Qaasim Solemaani: 'Du'a Ameerikaaf' jedhani dhaadatan warri sirna awwaalcha Solemaaniif bahan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Gaggeessaa Solemaaniif namoonni hedduun Iraaq keessatti wal gahan

Sirni awwaalcha jeneraal Qaasim Solemaani kan guyyoota sadiif turu Iraaq magaalaa Baagdaaditti wayita eegalu namootni kumaatamaan lakkaa'aman bahaniiru.

Solemaaniin nama sochii waraana Iraan jiddugaleessa Bahaa keessatti taasiftu kan hogganu yoo ta'u Iraan ajjeefamu isaa sirnaan akka haaloo baatu dhaadatteetti.

Sirni awwaalcha isaa guyaa sadiif turu har'a eegale. Reeffi isaa gara Iraan deebifamee ganda dhaloota isaatti awwaalamuuf jira.

Warreen sirna awwaalchaaf bahan du'a ajajaa milishaa Iraaq Abu Maahdi al-Muhaandisiifis gadda ibsataa jiru.

Kanneen sirna awwaalchaa kanaaf bahan, alaabaa Iraaqi fi milishaa Iraaq mirmirsuun 'duuti Ameerikaaf' jechuun dhaadataa turani.

Reeffi jeneraalicha Sambata galgala gara Iraan geeffama jedhamee eegama. Kibxata ammoo iddoo dhaloota isaa Kermaan jedhamtu jiddugaleessa Iraan jirtutti sirni awwaalchaa isaa ni raawwata.

Solemaani kan ajjeesne 'waraana dhaabsisuufi'

Pireezidant Donaald Tiraamp ajajaa waraanaa Iraan Qaasiim Solemaani Ameerikaan kan ajjeeste, "waraana dhaabsisuufi malee eegalsiisuuf miti" jedhan.

Ajjeechaa Iraaq buufata xiyyaaraa Baagdaad biratti raawwatame kanaan "barri bulchiinsaa shororkaa Solemaani dhumateera" jedhan.

President Tiramp

Madda suuraa, Reuters

Ajjeefamuu jeneraala kanaa booda muddamni Iraan fi Ameerikaa jidduu ture daranuu hammaateera.

Of eeggannoof jecha loltoonni Ameerikaa 3000 gara Jiddugaleessa Bahaa akka ergaman aanga'oonni biyyattii himaniiru.

Televizhiiniin biyyaalessaa Iraaq akka jedhutti ammoo ajjeechaa Solemaanii sa'aatii 24 booda haleellaan qilleensarraa biraan biyyattii keessatti raawwateera. Kanarratti Ameerikaan homaatuu hin jenne.

Madda keessoo waraana Iraaq waabeffachuun Rooyitars akka gabaasetti haleellaa lammataa kanaan namoonni 6 ajjeefamaniiru.

Haleellaan kun konkolaataa milishaa Iraaq baatee socho'aa ture irratti raawwatame.

Donaald Tiraamp maal jedhan?

Riisoortii Mar-a-lago jedhamu Filooridaa keessatti argamutti miidiyaaf ibsa kan kennan Donaald Tiraamp, ajjeechaa Jimaataa kanaan "Ameerikaan shororkeessaa addunyaarraa isa jalqabaa ta'e ajjeeste" jedhan.

"Solemaaniin haleellaa hamaafi hin hafne dippiloomaatotaafi qondaalota waraanaa Ameerikaa irratti rawwachuuf korachaa ture, dursine qabannee dhabamsiifne."

Iraan akkamiin deebii laatte?

Hogganaan Iraan Ayaatoolaa Kihaameeni ibsa ajjeefamuu jeneraalichaa booda kennaniin: "Gara Waaqaa deemuun isaa karaa inni irraa deemaa tureefi ergama isaa hin dhaabsisu" jedhan.

"Warra dhiigni isaa fi wareegamtoota isa waliin turan dhiigni isaanii harka isaaniirra jiru haaloo bahachuu jabaatu isaan eeggata" jedhan.

Qaasiim Solemaani

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Solemaani ajaja kallattii Donaald Tiraampiin ajjeefaman

Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara Iraan kan ta'an Majiid Taakit Ravaanchi, Iraan seera idil-addunyaan mirga ofirraa qolachuu qabdu qusatteetti jedhan.

Iraaq qooda akkamii qabdi?

Iraan gareelee milishaa shiyaa biyya ollaa Iraaq keessa socho'an deeggarti.

Wayita haleellaan sun raawwatamu Solemaanin reefu buufata xiyyaara Bagdaad gahanii hogganoota milishaa Iraaq waliin konkolaataa keessa turan.

Konkolaataan Isaanii haleellaa misaa'ela xiyyaara nam-maleessaan darbatamuun irra deddeebiin rukutame.

Hogganaan milishaa Iraaq Abu Mahdii al-Muhaandis kanneen ajjeefaman keessaati.

Garee milishaa 'Kataayib Hezboollaa' jedhamu kan Iraaniin deggaramu ajaja. Ameerikaan kotiraaktara lammii ishee ta'e torbee darbe Kaaba Iraaq keessatti ajjeefameef garee kana yakkite.

Biyyoota lamaaniif, Ameerikaafis Iraaniifis michuu kan taate Iraaq haala rakkisaa keessa galte.

Lola biyyattiin IS waliin gochaa jirtu deeggaruuf loltoonni Ameerikaa kumaatamaan lakkaa'aman Iraaq keessa jiru.

Haa ta'u malee mootummaan Iraaq Ameerikaan waliigaltee isaaniin ala socho'aa jirti jechuun himatu.

Haleellaa ameerikaa miilanaa kanaan MM Iraaw Adel Abdul Maahdi "birmadummaa Iraaq kan sarbee kabaja biyyaalessaashee irratti haleellaa raawwatame" jechuun ibsan.

Manni maree bakka bu'oota Iraaq Dilbata walgahii hatattamaa taa'a.

Ameerikaan lammileen ishee Iraaq keessa jiran hatattamaan biyyattii gadi dhiisanii akka bahan ajajjeetti.

Qaasiim Solemaani eenyu?

Jeneraalli ganna 62 lubbuun isaa dabarte, hogganaa Iraan Ayaatoolla Kihaameenetti aanuun Iraan keessatti nama aangoo jabaa qabu isa lammataati.

Humni Quuds jedhamu inni ajaju Waraana Warraaqsaa Iraan keessa warra jaboo yoo ta'an kallattiin hogganaa biyyattii Ayaatollaafi gabaasa godhu.

Jeneraalli kun akka goota biyyalessaatti kan ilaalamu.

Waggoota 21 humna Quuds hooggane keessatti Iraan Hezboollaa dabalatee gareelee milishaa Libaanoon keessatti socho'an jabeessiteetti.

Iraaq fi Siiriyaa keessattis sochii waraanaa taasiftu daran jabeessite.

Waraana mootummaan Siiriyaan Bashaar al-Asaadiin durfamu finciltoota waliin taasisu keessatti Bashaar al-Asaad deeggaruun gumaacha guddaa gootee jirti.