Dubbii himaan Hamaas Abuu Obeeyidaa Gaazaatti ajjeefame - Israa'el

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Dubbi himaa waraana Hamaas Abuu Obeeyidaa haleellaa qilleensaa raawwatteen Gaazaa keessatti ajjeesuu Israa'el ibsite.
Ministarri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatiz ''tarkaanfii mudaa hin qabne'' geggeessaniif ministeera ittisaafi bakka bu'aa nageenyaa Shiin Beet galateeffataniiru.
Hamaas du'a dubbiihimaa kanaa hin mirkaneessine. Gareen hidhataa Filisxeem haleellaa qilleensaa naannoo manneen jireenyaatti raawwatteen namooti nagaa ajjeefamuufi madaa'uu hime.
Gaazexeessitoonni Gaazaa irraa gabaasan akka jedhanitti haleellaa ollaa namni itti baay'atu al-Rimaal keessatti raawwate kanaan yoo xiqqaate namoonni saddeet yoo ajjeefaman kanneen 20 tahan ammoo madaa'aniiru.
Haleellaan Sambata raawwate otooma haleellaan qilleensaa magaala Gaazaa adeemsifamuuti.
Kaatiz akka gaafa Dilbataa dubbatanitti ''michoonni yakkaa'' Obeeyidaa biroonis ''duula haleellaa jabeesiinee,'' Gaazaa keessatti geggeessinuun irratti qiyyaafanna jedhan. Kunis qaama magaala Gaazaa to'achuu akka tahe akeekaniiru.
Addatti ammoo Humna Waraanaa Israa'eliifi Shiin Beet waa'ee haleellaa Sambataa dubbihimaa Hamaas ajjeese irratti ibsa kennaniiru
Ibsa waloo kennaniis haleellaan kuni ''fiixaan bahuu'' kan danda'e odeeffannoo basaasaa waliin tumsaan iddootti Abuu Obeeyidaan dhokate adda baasuun booda dha jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obeeyidaan miseensota waraanaa Hamaas gameeyyii muraasa hamma yoonaa Israa'el hin ajjeesin hafan keessaati.
Ollaa al-Rimaa keessatti gamoon abbaa darbii ja'aa darbii lammaffaa fi sadaffaa kallattii lamaan misaayelaan haleelame.
Gamoon kuni akka kilinka ilkaaniitti tajaajilaa kan ture yoo tahu, erga haleellichaa doolaarri kumaan lakkaa'amu kan Hamaasin hatame jedhame lafatti harca'uu kanneen ijaan argan himu.
Ibsa qondaaloti Israa'el kennan kanaan dubbiihimaan Obeeyidaa jedhamu kuni dhaabbata shororkeessaa Hamaasiif afaan tahuun ''tajaajilaa olola Hamaas tamsaasaa ture,'' jedhan.
Waggoota darban muraasa keessatti Obeeyidaan, nama ganna 40 akka tahe yaadamu waraana Hamaas birgeedii al- Qaasam bakka bu'uun hammeenya Israa'el haasa'aa ture.
Guftaa warra Filisxeem keewwatee deeggartoota Hamaas Baha Gidduugalaa biratti maqaa guddaa horatee ture.
Haasaa isaa dhumaa Obeeyidaa Jimaata darbe kenne jedhameen namoonni Israa'elii butamanii isaan bira jiran dhumnisaan akkuma loltoota Hamaas taha jechuun isa Israa'el Gaazaa weeraruuf qophaa'aa jirtu mormuun dubbateera.
Lafa Gamoon kuni haleelame dhihoo mana rifeensaa dhiirotaa keessaa kan hojjetu Mohaammad Imaad ''dhukaasni mudate akkaan nama naasisa ture, sa'atii tokkoo oliif iddoon dhaabadheetii socho'uu hin dandeenye ture,'' jedhe.
Namni kuni BBCtti yoo dubbatu, ''hamma yoonaa lubbuun jiraachuu koo hin amanu. Ijoollee fuulli dhiigaan miicameefi namoonni akka yeroon bara dhumaa tahetti kallattii hundaan fiigaa turan arge,'' jedhe.
Viidiyoo haleellaan booda BBC'n arge jiraattonni naasuu keessa turan yeroo isaan gara daandiitti fiigan agarsiisa.
Mucaa madaa'ee wayyaa adii itti marame keessaa dhiigni yoo yaa'uufi namni baateenii yoo deemu viidiyoorraa mul'ata.
Haleellaa raawwachuun dura Humni Waraanaa Israa'el ''miidhaa namoota nagaa hambisuuf jecha odeeffannoo sirrii argachuuf naannoo qalbiin hubachuu dabalataan tarkaanfiin of eeggannoo baayyeen fudhatameera,'' jedhan.
Yaada karaa Humna Waraanaa Israa'eliinis tahe gama Hamaasiin kenname BBC'n addatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Hamaas Onkololeessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwachuun namoota 1,200 ajjeesee kanneen 251 tahan butuun booda oppireeshinii Israa'el Gaazaatti raawwataa jirtuun lammiileen Filisxeem 63,000 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hogganamu hima.












