Itoophiyaan eddoowwan waraanni Ertiraa to'atteetti sarbamni raawwatamaa jira jechuun UNtti himatte

Madda suuraa, webtv.un.org/screenshot
Itoophiyaan waraanni Ertiraa ammalleen naannawwan daangaa Itoophiyaa to'atee akka jiruufi sabamoota sukkanneessoo raawwataa jiraachuu ilaalchisee gabaasaaleen bahaa jiraachu Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN)tti himatte.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoamniitti bakka bu'aan Itoophiyaa Amabaasaadar Tsaga'aab Kiibabawu ''sarbamoonni mirga namoommaa sukkanneessoon naannawa daangaatti akka raawwataman gabaasaaleen bahuu'' itti fufuu dubbatan.
Ambaasaadar Tsaga'aab kana kan dubbatan mana maree mirga namoomaa UN, aangoo ogeessa addaa haala qabiinsa mirga namoomaa Ertiraa irratti hundeesse dheerreessuu ilaalchisuun sagalee kennuun dura ture.
Amabaasaadar Tsagaa'ab tarkaanfii Ertiraan fudhataa jirtu kan walitti dhufeenya biyyoota lamaanii balleessu qofaa osoo hin taane ''kallattiidhaan kan Itoophiyaarratti haleellaa kaasuudha'' jedhan.
Amabaasaadarichi yaadasaanii kanaan Ertiraatti haalli qabiinsa mirga namoomaa irratti xiyyeeffachuun gabaasa baase akka waabiitti eeraniiru.
Gabaasni kunis Dhaabbata Biyyoota gamtoomanii jalatti mirga namoomaa kan hordofu, Mahaamad Abdalsalaam Baabiikar kan qindaa'e yoo ta'u, Mana Maree Nageenya UNtti yaa'ii dhiheenya gaggeeffamaerratti dhiyeessanii ture.
Waraanni Ertiraa bakkeewwan Tigraay to'ate keessaa ajjeechaa fi miidhaa saala dabalatee, sarbamoota mirgaa raawwataa ta'u gabaasni kun kaaseera.
Gochaawwan Tigraayiitti raawwtamaa jiru jedhaman kan akka ajjeechaa seeraan alaa, hidhaa akka tasaa, miidhaa saalaa, ukkamsuufi ugguuruu, namoota nagaa dirqiin buqqaasuun akka itti fufe gabaasa ''haala qabiinsa mirga namoomaa Ertiraa'' jedhuun baherratti hammatameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana malees, saamichi, qabeenyaa barbadeessuu, dararaa, haala sukkanneessaan namoota qabuufi daa'imman dabalatee dargaggoota humnaan waraanaaf leenjiisuu kanneen jedhan gabaasicha keessatti hammatameera.
Kana malees, lammiileen naannoolee raayyaa waraanaa Ertiraatiin to'ataman keessa jiraatan sochiisaanii irra uggurri kaa'amu himeera.
Isaan keessaayis uggura sa'aatii dabalatee, kanneen gara eddoowwan naannoon Tigraay bulchu imaluuf yaalan irratti addabbiin akka isaan eeggattu doorsiifni akka irratti raawwatamu gabaasichi kaaseera.
Uggurriiwwan kunneenis hawaasichi akka adda qoodamu taasisuun tajaajilawwan bu'uuraa fi deeggarsa namoomaa akka hin argannee akka taasise kaaseera.
Jiraattoonni naannichaa keessattuu dargaggoonni humnaan lolaaf hirmaachifamuu fi dhabamsiifamuu sodaachuun baqataa akka jiran kaaseera.
Waraanaa cimaa waggaa lamaaf naannoo Tigraay keessatti gaggeeffame irratti mootummaa federaalaa maddi dhaabbachuun kan lolan humnootiin Ertiraa, eddoowwan Tigraay qabatan keessaa akka bahaniif irra dedebiin waamicha taasisaa turun ni yaadatama.
Komishiniin Daangaa Itiyoo-Ertiraa bulchiinsoota Iroobiitti argaman kan Itoophiyaaf murtaa'an naannowwan akka Ingalaa, Waraa'itilee, Aliitee akkaumas baha Tigraayiin Makaadaa, Sabayaa fi Zaalaanbassaa fi kaaba lixaatiin gama Shiraarootiin ammoo adda Taahitaay Abiyaaboo harka humnoota Ertiraatti akka argamu gabaasichi kaaseera.
Daangaa waliigaltee Aljeersiitii fi Komishiinii Daangaa Itiyoo-Ertiraa murteessaan biyyoonni lamaanuu akka kabajaniif gaafateera.
Kana malee, mirgi jiraattoota eddoowwan biyyoonni lamaan irratti wal dhaban akka eeganiifi murtee komishinichaa yeroon hojiirra itti oolchan dursi kennamuuf akka qabaatu akeekkachiseera.
Bakka bu'aan Itophiyaa yeroo kanatti Itoophiyaa nageenyaaf kutannoo qabdu agarsiisuun irra dedebiin waamicha taasiftulleen Ertiraan garuu haala seera idil-addunyaa cabsuushee itti fuftee jirti jedhe.
Dippilomaatichi akka fakkeenyaatti kan kaasan humnootiin Ertiraa daangaa Itoophiyaa qabatanii akka argamanii fi ''waraana eegaluudhaaf yaaddoo hin oollee nutti humaniiru'' jedhan.
