Yunaayitid Isteet Iraan irratti qoqqobbii haaraa keesse

Madda suuraa, AFP
Yunaayitid Isteet namoota jahaafi kaampaaniwwan sadii humna waraanaa Iraan 'the Revolutionary Guard Corps (IRGC)' jedhamu waliin hidhata qabu jettte irratti qoqqobbiin keesse.
Ministirri qabduu maallaqaa biyyatti Isteevan Minuchin akka jedhanitti qoqqobbiin kuni jarreen garee waraanaa kana dolaara miiliyoona hedduun tumsaniifi ''waan hin taanef bira dhaabatan'' jedhaman irratti qoqqobbin kaa'ame.
Namoonni qoqqobbiin irratti kaa'ame jahanu lammiilee Iraanidha jedhameera.
Akkaataa qoqqobbii kanaan lammiileen Ameerikaa fi dhaabbileen biyyattii namoota qoqqobbiin irra kaa'ame waliin hin dalagan.
Murteen kunis walta'insa Yunaayitid Arab Emireet (UAE) waliin taasifame.
Obbo Minuchin bulchiinsi mootummaa Iraaniifi baankiin giddugaleessaa biyyatti karaa dhaabbilee Yunaayitid Arab Emireet (UAE) argamanin waliin dhahuun garee kana gargaaraniiru jedhan.
Humni waraanaa deeggarsi taasifameefi jedhame kuni Warraqsa Iraan bara 1979 booda Ayaatolah Kiminiidhaan hundeeffame.
Yeroo ammaas dhimmoota waraanaa, siyaasaa,fi diinagdee biyyatti duuba, ergama waraanaa ijoo irratti dabalatee gahee olaanaa gumaacha.












