Filisxeemiif beekamtii kennuun gaaffi biraa dhale - eenyutu hooggana?

Ijoollee alaabaa Filisxeem qabatttee jirtu

Biyyoonni sadi: UK, Kanaadaafi Awustiraaliyaan kaleessa, Fulbaana 21, 2025 Filisxeemif beekamtii biyyummaa akka kennan ifatti beeksisan.

Lakkoofsi biyyoota Filisxeemif beekamtii kennanii amma 150 ol ta'aniiru. Haa ta'u garuu ammayyuu gaaffiin wal-xaxaan hin deebine jira.

Filisxeem maalidha? Biyyumti Filisxeem jedhamtuufi beekamtiin kennamuuf qabatamaan lafarra jirtii?

Adeemsa Filisxeem biyya walabaa ta'uuf taasistu eenyu gaggeessa? kanneen jedhan fa'aa.

Akkaataa Waliigaltee Monteeviidiyoo bara 1933tti biyya walabaa ta'uuf ulaagaalee afur guutamuu qabantu jiru.

Kanneen keessaa Filisxeem ammaaf ulaagaa lama ni guutti: ummata biyya walabaa ijaarratu qabaachuufi hariiroo idiladdunyaa tolfachuu danda'uudha.

Gaazaa keessa waraanni jiraatuf bakka uummanni Filisxeem keessa jiraataniidha. Weest Baankiis akkasuma bakka Filisxeemonni keessa jiraatan waan ta'eef ulaagaa uummata lafa murtaa'aa ta'e irra jiraatan qabaachuu ni guutu.

Gama biroon ammoo Filisxeem Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee biyyoota garaa garaa keessaa dippilomaatota qabdi. Kana jechuun Filisxeem hawaasa idiladdunyaa waliin hariiroo talfachuu ni dandeessa jechuudha.

Garuu Filisxeem "daangaa murtaa'e" hin qabdu. Daangaa Filisxeem kana kan jedhu akkasumas [Israa'el] waliin waliigalteen nagaa waaraan waan hin jirreef, Filisxeem jechuun daangaanshee kana jedhanii jala muranii himuun rakkisaadha.

Filisxeemonni biyya walabaa ijaa tolfachuu kan barbaadan: Baha Yeerusaalee, Weest Baankifi Gaazaa bakka tokkotti. Bakkeewwan kana sadanuu Israa'el Waraana Guyyaa Jahaa bara 1967gaggeeffameen to'atte.

Israa'el bara 1948tti gaafa biyya taatee hundooftu Gaazaafi Weest Baank gargar hafan.

Kiir Istaarmar pirezidaantii Filisxeem Mhaammud Abbaas waliin yeroo nagaa wal gaafatan

Madda suuraa, Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Kiir Istaarmar pirezidaantii Filisxeem Mhaammud Abbaas waliin

Waliigaltee Osloo bara 1990oota booda Abbaan Taayitaa Filisxeem Weest Baank %40 qofa bulcha; gama biraa qubsumni Yihudootaa garmalee babal'atee jira.

Bara 1967 irraa kaasee qubsumni Israa'el Weest Baank keessatti taasistu abjuu Filisxeemonni biyya walabaa ijaarrachuuf qabaniif danqaa guddaa ta'a jedhamee amanama.

Gama biraan ammoo bakki Filisxeemoonni akka magaala guddoosaanii gara fuulduraatti ilaalaalan Bahi Yerusaalem qubsuma Israa'el gaggeessituun nyaatamaa deemuun Weest Baank waliin akka wal-hin qabanne godhamaa jirti.

Gaazaan waggoota lamaan darbaniif waraanaan raafamaa jirtu egereenshee maal akka ta'u hin baramne.

Rakkooleen biyyummaa Filisxeemiif daanqaa uuman kunneen osoo jiranuu, ulaagaan arfaffaan Waliigaltee Monteviidoo Filisxeem akka guttuuf irraa eeamu mootummaa qabaachudha- kuni ammoo Filisxeemiif rakkoo guddaadha.

'Gaggeessaa haaraa barbaanna'

Bara 1994tti Israa'elifi Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) gidduutti waliigaltee taasifameen Abbaan Taayitaa Filisxeem (PA) hundeeffame.

