Haasan Ruhaani: qoqqobbiin Ameerikaa waraana xiin-sammuuti'

Madda suuraa, AFP PHOTO / HO / IRANIAN PRESIDENCY
Pirezidaantiin Iraan Haasan Ruhaanii qoqqobbii Yunaayitid Isteet biyya isaanii Iraan irratti keesse balaaleeffatan.
Qoqobbii eda galgala hojiirra ooluu eegale ''waraana xin-sammuu lammiilee Iraan addaan foo'uuf'' yaadamedha jedhaniiru.
Qoqqobbiin kuni daldala boba'aa biyyattii irratti dabalatee damee biyyattii hedduu irratii dhiibbaa uuma.
Gamtaan Awurooppaa dhaabbilee seera hordofanii hojjetan ni miidha yaada jedhun murtee kana mormee ture.
Qoqobbiin kuni waligaltee Yunaayitid Isteet Iraan waliin bara 2015 seente keessaa erga baate booda yeroo bulchiinsa Pirezidaant Tiraamp dhufedha.









