Biriiteen meeshaalee waraanaa attamii Israa'eliitti gurguraa jirti?

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock
UKn tibbana faallaa Israa'el dhaabbachuun, biyyummaa Filisxeem ilaalchisee tarkaanfii fudhachuuf jirtu ifa goote.
Ministirri Dhimma Alaa Biriiteen Deeviid Laamiin, Israa'el gochaa Gaazaa keessatti raawwatte balaaleffachuudhaan, mootummaan Israa'el amala waraana istiriipicha keessatti geggeessuu yoo hin jijjiirre, Biriteen "torban dhufan keessatti ejjennoo ishee irra deebitee madaaluu dandeessi" jedhan.
Laamiin ''hawaasni addunyaa waraana kana dhaabsiisuu dadhabuu isaatiin'' aarii qaban ibsuudhaan, dhiheenya kana keessa humnoonni Israa'eel kaampiiwwan gargaarsaa keessatti Filisxeemoota irratti ajjeechaa raawwatameen ''rifachuu'' isaanii dubbataniiru.
Israa'el haleellaa Onkololeessa 7, 2023 Hamaasiin raawwatame hordofuun Gaazaatti duula waraanaa erga jalqabdee as xiyyeeffannaan ummataa dhimma deeggarsa Ingiliizii irratti xiyyeeffateera.
Meeshaaleen waraanaa haleellaa waraanni Israa'el istiriipicha keessatti raawwataniin itti fayyadaman hedduun isaanii kan biyyoota lixaatiin oomishaman ykn gurguraman turan.
Haata'u malee, odeeffannoon hangi deeggarsa waraanaa Biriteen Israa'eliif gootu yeroo baay'ee kan hin beekamne ykn dhoksaa ta'ee kan hafu yoo ta'u, miseensonni Paarlamaa tokko tokko hangisaa akka qoratamu gaafataniiru.
Biriteen Israa'eliif meeshaa waraanaa dhiyeessaa jirtii?
UKn biyyoota meeshaa waraanaa Israa'el gurguddoo dhiyeessaniif keessaa tokko miti. UStu meeshaa waraanaa baayyee dhiyeessuun Israa'el addunyaa irratti waraanaa sadarkaa olaanaa qabu keessaa tokko akka ijaarrattuu gargaaraa jirti.
UStti aansee biyyoonni akka Jarmanii fi Xaaliyaan kanneen meeshaa waraanaa olaanaa dhiyeessaniidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2015 irraa eegalee UKn hayyama gurgurtaa meeshaa waraanaa gatii paawundii miiliyoona 500 (Doolaara miiliyoona 676.4) ol ta'u Israa'eliif raggaasiftee jirti. Bara 2018tti sadarkaa olaanaa irra akka gahe gareen Daldala Meeshaa Waraanaa Irratti duula gaggeessan (Campaign Against the Arms Trade (CAAT)) ibseera.
Haata'u malee, kutaalee xiyyaara F-35 Biriteen hojjettee fi Israa'el haleellaa Gaazaatiif baay'inaan itti fayyadamte waliin walqabatee deeggarsa Biriteen Israa'eliif gootu irratti xiyyeeffannaan guddaan kennameera.
UKn meeshaalee ijaarsa xiyyaarichaatiif fayyadaman keessaa dhibbeentaa 13 hanga 15 gidduutti kan ta'u dhiyeessit. Haata'u malee, xiyyaarri gosa kanaa Israa'eliin tolfame garuu kutaalee kana keessaa muraasa hin hammatu.
Paartiin Hojjetaa bara darbe aangootti erga dhufeen booda hayyama meeshaa waraanaa alatti erguu 350 keessaa 30 addaan kutuun, meeshaalee akka suphaa qaamaa xiyyaarota waraanaa, helikooptarootaa fi diroonii irratti dhiibbaa uumeera.
Dhaabbanni Biriteen biyya alaatti meeshaa waraanaa gurguruu barbaadu kamiyyuu hayyama argachuuf iyyachuu qabu, mootummaan yeroo sanatti kun ''balaansaa ifa ta'e'' akka jiru dubbateera.
Meeshaaleen kunneen seera addunyaa haalaan cabsuuf oolu danda'u.
Haata'u malee, caalaatti ammoo, meeshaaleen suphaa F-35 uggura al-ergiitiin hin ugguramne.
Mootummaan meeshaalee kana Israa'el akka hin arganne dhorkuu akka hin dandeenye himate, sababiin isaas haaluma qaama waliigaltee idil-addunyaatti gara dhaabbilee oomishaa biyya alaa ergamaniif malee, kallattiin gara Israa'elitti ergu miti jedha.
