti argaman baasuuf sanada geejiibaa qopheessu barbaachisa jedhaniiru.
Haa ta'u malee sanadicha qopheessuuf qaamni ykn bakka bu'aan achii ragaa barbaachisu dhiyeessu dhibuun dhimmicha akka cimsee himu.
"Ragaa eenyummaasaanii ibsu waan hinqabneef hingaafannu. Lammii Itoophiyaati jechuun isaanii qofti gahaadha,'' kan jedhan Ambaasaadarichi, baqattoonni lafa jiran ta'uun suuraafi maqaasaanii yoo nuuf eergan sanada geejibaa akka qopheesaniif dubbataniiru.
"Bakkichaa nama beeakmu waan hinqabneefu qunnamtii kallattii taasisuu hindandeenye. Iyya gamoojjii ta'a. Isaaniif qaqabu kan dandeenyu ammoo karaa namoota ykn dhaabbilee beeknu qofaan,'' jedhu.














