''Roadmap'' Ministeera Barnootaan qophaaye maal of keessaa qaba?

Madda suuraa, Ministry of Education
Sirna barnootaa Itoophiyaa guutummaatti haaromsuuf bu'aa qorannoon waggaa tokkoo oliif qoratamaa turee bifa ''roadmap (2018-30)'' jedhamee qophaaye irratti qaamooleen dhimmichi ilaallatu Finfinneetti Wiixataa eegalee mariiyachaa jiru.
Imaammata sirna barnootaa haaroomsuufi yaada ka'umsaa kaahuuf qorannoon kun barsiisota dhaabbilee barnoota olaanoo garaagaraarraa filataman 36 ta'aniin garee jahatti qoodamuun qo'atame.
''Sirna barnootaa Itoophiyaa keessatti wantootni gaariin maali? Fooyya'uu wanti qabu hoo?'' bu'uura jedhuun qorannichi eegaluu kan nutti himan ogeessi qorannoo kana keessaa qooda qaban Dr. Faqqadaa Tulii.
''Oolmaa daa'immanii fi sadarkaa tokkoffaa, barnoota sadarkaa lammaffaa, barnoota olaanoo, barnoota fi leenjii barsiisotaa, teekniikaafii oogummaa fi imaammataa fi bulchiinsatti qooduun qorannoon kun kutaa jahatti qoodamee akka raawwatames Dr. Faqqadaan nutti himaniiru.

Madda suuraa, Ministry of Education
Bu'aa qorannoo gareelee jahaan irraa argamerrattii hundaa'uun ''Roadmap'' qophaa'e kun sirna barnootaa haaromsuuf wantoota fooyya'uu malu jedhaman of keessaa qaba.
Haaluma kanaan falaasamnii fi imaammatni barnootaa amma jiru akka jijjiramu gaafachuun akkamiin akka jijjiiramu daandii akeeku lafa kaaheera.
Sirna hooggansa barnootaa fi caaseffama dhaabbileen barnoota hooggananii jijjiiruun barbaachisaa ta'uu eeruun ministeerri banoota amma jiru qaama gurguddaa sadii akka ta'u gaafata.
''Road map'' kun waliingahiinsi fi qulqullina barnootaa mirkaneessuun haala danda'amu irratti hojiilee hojjetamuu malaniis kaahera.
Fakkeenyaaf barnootni sadarkaa tokkooffaa hanga kutaa 6 ta'ee, barnootni qophaayinaa hafuun barattootni qormaata Yunivarsiitiitti isaan ceesisu 12 fudhatanii Yunivarsiitii akka galan. achittis waggaan tokko yeroo qophaayinaa akka ta'u yaadamuu Dr. Faqqadaan himaniiru.
Karikulamiin barnootaa amma jiru beekumsa kennuurratti xiyyeefachuun dabalataan oogummaa goonfachiisuurratti akka xiyyeefatus gaafateera dookumantiin kun.
Gosni barnootaa barattoota teeknoolojii waliin wal barsiisu sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaattis kennamuu akka qabu ni gaafata.
Sagantaan leenjii al idileen ji'oota 3-6 akka jiraatuu fi leenjiin teeknikaafi oogummaa barnoota sadarkaa lammaffaa keessaatti akka hammatamuus yaadii dhiyaateera.
Sirni maddallii gahumsaa qormaataan beekumsa ilaaluun dabalataan ogummaa fi hubannoorratti xiyyeefatamuu akka qabu, qormaata caalatti madaallii gahumsaa akka ta'us yaadameera.
Kenninsa barnootaatiin walqabtee Afaan dhalootaa, Afaan hojii federaalaa, Afaan kan biraa tokko hariiroo uummatootaa cimsuufi Afaan Ingilizii hojiirra akka oolan gaafata dokumantichi.

Madda suuraa, Ministry of Education
Wixineen imaammata barnootaa haaromsuuf kaahame kun Afaan Ingiliziifi Afaan hojii Federaalaa kutaa tokkoo qabee akka kennamus gaafateera.
Sadarkaalee barnootaa hunda keessatti addaddummaa fi tokkummaarratti hubannoo gaariin akka jiraatu gosti barnootaa heddumina aadaarratti xiyyeefatu akka kennamu yaadameera.
Wixineen imaammata barnootaa bu'aa qorannoo kanarraatti hundaa'uun lafa taa'e kun sirna barnootaa isa duree deebisuu miti kan jedhan Dr. Faqqadaan sirna barnootaa durii wajjiin garuu bakka tokko tokkotti waan walfakkaatu qabaa jedhaniiru.















