Saayintistiin niwukilaraa gameessi Iraan ajjeefame

Konkolaataa rukutamte

Madda suuraa, EPA

Saayintistii gameessi dhimma gabbisa niwukilaraa Iraan Mohsen Fakhrizadeh handaara magaalaa Tahraanitti ajjeefamuu Ministeerri Ittisaa biyyattii ibse.

Fakhrizadeh erga kutaa biyyaa Damavand keessatti haleelamee booda hospitaalatti du’e.

Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti kanneen nama kanarratti qiyyaafataa turan rasaasaan rukutuun dura konkolaataasaarratti boombii dhoosuuf yaalaa turan.

Ejensiiwwan basaasaa fi tikaa warra dhihaa namni kun nama sagantaa gabbisa niwukilaraa Iraan sochoosuudha jedhuun.

Dippiloomaatonni biyyoota adda addaa ‘abbaa boombii Iraan’ ittiin jedhu.

Oduun ajjeefamuu nama gameessa kanaa kan dhagahame tibba oduun ‘Iraan misooma yureeniyamii ishee dabalaa jirti’ jedhu baay’inaan dhagahamaa jiruttidha.

Gabbisi yureeniyamii wayita dabalu madda anniisaa hawaasaaf faayidaa kennuu fi meeshaa waraanaa niwukilaraaf faayidaa guddaadha.

Misooma niwukilaraa humna waraanaaf oolchuuf jedhamuun yeroo baay’ee kan komatamtu Iraan, isheen garuu madda anniisaa hawaasaaf faayidaa kennuufan itti fayyadama jechuun ejjennoosheerratti cichiti.

Bakka haleellaa

Madda suuraa, EPA

Bara 2010 fi 2012 gidduutti saayintistoonni gameeyyii damee misooma niwukilaraa Iraan afur ajjeefamaniiru.

Ajjeechaa kanaaf Iraan Israa’eliin komatte.

Ministirri Muummee Israa’eel Beenjaamin Netanayaahuu bara 2018 wayita dhimma gabbisa niwukilaraa Iraan irratti ibsa kennan maqaa Fakhrizadeh kaasanii dubbataa turan.