Ertiraan himannaawwan sarbamaa irratti dhiyaatan irratti qorannoo walabaa taasisaa kan jiran UNtti hordoffii mirga namoomaa addaa taasisaa kan jiran akka cufamuuf dhiheenya gaafattulleen manni marichaa kufaa taasiseera.
Aanga'oonni raapoortara addaa UN haala qabiinsa namoomaa Ertiraa irratti hundeesse akka hin dheereeffamneefii gaaffiin dhiyaate Itoophiyaa dabalatee, biyyoonni 25 mormaniiru.
Kubaa, Chaayinaa, Booliviiyaa fi Sudaan kan deeggaran yoo ta'u, Kaataar dabalatee biyyoonni 18 sagalee osoo hin kenniin hafaniiru.
Ertiraan sarbamni mirga namoomaa ittiin himatamtu kan ''caaseeffame'' akka hin taane ibsuudhaan, biyyoota guddinarratti argaman keessaa akkuma jiru ''daangeeffamuu ni dandeessii'' kaasuushee gabaafameera.
Haata'u malee, UN aangoon raapoortarichaa waggaa dabalataa tokkoof akka dheereeffamu yaada dhiyeesse Itoophiyaa dabalatee biyyoonni sagalee kennanii darbeera.
-Itoophiyaan sagalee kennuu isheen dura Eertiraan ''walabummaa, nageenya biyyaalessaa, mirgoota namoomaa fi dirqama deeggarsa namoomaa ishee bahachuuf'' yaaddoo natti taateetti jechuu ishee ejjennoo duraan qabdu waliin kan wal faalleessuu fi itti fufinsa hin qabnedha jechuun qeeqxe.
Ertiraan ibsa baasteen naannichatti rakkoo uumaa kan jiru Itoophiyaa tahuu eertee UN irratti himatte.
Ibsi kun ''humni waraanaa Eeritiraa daangaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamu keessa buufatanii'' akka jiran kan himuun, kanaan ala kan jiru ''odeeffannoo sobaa akkasumas tahe jedhanii dubbii barbaachaa fi walitti bu'insa kaasuuf sababa barbaaduuf shira hojjetamedha'' jedha ibsichi.
Ambaasadar Tsaggaan gama isaaniin qoqqobbiin Eertiraa irratti darbe akka ka'uuf tattaaffiin godhan kaasuun akkasumas hariiroo dippilomaasii gaarii tahe waggootaaf hordofaa erga turanii ammas ''jijjiirama hiika qabu wayii arguu dadhabuu isaaniitti baay'ee gadduu'' ibsan.
Ambaasaadarichi itti dabaluun Itoophiyaan fudhatama waggoota dheeraaf qabdu fayyadamuun baqattoota Eertiraa kuma dhibbaan lakkaa'amaniif dahoo kennuu ibsan.
Haa tahu malee, haalli kun ''nageenya biyyaalessaa, tasgabbii fi nageenya uummatichaa dadhabsiisuu fi walitti hidhaminsa hawwaasaa addaan kutuuf hojiirra oolfamaa jira'' jedhan.
Eertiraan ammoo waggoota lamaan darbaniif Itoophiyaan buufataalee doonii Eertiraa ''yoo danda'ame karaa seera qabeessaan yoo hin taane ammoo humna waraanaan qabachuuf irra deddeebiin fedhiiq abdu ibsaa turte'' jechuun himatti.
''Mirgoota namoomaa fi nageenya biyyaalessaa'' kanneen jedhan fedha qaban kanaaf akka haguuggiitti kan fayyadamanidha jette.
Eertiraa keessatti waraanni biyyoota lamaan gidduutti ka'uu akka hin oolle baay'inaan odeeffamaa jiraachuu Paarlaamaa irratti tibbana kan eeran MM Abiy, ''karaa keenyaan rasaasni tokkoyyuu hin dhukaafamu'' jedhan.
Itti dabaluun uummanni Eertiraa obbolaa keenyadha. Nagaa barbaaduu keenya akka kanaatti nuuf hubatamuu qaba. Nagaa barbaanna'' jedhan.
Itoophiyaan biyyoota ollaa hunda waliinuu nagaan jiraachuu akka barbaaddu himan.
Haa tahu malee, ''nagaa kan hin barbaanne jiraanaan ofirraa ni ittisna, Itoophiyaan hin diigamtu, ofirraa ittisuuf humna gahaa qabna'' jedhan.
Qoqqobbiin bittaa meeshaa waraanaa Ertiraa irra ture ka'uun isaa biyyattiin deebistee humna waraanaa ishee jabeessuun biyyoota ollaa keessumaa Itoophiyaa keessa tasgabbiin akka hin jiraanne gochaa jira jechuun dhaabbanni miti mootummaa tokko gabaasa baasee ture.
Eertiraan garuu himata irratti ka'u kana kuffiisuun kun sababa barbaachaafi jette. Muddama qaxanichatti mudateef kan itti gaafatamuu qabu Itoophiyaadha jette.
The Center dhaabbanni jedhamuu fi mirgoota namoomaaf falmu, waggaa torba dura erga qoqoobbiin Ertiraa irraa kaafamee as waraana ishee jabeessuun ''biyyoota ollaa ishee keessumaa Itoophiyaa keessa tasgabbiin akka hin jiraanne gochaa jirti'' jedhe.












