Pirezidant Isaayyaas muddama Itoophiyaa waliin qabanirratti maal jedhan?

Madda suuraa, shabait.com
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii barbaacha ulaa galaanaa Itoophiyaan itti jirtu busheessuun, gocha maal na dhibdeedha jechuun dubbatan.
Pirezidantiin erga Ertiraan hundooftee qofaa isaanii bulchaa jiran kuni gaaffiifi deebii Televijinii Biyyaalessaa biyyattiif kennaniifi Sambata qilleensarra oolerratti kana kan dubbatan.
Gaaffiifi deebii kutaa duraa ummataaf ifa ta'e irratti xalayaa dhihoo mootummaan Itoophiyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti erge ''himannaa sobaa ajaa'ibu'' jechuun deebisan.
Waraanni Ertiraa bakkeewwan Itoophiyaa daangaarra jiran to'atee akka jiruufi badiiwwan hamoo dalagaa jira jechuun mootummaan Itoophiyaa xalayaa UN'f erguu gabaafamee ture.
''Kuni soba rakasaadha'' jechuun himannaa mootummaa Itoophiyaa kan waakkatan Pirezidanti Isaayyaas ''paartiin Badhaadhinaa qophii waraanaa taasisu dhoksuuf soba rakasaa dhiheessedha,'' jedhan.
Gaaffiifi deebii isaanii sa'aatii lama ture kana waa'ee gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa, siyaasa idil-addunyaa, bara bulchiinsa duraa Pirezidant Tiraamp hariiroon Ertiraafi US fooyya'u, dhimma biyyoota ollaafi kanaan wal qabatan ka'aniiru.
Pirezidant Isaayyaas gaaffiifi deebii isaaniin Itoophiyaan walitti bu'iinsa garagaraan raafamaa jirti jedhan.
Abdiin bara bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad ture jedhan maal na dhibdeedhaan bakka durii hin jiru jechuun dubbatan.
Waliigaltee Piritooriyaa booda waan uumame hubachuuf nama rakkisa kan jedhan Pirezidant Isaayyaas ''maaliif qajeelummaan hojiirra hin oolle.
''Faannoo irratti maal na dhibdeedhaan waraanni maaliif baname?'' jechuunis gaafatan.
Yaaddoo waraanaa
Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa 'hookkarri' agarru kan mul'atee hin beeknedha kan jedhan Pirezidant Isaayyaas kanaaf immoo paartii biyya bulchu qeeqani.
Paartiin Badhaadhinaa rakkoo biyya keessaarratti xiyyeeffachuun furuurra Ertiraarratti maaliif lola kaasa? jechuunis gaafatan.
Hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa waliigaltee bara 2018 booda fooyya'us adeemsa keessa laafaa wal dura dhaabbannaatti ce'eera.
Biyyi tokko isa kaaniin lola natti kaasuufi jechuun wal himataa jiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Waxabajjii keessa yeroo parlaamaatti dhihaatanitti Itoophiyaa Ertiraa waliin lola seenuu akka hin barbaanne himaniirru.
Xinxaltoonni garuu haala amma jiruun walitti bu'iinsi dhalachuu mala, biyyoota lamaaniis miidha jechuun akeekkachiisu.
Mul'anni keenya wal ta'umsaafi hariiroo cimaa uumuu ture kan jedhan Pirezidant Isaayyaas, haa ta'u malee mootummaan Itoophiyaa afaaniin waraana labseera jechuun himatan.
Ajandaa waraana isaaniif jedhan kanaaf immoo deeggarsa Faransaay, US, fi UAE akka qaban dubbatu. Kuni garuu guutummaan guututti dhugaa miti jechuun dubbatan.
Meeshaa waraanaa kan bituufi guyyaa guyyaatti humna waraanaan sodaachisu Ertiraa akkamiin yakka jechuunis gaafatu.
