Biriteen Filisxeemiif 'beekamtii kennuun' adeemsa nagaa cimsa -Xiinxala

Madda suuraa, EPA
Ministirri Muummee Biriteen Sir Kiir Istaarmar biyyattiin Filisxeem akka biyya taatetti beekamtii kennuufiif akka jirtu beeksisuun imaammata alaa Biriteen keessatti jijjiirama guddaadha.
Yoo Israa'el "waliigaltee dhukaasa dhaabuu fudhachuun nagaa waara'aafi bubbulu fiduudhaaf murannoon hjjettee fala biyyoota lamaan wal biratti hundeessuu deebisuuf hojjechuun, rakkoo hamaa Gaazaa keessa jiru dhaabuuf tarkaanfiiwwan murteessoo ta'an" kan fudattu taate Biriteen bulchiinsa Filisxeemiif beekamtii biyymmaa kennuu dabarsuu dandeessi jedhan.
Nagaa fiduun salphaa ta'uu dhiisuu mala. Keessumaa erga Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas namoota nagaa Israa'el dhibootaan lakkaa'aman dabalate 1,200 ta;an ajjeesuun kaan butee fudhatee booda Israa'el ammoo tarkaanfii haaloo bahuu fudhachuun namoota nagaa kuma hedduutti lakkaa'aman ajjeesuun Gaazaa barbadeessitee rakkisaadha.
Wanti yaadatamuu qabus, carraqqiiwwan nagaa buusuuf taasifamanis fashalaa'aniiru. Yeroo sanarraa kaasee carraaqqiin naga abuusuuf taasifamu kamiyyu karaattti hafaa ture.
Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahuu ejjennoo Ministira Muummee UK mormiin miidiyaa hawaasaarratti dubbii ergaa jabaa qabu barreesseera.
Karoora Israa'el
Netaaniyaahuun Israa'el Gaazaa keessatti beelaafi rakkoo hamaa akka uumte ni haalu. Osoo yaada Biriteen dhukaasa dhaabuuf dhiyeessite fudhatee mootummaan isaa ni kufa ture.
Sababiin isaas, deeggarsa warra sabboonummaa ciccimoo naannoo qabame dhuunfachuu barbaadaniifi Filisxeemotaa dirqiin baasuu barbaadan malee walabummaa isaaniif kennuu hin barbaannerratti hirkatee jira.
Netaaniyaahuun hojii siyaasaa isaa kan ijaare furmaata mootummoota lamaa, yaada nagaa karaa mootummaa walaba Filisxeemiin Israa'el cinatti uumuudhaan mormuu irratti.
Jalqaba baatii kanaa biyyi/mootummaan Filisxeem [jiraachuun] gocha dabalataa kan akka Onkoloolessa 7 Israa'el balleessuuf taasifamuuf tureef madda ta'uu dubbatee ture.
Netaaniyaahuun deeggarsa mootummaa Ameerikaa irraa argatu akka itti fufuu abdatu. Ejjennoon isaas [Netaniyaahuu], mootummaa Filisxeemif beekamtii kennuun shororkeessummaa Hamaasiif haala mijeessuu akka ta'eti fudhachuudha.
Doonaald Tiraamp daawwannaa isaa Iskootilaanditti taasiseen booda gara Ameerikaatti deebi'aa osoo jiruu gaazexeessitoottti akka himetti, tarkaanfii Biriteen kana akka hin deggerre himeera.
Hanga torban muraasa duraatti, Kiir Istaarmar Filisxeemiif beekamtii kennuuf yeroo sirrii ta'uun isa hin amansiisne ture. Garuu suuraan daa'imman Filisxeem Gaazaa keessaatti hanga du'aatti beela'aniifi miidhaan mul'ate addunyaa rifaasise dhiibbaa uumuu hin oolle.
Ejjennoo Biriteen
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biriteen Faransaayitti makamtee biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuuf murteessuun ishee mallattoo biraa Israa'el moggeeffamuu dippilomaasii guddadha.
