Boowin: Erga Kataar rukutamtee dippiloomaasiin badeera
Gabaasaan BBC Jeremii Boowin waggaa har'aa hoogganaa Hamaas akkasumas garee hidhattootaa kana bakka bu'uun kan mari'atan Kaliil al-Hayya magaalaa Dohaa keessatti dubbisee ture.
Mana qondaala kanaa gamoo Israa'el Kibxata kaleessaa waaree booda haleelte keessatti argamutti argee dubbise.
Erga waraanni Gaazaa eegalee qondaalli Hamaas bakka bu'uun jaarsummaa taa'aa jiran nama kana.
Karaa Kataar fi Masirii ergaawwan hedduu Israa'el fi Ameerikaaf ergaa akkasumas fudhataa ture.
Battala waliigalteen dhukaasa dhaabuu milkaa'uutti dhihaatee turetti al-Hayaa fi namoonni Israa'el irratti xiyyeeffattee haleellaa raawwatte kunneen jila Israa'el fi Ameerikaa irraa baayyee fagaatanii hin turre.
Wayita haleellaan Israa'el raawwatu al-Hayaa fi qondaalonni olaanoo Hamaas wixinee Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu fi namoota Israa'el jalaa butaman gadhiisisuu irratti Ameerikaan dhiheessiterratti mari'ataa turan.
Israa'el erga qondaalonni Hamaas Dohaa keessatti walitti qabamuun marii eegalanii garee kora irra jiru kanarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuunshee, tarii Ameerikaan mataanshee wixinee kana kan dhiheessiteef bulchitoota Hamaas iddoo tokkotti walitti qabuun akka Israa'el haleeltuuf haala mijeessuuf shakkii jedhu uumeera.
Bara darbe gaara Onkoloolessa 3 wayita gabaasaan BBC Jeremii Boowin Dohaatti al-Hayaa dubbisu eegumsi qondaala Hamaas kanaa baayyee xiqqaa ta'uun isa ajaayibeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mana sadarkaansaa gadi bu'aa ta'ee fi eegumsa jabaa hin qabnetti fudhatee akka seene hime gaazexeessaan kun.
Bilbila irraa fuuchuun eegdota muraasa faana mana al-Hayaa seenuun gaaffii fi deebii eegale.
Mana fuuldura hidhattoota uffata poolisii Kataar uffatantu konkolaataa keessa taa'anii tamboo xuuxu, kanuma.
Eegdonni dhibba ta'aniyyuu haleellaa qilleensaa ittisuu hin danda'an, garuu al-Hayaa fi gareen isaa yaaddoo malee ofitti amanamummaan socho'u.
Asirratti wanti hubatamuu qabu Kataar silaa bakka nageenyisaanii itti eegamu ta'uu qaba ture, akka fedhanitti sodaa fi yaaddoo tokko malee kan keessa socho'an ta'uutu irra ture.
Adoolessa 31, 2024 ammoo Israa'el hoogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa'el Haniyeh Tehraan keessatti ajjeeste.
Yeroo haleellaan irratti raawwate sana qondaalli Hamaas sirna kakuu seenuu Pirezidant Masuud Pezeshkiyaan hordofaa turan.
Waraanni kun wayita haala kanaan hammaachaa jirutti akka Kaliil al-Hayaa kutaa tokko keessa taa'uun balaa akka qabu na yaaddessa jedha gaazexeessaan kun.
Garuu isaaf Kataar bakka daangessite hin qabdu, akka fedhetti bakka fedhetti socho'uu danda'a.
Waggoota kurna darban Kataar bakka diinonni fi firoonni hedduun itti walargan taatee tajaajilaa jirti.
Akkuma Suwiizarlaand warra lixaaf taatu Kataar ammoo Baha Giduugaleessaaf iddoo mijattuudha.
Warri Ameerikaa wayita Taalibaan, Afgaanistaan waliin dubbataa turan mariisaanii ijoo Dohaatti taasisan.
Erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa 07, 2023 eegalee waggoota lamaan darbaniif mariin Kataaritti gaggeeffamaa jira.
Mariin dippiloomaasii dhukaasa dhaabuuf darbees waraanicha goolabuu irratti xiyyeeffate Dohaatti gaggeeffamaa ba'e.
Tattaaffiin ergamaan addaa Tiraamp, Istiiv Witkof nagaa buusuu taasisaa turan akka malee laafeera, amma ammoo tasuma abdii dhabeera.
Dippiloomaatii gameessi warra lixaa tokko ''dippiloomaasiin hin jiru,'' jechuun gabaabsee dubbate.
Ministirri muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu diinonni isaanii ammallee isaanirratti xiyyeeffatanii akka jiranii fi uummata Israa'el balleessuuf rafanii akka hin bulle dubbatu.
Kanaaf xiyyeeffannaansaanii ammas marii nageenya buusuuf taa'uu caalaa haleellaarratti xiyyeeffachuu dhaadataa jiru.

Madda suuraa, Reuters
Haleellaan Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessitu akkaan dabalaa jira.
Haleellaan Dohaa osoo hin gaggeeffamin sa'atii muraasa dura humni waraanaa Israa'el uummanni Filisxeem magaalaa Gaazaa gadhiisuun gara kibbaatti akka godaanan akeekkachiisee ture.
Israa'el uummata Filisxeem jalaa manneen jireenyaa, hospitaalota, yunivarsitiiwwan fi manneen barnootaa barbadeessiteetti.
Erga waraanni Gaazaa eegalee Filisxeemonni kuma 60 caalan ajjeefamaniiru, hedduunsaanii namoota nagaadha. Manni murtii Yakkaa Idiladdunyaa Neetaaniyaahuun duguuggaa sanyii raawwate jechuun ajaja hidhaa irratti baaseera.
Haleellaan Dohaa irratti raawwate Neetaaniyaahuun ammallee adda waraanaa hundarratti haleellaa cimsuu mul'isa.
Gaazaa keessatti qofa miti.
Warri Israa'el tumsa Ameerikaan waan fedhan akka raawwatan abdatu.
Garuu haleellaan Dohaa hangas mara deeggarsa Waayit Haawus hin arganne.
Qaataar michuu Ameerikaan bakka guddaa kennituuf. Ameerikaan buufata waraanaa guddaa achii qabdi, investiroonni Ameerikaa hedduunis Kataar jiru.
Neetaaniyaahuun garuu Tiraamp michuu isaanii jabaa, kan gurra kennanii dhaggeeffatan ta'uu hubatu.
Adeemsa dippiloomaasii miidhuu isaaniif Tiraamp waan isaan qaanessan itti hin fakkaatu.
Amma haleellaan Israa'el Gaazaa keessatti hammaateera.
Biyyoonni michuu Israa'el ta'an kanneen akka UN, Firaansi, Kanaadaa, Awustiraaliyaa fi biyyoonni lixaa kaan Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf jiru.
Yeroo biyyoonni kunneen kora UN ji'a kana keessa gaggeeffamu irratti biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf jedhanitti kaabinoonni Israa'el fi michoonni mootummaa Neetaaniyaahuu lafa Filixeem West Baank keessaa weeraruu irratti karoora qabanitti cihaniiru.