Ogeettiin gurgurtaa meeshaa waraanaa Biriteen Anna Stavrianakis, murtee mootummaan kana hayyamuuf kana ''qaawwa seeraa guddaa'' jechuun ibsiteetti.
''Kutaaleen F-35 UKn oomishtu harki caalaansaanii gara US kan deemu yoo ta'u, achitti walitti qabamanii xiyyaara Israa'eliif ta'u,'' jechuun 'BBC Fact Check'tti kan himan yoo ta'u, uggurri al-ergii UKn ''Waayit Haawus Israa'el deeggaruuf cichuu isheetiin'' bu'aa xiqqaa akka qabu hubachiisaniiru.
Akkasumas UKn diroonii Hermes jedhamu kan Gaazaatti bal'inaan itti fayyadamaa ture hojjachuurrattis hirmaatteetti.
Dirooniin Biriteen 'Watchkeeper 450' jedhamuun beekamu kan hiiksiifame yoo ta'u, dirooniin Israa'el hojjatte 'Hermes' kan misaa'eloota 'Spike' qabu yoo ta'u, bara darbe haleellaa Kushuunaa Jidduugala Addunyaa (World Central Kitchen) keessatti raawwatamuun hojjettoota gargaarsaa torba ajjeessee irratti akka itti fayyadamte himameera.
UKn ammallee hayyama seera qabeessa ta'een gara Israa'elitti maal akka ergitu adda baasuun rakkisaadha. Ministirri Dhimma Alaa Deeviid Laamiin bara darbe qoqqobbiin taasifame kan ''waan hunda ykn meeshaa waraanaa hunda ugguru'' akka hin taane ibsuuniiru.
Itti dabalunis, Israa'el haleellaa kamirraayyuu ofirraa ittisuuf dandeettiishee cimfachuu akka barbaaddu dubbataniiru.
Akka Ministeerri Daldalaatti, hayyamniwwan amma jiru keessaa 161 kan oomishaalee waraanaatiif ooludha.
Gabaasni Paarlaamaa Biriteen baase akka jedhutti, hayyamni hafan kaan ''meeshaalee akka xiyyaara leenjii fi meeshaalee humna galaanaa, akkasumas meeshaalee lama ammoo kan damee qunnamtii fi meeshaalee daataa irratti tajaajila siiviiliitiif oolan'' of keessatti qabachuu akka danda'u ibseera.
Biriteen Israa'el waliin basaasa irratti tumsaa jirtii?
Erga haleellaa Onkoloolessa 7 Hamaasiin Israa'el irratti raawwatameen as hangam tumsi basaasaa Biriteen fi Israa'el waliin qaban ifa miti.
UK mootummaan Israa'el waliin ''walta'iinsa ittisaa'' yeroo dheeraa kan qabdu yoo ta'u, qondaaltonni ittisaa ''barnoota waliinii, leenjii fi ijaarsa dandeettii'' waliin gaggeessu.
Humni Qilleensaa Mootii (Royal Air Force) Muddee bara 2023 irraa eegalee balalii sakatta'iinsaa dhibbaan lakkaa'aman Gaazaa irratti kan gaggeesse yoo ta'u, xiyyaarota basaasaa 'Shadow R1' kan buufata isaa Akrotiri, kan ollaa Qophiros keessatti argamutti fayyadamuun akka ture himameera.
Gaaffii fi deebii Ministirri dhimma alaa UK Laamiin Wixata darbe taasisaniin, balaliin RAF Gaazaa irratti taasise raayyaa Ittisa Israa'el waliin odeeffannoo waraanaa wal jijjiiruu akka hin qabne cimsanii dubbataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa kun akka jedhanitti: "Mootummaan Ingilizii waraana Gaazaa keessatti geggeefamu gargaaruun gutummaan dogoggora ta'a. Nutis akkas hin goonu."
Bara 2023 keessa, Biriteen xiyyaaronni ishee ''hidhannoo hin qabne'' naannoo Gaazaa irra balali'an muraasni namoota haleellaa Onkoloolessa 7 Israa'el irratti raawwateen Hamaasiin butaman barbaaduuf gargaaraa akka turan amantee turte.
Hanga ammaattis namoonni gara 50 ta'an Hamaasiin kan qabaman yoo ta'u, isaan keessaa gara 20 lubbuun akka jiran amanama.