Abbaan Taayitaa Filisxeem kun Weest Baankifi Gaazaa keessatti bulchiinsa sivilii akka gaggeessuuf aangoon kennameef.

Garuuu bara 2007tti Hamaasifi Faataa gidduutti lola cimaa gaggeeffameen Faataan Gaazaa keessaa baafamee Weest Baank qofaa bulchuu itti fufe. Ergasii Gaazaafi Weest Baank gareewwan Filisxeem akka diinatti wal-ilaalan lamaan Hamaasifi Faatadhaan bulaa jiru.

Hawaasi idiladdunyaa ammoo Bulchiinsa Abbaa Taayitaa Weest Baank bulchu kan pirezidaant Muhaammud Abbaasiin hogganamuuf beekamtii kenna.

Mahaammud Abbaas, pirezidaantii Abbaa Taayitaa Filisxeem

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mahaammdu Abbaas ganna 90 guutuuf jedhu

Gaazaafi Weest Baank ji'oogiraafiin erga gargar bahanii waggaa 77 yoo ta'u, siyaasaan Hamaasifi Faatatti erga gargar qoodamuun wal-gaarreeffatanii waggaa 18 ta'eera.

Garaagarummaa siyaasaa gaggeessitoota Gaazaafi Weest Baank gidduutti waggootaf uumameefi bulchiinsi Weest Baank cimaa ta'uu dhabuurraa kan ka'e, Filisxeem biyya walabaa ta'uun haa hafuutii gaggeessitoonni siyaasaa Hamaasifi Faataa rakkoosaanii furatanii tokko ta'uu dhabuunuu Filisxeemota heddu abdii kutachiisera.

Filisxeem keessatti filannoon parlaamaa bara 2006 asi gaggeeffamee hin beeku. Kana jechuun namni ganna 36 ta'e tokko Weest Baankis ta'ee Gaazaa keessatti sagalee kennee hin beeku jechuudha.

"Waggoota kana hunda keessatti filannoo gaggeessuu dhabuun keenya baay'edhuma na dhiba.

Gaggeessaa haaraa barnaanna," jetti ogeettii seeraa Filisxeem kan taate Diyaanaa Buttuu.

Filisxeemota halellaa Israa'el jalaa baqataa jiran

Madda suuraa, MAHMUD HAMS/AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Onkoloolessa 2023 as Gaazatti namoonni 60,000 ol du'aniiru

Waraanni Onkoloolessa 2023 erga eegalee as qeeqi bulchiinsa Mahaammud Abbaas irratti cimee dhufeera.

Filisxeemonni heddu yeroo Gaazaa keessatti du'an, Abbaan Taayitaa Weest Baank bulchu callisee fageenyarraa ilaaluu malee homaa gochuu hin dandeenye.

Rakkoo wal-xaxaa keessoo siyaasa Filisxeem

Rakkoon keessoo gaggeessitoota siyaasaa Filisxeem bara kan lakkoofsiseedha.

Gaggeessaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem kan ture Yaasiir Arafaat jiruu baqaa waggoota dheeraa booda Abbaa Taayitaa Filisxeem akka gaggeessuuf gaafa Weest Baankitti deebi'u, namoonni siyaasaa Filisxeem Weest Baank keessa turan miirri qoollifatamuu isaanitti dhagahame.

Keessoon bulchiinsa Yaasiir Arafaat malaammaltummaan heddu hamatamu, bulchiinsi Abbaa Taayitaa Filisxeem heddu akka hin tarkaanfanne taasise.

Mootummaan Abbaa Taayitaa Filisxeem haaraa hundaa'e qubsuma Israa'el Weest Baankitti gaggeessuu dhaabuu dadhabuun cinaatti waliigalteen bara 1994 adeemsa keessa walabummaan Filisxeem akka mirkanaa'u mallattaa'e hojiitti hiikuu dadhabe.

Gaggeessaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem Yaasiir Arafaat (karaa mirgaa kan jiru), Ministiira Muummee duraanii Israa'el Yisaaq Raabiin (karaa harka bitaa kan jiru), pirezidaantiin duraanii US Biil Kiliinta gidduu dhaabatee yero harka wal-fuudhan

Madda suuraa, REUTERS/Gary Hershorn

Ibsa waa'ee suuraa, Yaasiir Arafaatifi Yisaaq Raabiin Waayit Haawusitti jaarsummaa pirezidaantii US Biil Kiliintaniin yeroo harka wal-qabatan.

Waggoonni itti aanan siyaasa Filisxeemiif yeroo gaarii hin turre; inisheetiiviin nageenyaa Israa'elifi Filisxeem irratti walii galanii turan akka yaadametti hin tiranne.

Qubsumni Yihudootaa babal'achuu, gama lamaaniyyuu kanneen finxaaleyyii ta'an haleellaa walirratti raawwachuu, siyaasni Israa'el gara leellistootatti luucca'aa adeemuufi bara 2007tti Hamaasifi Faataa gidduutti walitti bu'iinsi dhalachuun dubbii hammeesse.

"Dhaloota haaraa, fuula haaratu silaa aangotti dhufuu qaba ture. Garuu sun ta'uu hin dandeenye. Filisxeemonni daangaa qabame keessa jiraatan bakka xixiqqaa garaa garaatti qoodamuunsanii namni haaraan bahee akka hin mul'anne taasiseera," jedha qorataa seenaa Filisxeem kan ta'e Yeziid Saayigh.

Yaser Arafat

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Haa ta'u garuu Weest Baank keessaa namni siyaasaa haaraan, Maaruwaan Barguutii, ka'ee ture.

Maaruwaan Weest Baank keessatti dhalatee kan guddate yoo ta'u, ganna 15 yeroo guutu miseensa Faataa ta'uun hojii siyaasatti galee ture.

Maaruwaan keessumaa yeroo Warraaqsa Filisxeem Lammaffaa (Second Intifada) beekamtii guddaa argatee ture. Haa ta'u garuu, haleellaa lammiilee Israa'el shan itti ajjeefaman isatu qindeesse jechuun Israa'el qabdee hiite.

Inni himannaa irratti dhiyaate haaluus, bara 2002 irraa kaasee mana hidhaa Israa'el keessa jira.

Filisxeemonni ammayyii waa'ee gaggeessaa haaraa yoo yaadan, waa'ee Maaruwaan Barguutii kan waggoota 20 oliif mana hidhaa Israa'el keessa jiruudha.

Maaruwaan Barguutii yeroo Warraaqsa Filisxeem isa Lammaffaa beekamtii guddaa argatee ture

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maaruwaan Barguutii yeroo Warraaqsa Filisxeem isa Lammaffaa beekamtii guddaa argatee ture

Qorannoo dhaabbanni Palestinian Centre for Policy and Survey Research jedhamu dhiyenya Weest Baankitti gaggeesseen, Filisxeemonni %50 ta'an Maaruwaan Barguutii gaggeessaa isaanii osoo ta'ee akka fedhan ibsan.

Haa ta'u garuu Maaruwaan Barguutii amma ganna 66 guutera.

Hamaas wajjin wal-dhabdee yeroo dheeraa qabataanis, Hamaas namoota Israa'el bute gadi lakkisuuf namoota siyaasaa Filisxeem mana hidhaa Isra'elii akka gadi lakkifaman gaafatu keessaa tokko Maaruwaan Barguutii akka ta'etu himama.

Nataaniyaahuufi walabummaa Filisxeem

Waraanni Gaazaa osoo hin eegalin durayyuu Netaaniyaahuun biyyummaa Filisxeem nama ifatti mormuudha.

Guraandhala 2024 Netaaniyaahuun akkas jedhee ture: "Waggoota hedduuf Filisxeem akka biyya hin taanef namni danqee ture ana ta'uu namni hunduu ni beeka. Filisxeem biyya ta'uun jiraachuu keenya balaarra buusa."

Hawaasi Idiladdunyaa Abbaan Taayitaa Filisxeem gaafa waraanni Gaazaa xumuramu bulchiinsa Gaazaa akka to'atu waamicha dhiyeessanis, Netaaniyaahuun cimsee morme. Sababni ammoo gaafa Hamaas haleellaa gaggeessu Abbaan Taayitaa Filisxeem kan Weest Baank bulchu Hamaas hin balaaleffanne kan jedhuudha.

