Ajjeefamuu Qaaseem Solemaanii: Dambaliin ummata Iraan reeffa simachuuf bahe

Madda suuraa, HOSSEIN MERSADI
Lammileen Iraan kuma hedduu ta'an Dilbata reeffa Qaasim Solemaanii simachuuf magaalaa biyyattii Ahvaaz jedhamtu keessatti dacha'anii gadda isaanii ibsataa oolan.
Janaraal Qaasim Solemaanii torban darbe magaalaa Iraaq, Baagidaad keessatti xiyyaara nama maleessa (diroonii) US'tiin ture kan ajjeefame.
Namoonni gaddaf ba'an kun qopma isaanii reebaa "Duuti Ameerikaatiif" jechaa boo'aa oolan.
Qaasim Solemaaniin dhiibbaa Iraan Baha Giddu-galeessaa keessatti qabduuf maandiisadha jedhamee waan amanamuuf biyyattii keessatti nama cimaa sadarkaa lamaffaarra jirudha.
Ajjeefamuun qondaala kanaa lola Ameerikaafi Iraan gidduu jiru daran hammeessa jedhameera.
Gaggeessaan Ol-aanaa Iraan, Ayatolaa Kohomaanii, namni Solemaanii waliin hariiroo dhuunfaa cimaa ta'e qabu haleellaa kanaaf, "haaloo cimaa bahanna" jechuun dhaadatan.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti Iraan karaa inteneeta US cabsuun (Cyber attack) ykn karaa miidhaa baramaatiinis fedhii US Baha Giddu-galeessaa keessa jiranirratti xiyyeeffachuun haalaa bahuu dandeessi jedhu.
Ajjeechaa kana Jimaata darbe akka raawwatamuuf kan ajajan Pirezedaant Doonaald Tiramp yoo ta'u, gochi kun pirezedaantota duraanii Ameerikaa Buushiifi Obaamaadhaan balaa guddaa uumuu mala jechuun sodaatamee kan dhiifame ture.
Jimaata erga ajjeechaa kana raawwachiisanii booda Pirezedaant Traamp Sanbata kaleessaa ammoo yoo Iraan kan haaloo baatu taate dhaabileeniifi bakkawwan aadaa "Iraaniif barbaachisoodha jedhaman" 52 irratti haleellaa ni raawwanna jechuun dhaadataniiru.
Ergaa tiwiitera isaniirratti walitti fufinsaan dabarsanii tarii yaaddoo gara waraanaatti geessuu mala sodaa jedhu uumeen Obbo Tiraamp, yoo Iraan buuftaleen ykn loltoota Ameerikaa irratti kan xiyyeeffattu taate US "SAFFISAAFI HAALA HAMAA TA'EEN" Iraaniin ni haleelti jedhan.
Iraan lammilee Ameerikaas ta'e qabeenyashee yoo tuqxe Ameerikaan bakkeewwan ijoo Iraan 52 ta'anirratti xiyyeefattee akka jirtuufi 'saffisdaafi cimsitee' akka sana haleeltu Pireezidaant Tiraamp akeekkachiisan.
Ameerikaan bakkeewwan haleeluuf dhaadatte kana irrattis humnaafi meeshaa waraanaa ishee xiyyeeffachuun koomeera ta'aa jirti.

Madda suuraa, Reuters
Ibsi kun kan bahe Ameeerikaan jeneraala Iraan Olaanaa Qaseem Soleemanii erga ajjeefte booda.
Iraan ajjeechaa kana akka haaloo baatu dhaadatteetti.
Iraan deebii ajjeecha jeneraalichaaf "qabeenya Ameerikaa tokko tokko irratti xiyyeefattee akka jirtu haasa'aa jirti" jechuun Tiraamp Tiwitara gubbatti barreeseera.
"Ameerikaan dorsisaa dabalataa hin barbaaddu!" jedha.
Tiraamp akka jedhutti bakkeewwan ijoo 52n kun bara 1979tti lammilee Ameerikaa 52 kan Imbaasii Ameerikaa Teehraan keessaa qabamanii waggaa tokkoo oliif booji'amanii turan kan bakka bu'udha.
Tiraamp Tiwiitara irratti kana barreessuun yeroo gabaabaa booda, marsariitiin ejansii mootummaa US gartuu "Iran Cyber Security Group Hackers" ofiin jedhuun karaa seeraan alaan seenamee to'atame (hacked) fakkaata.
Ergaan marsariitii 'American Federal Depository Library Programme' irratti bareeffame akkas jedha:
"Kun ergaa Rippaablikaa Islaamaa Iraan irra dhufedha."
"Nuti hirriyoota keenya naannicha keessa jiran deeggaruu hin dhiifnu: lammilee Paalestaayiin hacuucaman, lammilee Yaman hacuucaman, lammileefi mootummaa Siiriyaa, lammileefi mootummaa Iraaq, lammilee Baahreen hacuucaman, mormii Mujahideen isaa dhugaa Libaanoonifi Paalestaatyiin keessa jiru, isaan kun hundi yeroo mara nu biraa deeggarsa qabu."
Marsariitii kanaratti suuraa Pireezdaant Tiraamp fuularra dha'amee yeroo hidhiin isaa dhiiguu fakkeessu agarsiisu maxxanfameera.
"Kun dandeetti Iraan cyber keessa isa xiqqaadha!" jechuun gartuun kun barreesaniiru.

Madda suuraa, HOSSEIN MERSADI
Sanbata maaltu dursee uumame?
Dubbin Tiraamp kun kan dhufe sirna awwaalchaa guddaa Janaraal Soleemani Baagdaaditti gaaggeefame booda.
Namootni sirna kanarra turan alaabaa Iraaqifi milishaa qabatanii "duuti Ameerikaaf" jechuun dhaadachaa turan.
Sirna kana booda zoonii bilisaa naannoo Imbaasii Ameerikaa jiru dabalatee haleellan rookkeetii hedduu naannicha sochoosee ture.
Gareen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Reeffi Suleemaanii Dilbata kana Iraan akka seene, midiyaan biyyarri IRIB gabaaseera.













