Hamaas hanga biyyi walabaa Filisxeem ijaaramutti 'waraana hin hiikkadhu' jedhe

Hidhattoota Hamaas

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Israa'el Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf wantoota akka haldureetti qabatte keessaa tokko Hamaas waraana akka hiikkatu ta'us, garichi garuu hanga biyyi walabaa Filisxeem hundaa'uutti hiikkachuuf tole akka hin jenne beeksise.

Hidhataan Filisxeem kun yaada ergamaa addaa pirezidentii US Doonaald Tiraamp kan Baha Giddugalaa Istiiv Witkoof Hamaas ''waraana lafa kaahuuf waliigaluu ibseera'' jechuun kennaniif deebii kenne.

Israa'el Hamaas waraana hiikkachuun dhibdee hamaa naannichatti xumura gochuuf furtuu ijoo akka ta'e kaafti.

Mariin al-kallattii Israa'eliifi Hamaas gidduutti dhukaasa dhaabuufi warra butaan gadhiisisuu torbee darbe egale turees danqameera.

Guyyoota muraasa darban mootummootni Arabaa Hamaas hidhannoo akka hiikkatuufi to'annoo Gaazaa dabarsee akka kennu gaafataniiru.

Kunis erga biyyootni Lixaa akka Faransaayiifi Kaanadaa Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennan ibsuu booda.

UK gama isheen Israa'el haaldureewwan irraa eegamu hin guuttu yoo ta'e Filisxeemiif beekamtii akka kennitu ibsiteetti.

US, UK fi Gamtaa Awurooppaa keessatti garee shororkeessaa jedhamee kan labsame Hamaas ibsa baaseen, ''yoo biyyi walabaa Filisxeem magaalaa guddoosaa Jerusaalem godhate hundaa'uu baate mirga qabsookoo fi waraana lafa hin kaahu'' jedhe.

Ibsi Hamaas kun kan dhagahame Israa'el mariin yoo milkaahuu baate waraana itti fufuuf wayita dhaadattettidha.

Ministirri Ittisaa biyyattii Letenaant janaraal Eyaal Zamiir ibsa Jimaata darbe kennaniin mariin yoo fashale Gaazaa keessatti waraanni gaggeeffamu hin dhaabatu jedhan.

Mariin alanaa kun namoota Hamaasiin butaman gadhiisisuurratti xiyyeefata.

Sambata darbe kana ammoo maatii nama butame tokkoo Hamaas viidiyoo gadhiiseen beelaan isa miidhaa jira jechuun ibsa baasaniiru.

Mootummaan Israa'eliifi US waan danda'an mara gochuun lubbuusaa akka oolchan waamicha dhiyeessan.

Ergamaan addaa US Witkoof gara Israa'el kan imalan wayita gaaga'ama namoomaa Gaazaaf dhiibbaa guddaa jala jirtuttidha.

Ejensiin UN Gaazaatti beelli nam-tolchee hamaan mudachaa akka jiru akeekkachiiseera. Kanaafis Israa'eliin komateera.

Israa'el ulaa dhiyeessii gargaarsaa danqite jedhamtee himatamtus danqaa akka hin goone ibsuun ''beellu hin jiru'' jetti.

Wiitkoof yaaliiwwan nagaa buusuu waaraana dhaabuufi namoota butaman gadhiisisuurratti akka xiyyeefatu himan.

Ragaa haaraa gama UN irraa bahuun walakkeessa Waxabajjiirraa kaasee namootni 1,273 ta'an deeggarsa argachuuf osoo yaalanii ajjeefamaniiru.

Heedduun isaanii daangaa Israa'eel bakka dhiyeessii deeggarsaa USn deeggaramu kennamutti loltoota Israa'eliin ajjeefaman.

Israa'el Hamaas iddoo sanitti ta'e jedhee muddama uumaa jira jechuun himatti. Dabaluunis loltootnishee ta'e jedhanii namoota nagaarratti hin dhukaafne jette.

Waraanni Israa'eliifi Filisxeem kan legale Onkololessa bara 2023 Hamaasa haleellaa raawwatee Israa'el keessaa namoota hedduu wayita butettidha.

Hanga amma Gaazaatti namootni 60,000 ol ajjeefamaniiru.