''Yoo xiqqaate bakka torbatti gurgurameera'' - rakkoo godaantotaa Liibiyaa keessatti

Madda suuraa, MAHMUD TURKIA
Baqattoonnii biyya irra qaari'anii Liibiyaa mana hidhaa Inzaaraa jedhamu magaalaa Tiriipoolii keessa jiru keessatti dararaan nurra gahaa jira jedhu.
Abduu Baaleen baqataa bara 2016'tti biyyaa kan bahe yoo tahu ''yoo xiqqaate bakka torbatti gurgurameera" jedha.
Erga mana hidhaa galee ji'a torba tahuu dubbata.
Mana hidhaa hedduu keessa akka kute kan dubbatu Abduun ''namni tokko gaafa tokko si qabaa, maallaqa buusi siin jedhaa ergasii dabarsee kan biraatti si gurgurata'' jedha.
Rakkoon hir'ina nyaataa, mana cufamaa keessatti dararamuufi manni gubachuu akka irra gahu kan himu Abduun baqatoonnii lammii Itoophiyaa, Somaaliyaafi Eertiraa 600 tahan mana hidhicha keessa jiru jedheera.
Dubartootni gudeedamuufi lafa ciisichaa tokko irra sadii ol tahanii ciisuu waan inni rakkoo keenya jedhe keessaati.
Mootummoonni Gamtoomanii waan nuu qaqqabu hin fakkaatu ''teenyee rabbuma eeggataa jirra'' jedheera.
Mana hidhaa kana erga galanii waggaa tokko kan tahe baqattuun Jamilaa Adam immoo ''biyya alaa biraa deemuu barbaanna malee as keessa turuu hin barbaannu gara Itoophiyaas deebi'uu hin barbaannu'' jetti.
Gibxiitti ambaasaadara Itoophiyaa kana tahaniifi yeroo dhihootti nama biraan akka bakka buufaman kana himan Taayyee Asqasillaasee, kanneen biyyatti deebi'uu fedhan bira akka dhaabbatan dubbatu.

Warri ragaa hin qabnellee suura qofa yoo nuuf ergan gargaaruuf qophiidha jedhu.
''Waan gochuu dandeenyu warreen magaala keessa jiranifi kan dhaqqabuu dandeenyu ragaa ittiin imaluu danda'an qopheessanii erguufidha'' jedhu.
Haa ta'u malee Liibiyaadhaa nama akka hin qabneefi waajjirallee banuu akka hin dandeenye BBC'tti himaniiru.















