Ameerikaan marii Niwikileera Iraan keessaa baate

Madda suuraa, AFP/ Getty Images
Pireezidentiin Ameerikaa Doonaald Traamp Ameerikaa waliigaltee Niwikileera Iraan bara bulchiinsaa Obaamaa kessaa akka baasan himan.
Waliigaltee ''dulloomaa fi alaawaa'' jedhan kanaan akka lammii Ameerikaa tokkotti ''yeella'uu isaaniis himaniiru.
Gorsa michoota isaanii Awroopaa faallaa kan deeman Traamp, qoqqobbiiwan diinagdee bara waliigalteen kun itti mallataa'ee, 2015, haasa'amaa turan Iraan irra kan kaa'an ta'uus himan.
Iraanis gama isheen deebii kenniteen gabbisa yuraaniyeemii anniisaa Niwikileeraa fi meeshaa waraanaaf oolu itti fufuuf qophaa'uu beeksifteetti.
Pireezidentiin Iraan Hasan Rohaani ''Ameerikaan waliigaltee galte biyya hin kabajne ta'uu beeksifteetti'' jedhaniiru.
Dhaabbatni Anniisaa Atoomawaa Iraan yoo barbaachisaa ta'e gochaaf qophaawoo akka ta'an ajaja dabarseen jira, barbaachisaa ta'ee yoo argame gabbisa keenya sadarkaa idaastiritti danqaa malee akka itti fufu ni goonas jedhaniiru.
''Torbanootaa muraasaaf obsuun'' michootaa fi biyyoota biroo waliigaltee Niiwikileera mallatteesan waliin akka haasa'anis himaniiru.
''Biyyoota biroo waliigaltee kana keessa jiran waliin galma waliigaltichaarra yoo geenye haalli jiru akkuma jirutti itti fufas'' jedhan Pireezident Rohaaniin.
Pireezident Traamp, kana dura waliigalteen mallateefame sochii Niwikileera Iraan yeroo muraasaaf kan ittise dha jechuun komachaa turan. Iraan misooma misaayeloota Baalastiki hin dhiifne waliigaltee kanaan qarshii argatte doolaara biiliyoona 100 argattes miisooma meeshaa waraanaa, shororkeessummaa fi cunqursaaf biyyoota gidduugala baahaaf itti fayyadamtes jedhu Traamp.
Itti dabaluunis ''sirna waliigaltee dulloomaa fi alaawaa kanaan boombii Niwikileeraa Iraan dhaabsisuun akka hin danda'amne naa galeeras jedhan.
Waggaa sadii dura waliigaltee kana akka pireezidentii Ameerikaatti mallateesanii kan turan Baaraak Obaamaan ibsa Traamp kana qajeeltoodhabeessa ittiin jedhaniiru.












