Iraan ajjeechaa saayintistiisheef Israa'eeliin himatte

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Iraan ajjeefamuu saayintistii Niiwikalaraa isaanii Jimaata Kaleessaaf Israa'eeliin himachuun, sagantaan niiwikileeraa biyyattii kan hin gufannee ta'uu ibsan.
Pireezidant Rohaaniin ajjeefamuun Mohiseen Fakihriizadeeh ''jibba fi abdii kutannaa gadi fagoo diinoonni keenya keessa jiran agarsiisa'' jedhan.
Saayintistiin kun ajjeefamuu booda Israa'eel yaada kan hin kennine ta'uus, kana dura namni kun sagantaa meesha waraanaa Niiwikilaraa dhoksaan hojjetamaa jiru duuba akka jiru ibsitee ture.
Rohaaniin yaada kan kennan erga humni waraanaa Iraan fi hoogganaan olaanaan biyyattii ajjeechaa kana haaloo bahuuf waamicha erga godhaniiti.
Fakihriizadeeh kan ajjeefaman magaalaa guddoo biyyattii Tehraan irraa gara bahaatti magaala argamtu Absaard jedhamtutti konkolaataa isaanii keessa osoo jiranii itti dhukaafameeti.
Gabbisni Niiwikilaraa Iraan biyyootni lixaa mormaniin kun nageenyaafi jechuun piroojektii meeshaa waraanaa Niiwikilaraa hidhachuu akka hin taane waakkatti.
Rohaaniin diinonni Iraan lammiileefi hooggantootni Iraan goota akka ta'an fi yakka kanaaf deebii akka kennan beekuu qabu jedhan''Yeroo isaatti yakka kanaaf gatii kaffalu'' jedhan.
Hoogganaa olaanaa biyyattii Ayaatolaa Alii Haminiif gorsaa dhimma waraanaa kan ta'an Hossiyeen Deehigaan kanneen ajjeechaa kana raawwatan irratti ''haleellaan akka bakakkaa'' akka fudhatamu waamicha godhaniiru.
Ministirri Haajaa Alaa biyyattii Mohaammad Javaad Zariif gama isaaniin hawaasni idila addunyaa ''gocha biyya shororkeessuu'' kana akka balaaleffatan ergaa tiwiitara irratti maxxansanii gaafatan.
''Shorokeessitootni saayintistii Iraan guddaa ajjeesaniis'' jedhan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Iraan kan ta'an Majiid Takiht Ravaanchii ammoo ajjeechaan kun seerota idila addunyaa kan casbuufi naannichatti jeequmsa uumuuf kan kaayyeeffate jedhan.
Zaariif ajjeechaa kana keessaa gaheen Israa'eel akka jiru agarsiiftuuwwan jiruu jedhan.
Pireezidantiin Israa'eel Beenjaamiin Netaaniyaahuu dhimma Niiwikilaraa Iraan Irratti bara 2018'ttii haasaa dubbatan keessatti maqaan saayintistii kanaa kaasaaniiru.
Bara 2010 fi 2012 gidduutti saayintistoonni gameeyyii damee misooma niwukilaraa Iraan afur ajjeefamaniiru.














