Mariisisaan olaanaan Hamaas Israa'el Dohaatti irratti xiyyeefatte Kaliil al-Haayyaa eenyu ?

Qondaaltoota Hamaas Khaalil al- Haayyaa (m) fi Osaamaa Haamdaan (b) Beeruuti Lebaanoon keessatti Sadaasa 21 bara 2023 wayita ibsa gaazexessitootaaf kennaniitti.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el haleellaashee Dohaatiin kan irratti xiyyeeffate inni jalqabaa Khaalil al-Haayyaa (mirga), mariisisaa olaanaa Hamaas ta'ee beekama

Israa'el Kibxata darbe garee Hamaas bakka bu'uun marii irratti dhihaatan kanneen Dohaa jiran irratti haleellaa qilleensaa tasaa kan raawwatte yoo ta'u, xiyyeeffannaan isaanii inni jalqabaa mariisiisaa olaanaa garee kanaa kan ta'an Kaalil al-Haayyaa ta'un barameera.

Qondaalli Israa'el miidiyaa Israa'el irratti wabeeffatame tokko, miseensota Hamaas irratti xiyyeeffataman keessaa mariisisaa olaanaa fi hogganaa Gaazaa biyyaa baqate Khaalil al-Haayyaa fi hogganaa Weest Baankii biyyaa baqate Zaaher Jaabarin kan dabalatu ta'uu ibseera.

Hamaas miseensonni isaa ja'a ajjeefamaniiru jedheera, haata'u malee ammoo yaaliin ajjeechaa garee mariisiftoota isaa ajjeesuuf godhame ''fashalaa'eera'' jedhe.

Haleellaa Israa'el raawwattee kana ilaalchisee, Barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antoonii Guuterez kan ''walabummaa fi tokkummaa daangaa Kaataar ifatti sarbuudha'' jedhan dabalatee, balaaleffannaan idil-addunyaa dabalaa dhufe gidduutti mootummaan Kaataaris aariidhaan deebii kenneera.

Haleellaa kanaan kan of eeggannoo malee, abshaalummaa fi dudhaa fi seera idil-addunyaa hunda ifatti cabseedha jedheera.

Ministirri Biyya Galoo Galaanaa, miseensa Raayyaa Ittisa Biyya Keessaa tokko ajjeefamuu ibseera.

Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaan kun hoggantoota olaanoo Hamaas kanneen haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el irratti raawwatame qindeessan irratti kan xiyyeeffate waan ta'eef ''guutumaan guutuutti'' sirrii ta'uu ibsaniiru.

Mariisiisaa olaanaa Hamaas

Jalqaba waraanni amma Gaazaa keessatti geggeeffamaa jiru irraa kaasee, Khaalil al-Haayyaan mariisisaa olaanaa Hamaas ta'uun karaa jaarsummaa Kaataarii fi Masriitiin Israa'elii fi Ameerikaaf ergaa ergaa fi fudhachaa turan.

Erga bara darbe Ismaa'il Haaniyeh fi Yaahyaa Sinwaar ajjeefamanii as hoggansa Hamaas keessatti nama cimaa beekama ta'aa dhufeera.

Garuu inni eenyudha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Khalil Ismaa'eel Ibraahim al-Haayyaa, maqaa "Abbuu Osaamaa" jedhamuunis kan beekamu, Amajjii bara 1960 Gaazaa keessatti dhalate.

Al-Hayyaan digrii, maastarsii fi doktoorummaa kan argate yoo ta'u, hundi barnoota isaa kan seera Islaamaa wajjin kan walqabatedha. Innis, bara 1980moota keessa aktivizimii sochii siyaasaa fi hawaasummaa gochuun hawaasa Filisxeem biratti beekama ture.

Innis bara 1987 hundeeffama Hamaas irraa kaasee qaama Hamaas kan ture yoo ta'u, bara sanas fincila 'Intifada' Filisxeem jalqabaa Israa'el irratti geggeessan irratti hirmaateera.

Al-Haayyaan bara 1990moota keessa himannaa shororkeessummaatiin waggoota sadii mana hidhaa Israa'el keessatti dabarseera.

Bara 2006 keessa ammoo, miseensa seera tumtootaatiif Gaazaatti filannoo irratti dorgomuun garee Hamaas keessatti teessoo injifachuun boodarra ammoo Mana Maree Seera Baastotaa keessatti dursaa garee kanaa ta'an.

Bara 2007 fi 2014 ammoo yaalii ajjeechaa fakkaatuun manni jireenysaa ala lama haleellamee ture.

Haleellaawwan kanneen lamaan miseensoota maatii isaa hedduu dhabeera. Akkasumas haleellaa haaloo Israa'el taatee Onkololeessaa 7 hodofee Gaazaarratti raawwatteenis miseensoota maatii heddu dhabeera.

Caamsaa 2025 keessa, Ministirri raayyaa Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatz ifatti al-Haayyaa ajjeessuuf dorsiise.

Namni kunis Teehraaniitti dhiheenya akka qabu kan amanamu yoo ta'u, bara 2022tti pirezidantii biyyattii yeroo sanaa Baasha al-Asaad waliin wal arguuf jila Hamaas gara Damaasqootti imale dursee ture.

Kaayyoonsaas walitti dhufeenya Sooriyaa waliin qaban haaromsuuf ture.

Sadaasa 2023 keessa ammoo, jila gara Libaanoositti imaluun Barreessaa Olaanaa Hezboollaa yeroo sanaa Haasan Nasrallaah wal argan dursee ture.

Erga Onkololeessa 2023 booda, al-Haayyaan mariiwwan Israa'el waliinii dursaa turan.

Kaataar ammoo bara 2012 irraa kaasee biiroo siyaasaa Hamaas kan keessummeessite yoo ta'u, marii al-kallattiin haala mijeessuu keessattis gahee olaanaa bahatteetti.

Khaalil al-Haayyaa mana gaddaa hogganaa Hamaas Ismaa'eel Haaniyeh kan bara 2024tti Dohaa keessatti ajjeefameetti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Khaalil al-Haayyaa mana gaddaa hogganaa Hamaas Ismaa'eel Haaniyeh kan bara 2024tti Dohaa keessatti ajjeefameetti.

Qondaalli olaanaa Israa'el tokko, al-Haayyaan namoota irratti xiyyeeffatamame keessaa tokko akka ta'e, akkasumas Zaaher Jabaarin, hogganaan Hamaas Weest Baankii biyyaa baqates akkasuma irratti xiyyeeffatamu miidiyaa Israa'elitti himan.

Hamaas akka jedhutti, miseensonni jila mariisiiftoota garichaa kanneen Dohaatti argaman haleellaa Israa'el Kibxata darbe raawwatteen irratti xiyyeeffatamee ture garuu lubbuun hafaniiru.

Haata'u malee, ilma al-Haayyaa Humaam Al-Hayyaa fi daayreektarri waajjira al-Haayyaa Jihaad Laabaad dabalatee namoonni jaha ajjeefamaniiru jedhe.

Ibsi Hamaas baasee, ''Jyaaliin diinni obboloota keenya jila marii keessaa ajjeesuuf taasisee fashalaa'usaa ni mirkaneessina,'' jedha.

Itti dabaluudhaanis, haleellaan kun nagaa buusuudhaaf ''Netaaniyaahuu fi mootummaan isaanii waliigaltee kamiyyuu irra gahuu akka hin barbaanne shakkii malee mirkaneessadha'' jedheera.