Michoonni ishee gurguddoon lamaan warra dhihaa, Biriteen fi Faransaay, lamaan isaaniiyyuu miseensota dhaabbataa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiti.
Istarmer Niiw Yoorkitti ibsa erga kenneen booda, Ministirri Dhimma Alaa Biriteen, Deeviid Laamiin, walgahii UN irratti murtee UKn furmaata biyyoota lamaa fi biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu irratti murteessite yeroo labsan bal'inaan harki rukutameera.
Himannaa walabummaan Filisxeem Israa'eliif balaa ta'uu danda'a jedhu kuffiseera.
"Nageenya Israa'el deeggaruun biyyummaa Filisxeem deeggaruu waliin wal faallessuu hin jiru."
"Mee ifatti haa dubbadhu: mootummaan Netaaniyaahuu furmaata biyyoota lamaan wal biatti (two-state solution) diduun isaa dogoggora - naamusaan dogoggora, tarsiimoonis dogoggora."
Lamiin seenaa jalqabaa ImpaayeraBiriteen Filisxem keessatti hundee waldhabdee Yihudootaa fi Araboota gidduutti lafa yeroo tokko Biriteen bulchaa turte to'achuu irratti tre gadi fageenyaan kan walqabate keessa seenuu itti fufe.
Biriteen bara 1917tti Yerusaalem Impaayera Otomaan jalaa dhuunfattee hanga bara 1948tti Filisxeem bulchaa turte. Yeroo sanatti dadhabdee yaada waldhabdee Arabootaa fi Yihudoota gidduu jiru furuurratti rakkattee itti gaafatamummaa kana Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti dabarsitee Filisxeem gadhiiste.
Achumaan muummichi ministeeraa Israa'el inni jalqabaa Deeviid Been Guriyoon walabummaa Israa'el labsuun, Israa'el loltoota Arabaa ishee weeraran injifatte.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Deeviid Laamiin akkaataa Artar Baalfoor, Ministira Dhimma Alaa isa dura ture, bara 1917tti xalayaa 'Filisxeem keessatti mootummaan Yihudootaa akka hundeeffamu yaada dhiyeessu' waadaa gale mallatteesse ibseera.
Garuu sanadni Labsii Balfoor jedhamuun beekamu kun "wanti mirga siiviilii fi amantii hawaasa Yihudoota hin taane Filisxem keessa jiran miidhu hin hojjetamu" jechuunis ibseera. Jecha Arabaa jedhu hin fayyadamne, garuu wanti yaadame kanuma ture.
Laamiin akka jedhanitti Biriteen akkamitti hundeeffama Israa'el bu'uura kaa'uuf akka gargaartetti boonuu dandeessi, garuu waadaan Filisxeemotaaff galte hin raawwatamne jedha Laamiin, kunis ''jal'ina seenaa itti fufee jirudha''.
Waadaa Biriteen wal faallessu ammoo waldhabdee kana kan bifa ta'e qabsiiseef hammeessadha.
Walgahiin Niiw Yoorkitti geggeeffamee fi Faransaayii fi Sa'ud Arabiyaatiin kan hoogganamu yoo ta'u, mootummoonni Arabaa Hamaas fi haleellaa Onkoloolessa 7 Israa'el irratti raawwate balaaleffatan dabalatee, furmaata biyyoota lamaan wal biratti (Two State Solution) deebisee kaasuuf daandii uumuuf kan kaayyeffate sanada fuula torba qabu qopheessee jira.
Adeemsi nagaa bara 1990moota keessa abdii dhugaadhaan eegale erga kufee booda, qaawwi nagaa karaa furmaata biyyoota lamaatiin cufamuu fakkaata ture.
Murteen Biriteen Filisxeemiif beekamtii kennuushee tarkaanfii dippilomaasii ulaa sana deebiftee banuuf yaaluudha.