Adeemsi 'balaa qaba' jedhaniifi mootummaan 'abdii kutachuu' isaarraa kan ka'edha jedhan kuni dhaabbachuu qaba jechuun ''gama keenyaan dhiphachuu hin qabnu'' jechuun ummata isaaniif ergaa dhaamaniiru.
''Haa ta'u malee, ummatoonni Itoophiyaafi ollaan keenya hundi dhimmicha of eeggannoon ilaaluu qabu,'' jechuun akeekkachiisaniiru.
Gaaffii ulaa galaanaa
Pirezidant Isaayyaas dhimmoota ijoo kaasan keessaa tokko dhimma ulaa galaanaa Itoophiyaan barbaadaa jirtudha.
Gaaffii Itoophiyaa kana Pirezidant Isaayyaas xiyyeeffannoo argachuuf wanta taasifamudha jedhu, dhimmoota ji'opolotikaa waliin akka walqabatuus himu.
Gaaffiii maal na dhibdeedha jedhan kana duuba humnoonni kaan akka jiran ifadha jechuunis himani.
Dabaluunis, bara 1940 mirgi kolonii jalaa bahuu keenya kan dhorkamne sababa wal fakkaataan akka ta'e yaadachuu qabna jedhan.

Madda suuraa, PMO
Paartiin Badhaadhinaa yeroo tokko buufata doonii Jibuutii dhiisuun oomisha dolaata biiliyoona afur ta'u gara Asabitti jijjiiruuf yaada kaasee ture kan jedhan Pirezidant Isaayyaas.
Nutimmoo biyya ollaa miidhuuf karoora akkanaa hin qabnu itti himne jedhan.
Gama Somaalilaandis buufata dooniifi bakka humna galaanaa qubsiisan ijaaruuf yaaliin godhan 'kan qoqqoodinsa uumuufi lola kaasu'' jechuun gochaa maal na dhibdeedha jechuunis himataniiru.
Yoo dhugaa dubbanna ta'e kunneen ajandaa Badhaadhinaa miti jechuunis himan.
Haa ta'u malee, 'abjuu' Pirezidantiin Yunaayitid Arab Emireet buufatawwan doonii to'annoo isaanii jala jiru naannicha keessatti uumuudha jechuun dubbatan.
'Of eeggachuu qabna'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana keessa seenuuf fedha hin qabnu kan jedhan Pirezidantiin Ertiraa, nuti garuu waraana nutti fe'ame falmineerra jechuun himan.
''Ollaa keenyarratti gaaffiis ta'e fedhii naaf mala jedhu hin qabnu. Garuu, akka seenaan ragaa bahutti, haleellaan yeroo raawwatuufi xuqamnu biyya keenya akkamiin akka eegnu beekna,'' jedhan.
Gama kaaniin aangawootni Itoophiyaa Ertiraa waliin lola seenuu akka hin barbaanne himu.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Galaana Diimaaf jecha Ertiraa waliin lolatti akka hin seenne yaa'ii paarlaamaa biyyattiirratti dubbataniiru.
Pirezidant Isaayyaas dubbii isaaniin meeshaa waraanaa mootummaan Itoophiyaa bitaa jira jedhanis eeran.
''Badhaadhinni dirooniiwwan biteefi misaa'elota fageenya dheeraa, taankiiwwan fi haleellaa guddaa Ertiraarrratti raawwatu dhaadataa jira,'' jechuun dubbatani.
''Kuni kan nama ajaa'ibuufi namoota seenaa hin qabne biratti qofa odeeffamuu danda'a,'' jedhaniiru.
''Gorsi keenya ummata Itoophiyaa waraana hiika hin qabnetti hin galchinaa kan jedhudha'' kan jedhan Pirezidant Isaayyaas, rakkinoota dhugaa furuuf xiyyeeffannoon haa kennamu jechuun dubbatani.
Dabaluunis, ''dhaadannoo [jiru] guutummaan guututti tuffannee dhiisna jechuu miti'' erga jedhan booda ''of eeggannoo barbaachisaa gochuu qabna'' jedhan.