Ministirri Humnoota Waraanaa Biriteen, Luuk Poolaard, ejjennoo kana Ebla bara 2025 mirkaneessanii, balaliin Biriteen Gaazaa irratti gaggeeffamu ''kaayyoo namoota booji'aman deebisuuf qofa'' akka ta'e paarlaamaatti himaniiru.
Ministeerri Ittisaa xiyyaaronni Israa'el buufata RAF kan Qophiros keessa jiru gahuu danda'uu fi dhiisuu irratti yaada kennuu dide.
Haa ta'u malee, marsariitiin 'BBC Fact Check' jedhamus waggaa darbe keessa gabaasa marsariitii walabaa 'DropSight' jedhamu hordofuun, xiyyaaronni humna qilleensaa Israa'el naannoo qilleensaa Biriteen keessa jiraachuu isaaniis ifa godheera.
Xiyyaaronni RIM boba'aa guutan hedduun marsariitii hordoffii balalii irratti buufataalee 'RAF Brize Norton' fi 'Fairford' irratti mul'atanii jiru.
Humnootiin Israa'el UK keessatti leenjii'uu?

Madda suuraa, Reuters
UKn yeroo baayyee loltoota michuu ta'aniif leenjii kan qopheessitu yoo ta'u, baay'een isaanii hoggansa, loojistikii fi hojii saayibarii irratti kan xiyyeeffatudha.
Fakkeenyaaf, loltoonni Yukireen kumaatamaan lakkaa'aman erga Raashiyaan bara 2022tti Kiiv irratti waraana guddaa eegaltee booda leenjii bu'uuraa argachuuf UK seenaniiru.
Ministeera Ittisaa Biriteeniitti Ministirri Dhimma Alaa, Loord Kookar baatii Eblaa keessa akka jedhanitti, bara 2020 irraa eegalee waggaa waggaan loltoonni Israa'el "10 gadi" UK keessatti leenjii waraanaa loltummaan alaa ta'e fudhachaa jiru.
Lakkoofsa loltoota IDF yeroo sanatti leenjii jedhameerra hirmaatan, ykn koorsii isaan fudhataman maal akkata'e "odeeffannoo dhuunfaa eeguuf" jecha ibsuu ni didan.
Haata'u malee, koorsiiwwan kunneen seera namoomaa idil-addunyaa kabajuun barbaachisaa ta'uu cimsanii kan ibsan ta'uu ministeeronni cimsanii dubbataniiru.
Ji'a Waxabajjii keessa Ministirri Ittisaa Luuk Poolaard, ''loltoonni Israa'el lakkoofsi muraasni'' UK keessatti leenjii irratti hirmaachaa akka jiran mirkaneessanii turan, garuu ibsa dabalataa kennuu irraa of qusatan.
Biriteen waraana Gaazaa raawwatte Israa'el irratti qoqqobbii kaa'ee?
Ejjennoo Biriteen waraana Gaazaa keessatti irratti gocha Israa'el raawwatteef itti gaafatamtuu gochuu filannoo waliigalaa bara 2024 booda jijjiirameera.
Mootummaan paartii Leebar haaraan ajaja hidhaa Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa Ministira Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Ministira Ittisaa duraanii Yoo'aav Gaalant irratti baase mormuu dhiiseera.
Ergasii kaasee, hoggantoota Israa'el qeequurratti baayyee sagalee guddaa kan dhageessisan yoo ta'u, torban darbee keessas biyyoota 27 biroo waliin ta'uun Gaazaatti ''ajjeechaa sukkanneessaan namoota nagaa'' nyaataafi bishaan barbaadan irratti raawwatame balaaleffataniiru.
Mootummaan Leebar waliigaltee daldala bilisaa Israa'el waliin cimsuuf marii Caamsaa keessa taasisuuf ture kan addaan kute yoo ta'u, Laamiin haala Israa'el Filisxeemota itti qabdu kan "dudhaalee ummata Ingilizii arrabsuudha" jechuun ibsan.
Haata'u malee, mootummaan Ingilizii ministeerota Israa'el warra dudhaa durii leellisa (far-right) lama Weest Baankii to'atame keessatti "jeequmsa kakaasan" jechuun rra qoqqobbii kaa'eera.
Hanga ammaatti gochaa Gaazaa keessatti rawwatten kan tilmaamaan namoota 59,029 du'uu isaanii Ministeerri Fayyaa Filisxeem Hamaasiin durfamu ibse ilaalchisee, Israa'el irra qoqqobbii kallattiinkaa'uu hin keenye.