Ji'a Hagayyaa darbe ammoo qubsuma ijaarsa manneen jireenyaa 3,400 kan Weest Baankifi Baha Yerusaalem gargar kutu akka gaggeeffamuuf hayyama kenne.

Beeniyaamiin Netaaniyaahuu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu namoota siyaasaa Israa'el biyyummaa Filisxeem morman keessaa adda dureedha

Garuu waanti tokko ifaadha- Filisxeem yoo biyya taate, Hamaas gahee hin qabaatu.

Ji'a Waxabajjii darbe konfiransiin Faransaayif Saawudii Arabiyaan maallaqaan deeggaran guyyaa sadiif gaggeeffame, "Hamaas bulchiinsa Gaazaa dhaabuun meeshaasaa Abbaa Taayitaa Filisxeemitti haa kennu" kan jedhurratti waliigalamee ture.

Korri guyyaa sadiif gaggeeffame kun "Labsii Niwu Yoork" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, biyyoota Arabaa hundaan deeggarsa argate, boodarra ammoo miseensota UN keessaa biyyoonni 142 akka deeggaran ibsan.

Haamaas gamasaan bulchiinsa Gaazaa bulchiinsa walabaa beektota irraa walitti dhufaniif dabarsee kennuuf fedhii qabaachuu beeksise.

Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuun qofti gahaadhaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni Filisxeemonni ija irra kaa'atanii turan, Maaruwaan Barguutii mana hidhaa Israa'el jira; Mahaammud Abbaas dulloomee ganna 90 guutufi; Hamaas Gaazaa keessatti burkutaa'aa jira; Weest Baank ammoo bakka garaa garaatti ciccitee jira. Fiilisxeemonni haala kana keessa yeroo jiranitti gaggeessaa cimaafi tokkummaa isaan barbaachisa.

Biyyoonni heddu ammoo Filisxeemiif beekamtii kennaa jiru. "Kuni fayidaa qaba," jetti Diyaanaa Buttuu.

Biyyoonni michuu Israa'el ta'an UK fa'aan ifatti beekamtii biyyummaa Filisxeemif kennaniiru.

Gama biraan ammoo Gaazaafi Weest Baank bakka tokkotti biyya Filisxeem akka ta'aniifi Abbaa Taayitaa Filisxeemif deeggarsa kennuun barbaachisaa akka ta'e biyyoonni Labsii Niwu Yoork sirrii ta'uu ibsan ni deeggaru.

Haa ta'u garuu ammayyuu danqaawwan danuutu jiru.

Biyyoonni Awurooppaa hedduunsaanii Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuu hordofee, Israa'el bakkeewwan Weest Baank of jala galchuuf dhaadachuun biyyummaa Filisxeem jala dhaabbachuuf dhaadatteetti.

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp daawwannaa UKtti taasise irratti, UKn Filisxeemiif beekamtii kennuushee akka mormu ibsee ture.

Doonaald Tiraamp fi Kiir Istaarmar

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi Kiir Istaarmar yeroo waloon ibsa kennaa turan

Ji'a Hagayyaa keessa ammoo US tarkaandii danqaa biraa ta'u fudhattee turte- pirezidaantii Filisxeem Mahaammud Abbaas dabalatee viizaa qondaalota Filisxeem heddu dhorkattee turte.

Kanarraa ka'uun Mahaammud Abbaas Wal-gahii UN dhuma ji'a kanaa Niwu Yoorkitti gaggeeffamurratti hin argaman jechuudha.

Gama biraan ammoo Filisxeem biyya akka hin taanef US mirga sagalee sagaleedhaan diiguu Mana Maree UN keessatti qabduun kufaa gochuu dandeessi.

Tiraamp karoora Gaazaa deebisanii misoomsuu "Rivera Plan" jedhamu ammayyuu hin dhiisne. US Gaazaa yeroo dheeraaf to'achuun deebistee misoomsuu akka barbaaddu Tiraamp beeksisee ture.

Filisxeemonni akka Diyaanaa Buttuu amma kan isaan barbaadan, biyyoonni kunneen du'aatii Filisxeemotaa akka dhaabanidha.