Pir. Isaayyaas Itoophiyaan 'dubbii barbaadurra rakkoo keessooshee haa furtu' jedhan

Madda suuraa, Shabait
Itoophiyaan 'dubbii barbaaduurra rakkoo keessoo ishee furuurratti haa xiyyeeffattu' jechuun Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afarwarqii dubbatan.
Gaaffiifi deebii guyyaa Roobii miidiyaa biyyaalessaa Ertiraarratti darbeerratti kan isaan akkana jedhan.
Gaaffii fi deebiin isaanii kuni kan torban darbeerraa aaneefi dhimma biyya keessaarratti xiyyeeffata jedhameera.
Turtii isaaniin waa'ee biyya ollaa Sudaan akkasumas gocha michuu Itoophiyaa kan taate Yunaayitid Arab Emireet himachuun dubbatani.
Bulchaan Ertiraa waggoota dheeraaf bulchaa jiran kuni torban darbe nuti nagaa barbaanna, waraana ololaa kan nutti bane aangawoota Itoophiyaati jechuun himatanii turan.
Gama Itoophiyaatii ammatti dubbii isaanii irratti deebiin kenname hin jiru.
Pirezidantichi dubbii isaanii teellanaanis dhimma Itoophiyaa kaasun haasaa dubbii barbaadurra rakkoo keessoo furmaata barbaada jedhan furuurratti akka xiyyeeffatu irra deebiin akeekkachiisaniiru.
Pirezidant Isaayyaas torban darbe xalayaa Itoophiyaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ergite eeruun ''himannaa sobaa ajaa'bu'' jechuun dubbatanii turan.
Waraanni Ertiraa bakkeewwan Itoophiyaa daangaarra jiran to'atee akka jiruufi badiiwwan hamoo dalagaa jira jechuun mootummaan Itoophiyaa xalayaa UN'f ergiteetti.
Himannaa mootummaa Itoophiyaa kan waakkatan Pirezidanti Isaayyaas ''paartiin Badhaadhinaa qophii waraanaa taasisu dhoksuuf soba rakasaa dhiheessedha,'' jedhan.
Gaaffiifi deebii guyyaa Roobii ummataaf ifa ta'eerrattis biyyi isaanii fedhii waraana keessa seenuu akka hin qabne dubbataniiru.
''Sirni Itoophiyaa keessa jiru kan hojjetu yoo ta'e dhimmoota dursa kennuuf hedduutu jira,'' jechuun himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabaluunis, ''Ertiraa himachuun dubbii biraa fiduudha,'' kan jedhan Pirezidant Isaayyaas ''waan hamaa yoo dhufe dhaabuun hin danda'amu. Ammuma dhaabsisaa'' jechuun waamicha dhiheessaniiru.
Naannicha kan jeeqaa jiru Yunaayitid Arab Emireetidha jechuunis himatani.
''Meeshaa [waraanaa] guyya guyyaan gara Itoophiyaa geeffamaa jiru argaa jirra,'' jechuunis dubbatani.
''Kuni ajandaa Badhaadhinaa maqaa ulaa galaanaan jedhamaa jiru miti,'' jechuun himanii ''hojii isaanii hojjechuu qabu,'' jedhan.
Pirezidant Isaayyaas naannicha jeeqaa jiru jechuun Israa'el, Faransaay, fi Ameerikaallee himatani.
Waraana Sudaan keessa adeemaa jiru sabababeeffachuun dubbataniinis biyyattiin barbaachisummaa ji'opolotikaa ijoo qabdurraa kan ka'e humnoota alaa fedhii yeroo dheeraa qabaniin walitti bu'iinsi hammaateera jedhan.
''Asiinis ajandaa namaa hin galle buufatawwan doonii Siwiiz hanga Edan fi hamma Tanzaaniyaatti jiran to'achuuf taasifamu keessatti dura aantummaan kan jirtu Yunaayitid Arab Emireetidha,'' jedhaniiru.
Ajandaan kuni hundeessaan Emireetotaa karoora qabanirraa faallaadha kan jedhan Pirezidant Isaayyaas, ta'us humnoonni biroo duubaan ajandaa kana sochoosan waan jiraniif ajandaa Emireetota qofa jechuun hin danda'amu jedhan.
Hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa waggaa torba dura fooyya'e ture yeroo ammaa akkaan laafeera.
Dhibdeen kuni waldura dhaabbannaarra ce'ee waraanatti ce'uu mala jechuun xinxaltoonni yaaddoo isaanii dubbatu.
Akka gabaasonni tokko tokko mul'isanitti, qaamolee lamaaniinuu qophiin waraanaa taasifamaa jira.












