Iraan Imbaasii Ameeerikaa haleelameef 'gatii guddaa baasti' jedhan Tiraamp

Mormitoota Imbaasiin Ameerikaa akka cufamu gaafatan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoota Imbaasiin Ameerikaa akka cufamu gaafatan

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Imbaasii Ameerikaa Iraaqitti haleelameef Iraan balaaleeffachuun biyyattii doorsiisan.

Haleellaa xiyyaara Ameerikaatiin miseensi hidhattoota tokko ajjeefamuu isaatiin kanneen mufatanii hiriira bahan mooraa Imbaasii Ameerikaa Iraaq jiru haleelaniiru.

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp jala bultii ayyaana Waggaa Haaraa tiwiitara isaanii irratti barreessaniin lubbuu namaa badeefi qabeenya manca'eef ''Iraan gatii guddaa baasuuf jirtii'' jechuun ibsan.

''Kuni akeekkachiisas miti ,doorsisa'' jedhan.

Ministirri Humna Ittisa Ameerikaa Maark Ispeer loltoonni Ameeerikaa 750 ta'an naannichatti akka bobbaafaman boodarra ibsaniiru.

''Ameerikaan namoota keenyaafi bu'aa addunyaa kanarraa eessattu qabdu ni tikfatti'' jechuun tiwiitara irratti barreessan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Kanneen hiriira bahan dallansuudhaan iddoo waardiyyaan keessa taa'u ibiddaan qabsiisanii bakka keessummoonni simataman caccabsani jennaan loltoonni Ameerikaa gaazii imimmaanessuu itti dhukaasan.

Iraan garuu himannaa Tiraamp haalteetti. Himannaa dhiyeessaniis kabajaa dhabiinsa jechuun balaaleeffatte.

Hidhattoonni Ameerikaan haleellaaf irratti qiyyaafatte humna Iraaniin deeggaraman Katayib Hizbollaa jedhaman dhiya Iraaq fi Sooriyaa keessa socho'u.

Haleellaa Ameerikaatiin Dilbata darbee yoo xiqqaate hidhattoonni 25 kan ajjeefaman yoo ta'u, Waashingitan lammii Ameerikaa maadhe humna waraanaa Iraaqi qabdu keessatti haleellaa rokkeettiin ajjeefame haaloo bahuf akka kana goote ibsite.

Ministirrii Muummee Iraaq Abdul Mahaadin haleellaan Ameerikaa kun birmadummaa Iraaq sarbeera jedhan.

Hoogganaan hidhattoota Katayib Hizbollaa Abu Mahaadii al-Muhaadis humnoota Ameerikaan Iraaqi qabdu haleeluuf akeekkachiseera.

Pirezidant Tiraamp humnoonni Iraaq hojjattoota fi Imbaasi Ameerikaa akka eegu akka qaban dubbachuun , MM Iraaq kana dursanii raawwachuu isaaniif galateeffataniiru.

Baagidaaditti maaltu mudate?

Kibxata kaleessaa magaalaa Iraaq Baagidaaditti sirni awwaalcha hidhattoota haleellaa xiyyaara Ameerikaan ajjeefaani wayita raawwatamutti hiriirri mormii kun kan mudate.

Hoogganaa garee hidhattoota kanaa dabalatee namoota kumaatamatti lakkaa'amanitu irratti argame.

Hooggantoonni gartuu hidhattoota kanaa boodarra gara Imbaasiifi waajjiraaleen mootummaa argamanitti qajeelan.

Humnoonni tikaa Iraaq eeyyamaniifi naannicha akkuma seenaniin mooraa Imbaasii Ameerikaan alatti walitti qabaman.

Dursaan hidhattoota Asayib Ahal al-Haq jedhamanii Qayis al Kazaalii 'Imbaasii kanatu haleellaa kana qindeessuu mirkaneeffanneerra' jedhee alaabaa Hizbollaa mirmirsaa dubbate.

Dhaadannoo Ameerikaa balaleeffatu dhageessisaa erga turanii booda dhagaa gara balbala Imbaasichaatti darbachuu eegalan.

Kameeraa eegumsaaf fannifaman harkisaa iddoo eegumsaa haleeluu jalqaban.

Boodarra dallaa moora cabsanii seennaan, loltoonni Ameerikaa gaazii imimmaanessu dhukaasutti ce'an.

Mormiin eegalamee sa'aatii tokkoon booda MM Iraaq Abdul Mahaadiin naannoo Imbaasii Ameerikaa namoonni mormitti jiran gadhiisani akka deeman waamicha dhiiyeesani.

Hojjattoota lammii biyya biroo miidhuun seeraan isin adabsiisaa jedhani akeekkachisaa turan.