Ameerikaan Qaasiim Soleemaanii ajjeesuun IS'f oduu gaarii dha

Hogganaan Milishoota Iraaq Abuu Mahaadii-al Muhaandis Soolemaanii waliin iddoo tokkotti ajjeefaman

Madda suuraa, AFP

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp jeneraal Qaasiim Solemaanii ajjeesuun gaaga'ama yookiin daafii wal-qabatu fiduu mala jedha Baha Giddu Galeessaatti gulaalaan BBC Jeermii Booween.

Dhiibbaan inni jalqabaa waraana hin xumuramne jihaadistoota waliin jiru dha.

Gareen US Iraaq keessatti IS lolan akkuma Solemaaniin ajjeefameen hojii isaanii akka dhaaban taasifamaniiru.

Ameerikaa fi deeggartoonnishee hojiin isaanii guddaan of eegachuu akka tahes himaniiru.

Gama loltummaan yoo ilaalte filannoo qabaachuu dhiisuu danda'u.

Iraanii fi milishoonni isheetiin deeggaraman ajjeechaa Solemaanii pireezidaant Tiraampiin Baagidaaditti taasifame haaloo bahuuf kakataniiru.

Kuni humnoota Ameerikaa Iraaq keessa jiraniifi michoota isaanii waraanaaf qophii akka taasisan godheera.

IS'f immoo erga kaalifonni isaa rukutamaniin booda dafee deebi'ee akka bayyaannatuuf carraa kennaaf.

Iraaq loltoonni Ameerikaa biyyattiirraa hatattamaan akka bahaniif seera wixinee paarlaamaatti dabarsuunshee humnoota mankaraaressitootaaf oduu gaarii dha.

IS waggoota darbaniif iddoo bade jedhamerraa deebi'ee ka'aa ture. Humnoota Al-Qaa'idaa durii irraatis of ijaare.

Ameerikaan haleellaa bara 2016-2017 daangaa Iraaqiifi Siiriyaa irratti taasifteen to'annoo IS dhabamsiisuuf yaaltee turte.

Loltoonnifi Jihaadistoonni baayyeen du'aniiru kaan immoo hidhaa bu'aniiru. Kuni garuu garee IS'n hin balleessine.

Ammallee qubannaa isaa durii Iraaqii fi Siiriyaa keessatti riphee loluu fi maallaqa dirqamaan fudhachuun namoota baayyee galaafateera.

Mootummaan Iraaq, loltuu fi Poolisii Ameerikaa fi Awurooppaadhaan leenjifaman kan IS'n lolan qaba.

Erga Soolemaaniin ajjeefameen asitti Ameerikaa dabalatee Jarmaniifi Deenmaark leenjii kennuu dhaabaniiru.

Warri Jarman loltoota isaanii gara Joordaanii f Kuweetitti dabarsaaa jiru.

Yeroo baayyee IS loluu irratti dura bu'uun kan hirmaatan loltoota Iraaq dha. Leenjii dhaan dabalata Ameerikaan gama meeshaa fi bobbaasaatiin ni gargaarti.

Humnooti IS ammas Iraaq keessatti haleellaa qaqqabsiisu.

Madda suuraa, IS propaganda

Gareen IS pireezidaantiin Soleemaanii ajjeesuuf murtessuun diinni isaanii akkamiin akka hojjetu barani jechuu dha.

Bara 2014tti jihaadistoonni magaala guddoo Iraaq lammaffaa Mosuul dabalatee lafa bal'aa qabachuun haleelaa turan.

Iraaq keessatti hogganaan warra Shiyaa Ayaatoolaa Alii al-Sistaanii loltoonni mankaraaressitoota Suunii akka lolan ergaa dabarsaa ture.

Dargaggoonni Shiyaa kumaatamaan lakkaa'aman waamicha kanaaf tole jedhanii turan, Sooleemaanii fi humooti Kuuds gara hidhannootti galuun qaama ergaa sana fudhachuuti. Milishoonni kunneen gara laafummaa kan hin qabneefi diina warra IS turan.

Humnoota Poopulaar Mobilaayzeshiin

Madda suuraa, AFP

Amma humnooti Iraaqiin deeggaraman waraana Iraaqitti dabalamuun dhaabbata guddaa Pooppulaar Mobilaayzeshin jedhamu uumaniiru. Hoggantoonni milishaa beekamoon amma hoggantoota siyaasaa gurguddoo tahaniiru.

Bara 2014, Ameerikaa fi milishoonni kuneen diinni waloo kan itti dhufe fakkaatu ture. Ammaa garuu milishonni Shiyaa waan hundee isaanitti deebi'uu barbaadan fakkatu, innis weerara Ameerikaan bara 2003 qabee taasisa jirtu loluu dha.

Leenjii Ameerikaarraa argataniifi meeshaa waraanaa Soolemaaniin kennuufin loltoota Ameerikaa waraananiiru, Tiraamp haleellaa kana raawwachuunis sababa isa tokko.

Tiraamp bara 2018tti waliigaltee niwukileeraa Iraan diigde. Ergasii Ameerikaa fi Iraan muddama gara waraanaa geessutti galaniiru.

Mormitoonni embaasii Ameerikaa Iraaq keessa jiru gaafa Mudde 31, 2019 haleelan

Madda suuraa, AFP

Soolemaaniin otoo hin ajjeefamiin dura milishoonni Shiyaa Ameerikaa xiyyeeffannoo haleellaa isaaanii taasisuu jalqabaniiru.

Baatii Muddee keessa kontiraaktariin Ameerikaa Kaaba Iraaqa keessatti ajjeefamuun haleellaa milishoota 25 garee Kaataayib Hizboollaa ajjeesuun deebifameera.

Hogganaan garee kanaa Abuu Mahaadii al-Muhaandis Baagidaaditti Soolemaanii argachuu deemee achumaan waliin ajjeefame.

Akka seenaan mul'isuutti yoo taheef jihaadistoonii yeroo tasgabbiin hin jirre, hokkorri yooo uumamuu fi diinoti wal hiran yeroo irra jabaatu.

Kuni kana dura taa'aa ture, ammas tahuunsaa hin oolu.