Humnoota Tigraayii fi hidhattoota 'Lafa Bilisaa' jidduutti maaltu mudate?

Humnoota Tigraayii fi milishoota TPLF mormuun Afaar keessa socha'an jidduutti maaltu mudate?

Madda suuraa, SM/WOYIN

Humnootii Tigraayiifi milishoota TPLF mormuun qabsoo hidhannoo eegaluun 'Lafa Bilisaa' (Free Land) jidduutti walitti bu'iinsa Aanaa Tigraay, Waajaraat kan Godina Kibba naannichaa keessatti uumamee akka ture BBC maddeen irraa mirkanneeffateera.

Walitti bu'insi kunis guyyaa Kibxataa waaree booda sa'aatii 10-11 jidduutti ture jedhameera.

Haalli kunis jiraattoota naannichaatti naasuu kan uumee ture yoo ta'u, maanguddoonni gareewwan kanneen jidduu galuudhaan walitti bu'iinsicha dhaabsiisuuf yaaluusaanii BBC maddeen irraa mirkanneeffateera.

Milishoonni TPLF mormuun qabsoo hidhannoo eegalan kunneenis ''Qabsa'oota Lafa Bilisaa'' jedhamuun kan of moggaasan yoo ta'u, hanga yoonaatti garuu maggaasa ofiseelaa hin qaban.

Walitti bu'insichi attamiin eegale?

Walitti bu'insa humnootii Tigraayifi milishoota ''Lafa Bilisaa'' jedhaman jiddutti gaafa Kibxata waaree booda kan eegale erga milishoonni kunneen Naannoo Affaar irraa ka'uun Aaanaa Wajaraat kan Tigraay keessaa seenaniin boodadha.

Akka BBC'n jiraattoota naannichaa irraa mirkanneeffateetti, milishoonni garee 'Lafa Bilisaa'' ofiin jedhan hedduun halkan Dilbataa irraa kaasee hanga Wiixata ganamaatti ture kan naannawa Senaalee jedhamu seenan.

Kana hordofee humnootiin Tigraay naannichatti dhukaasa banuusaanii jiraattoonni BBCtti himan.

Gideey Alaman Haagoos, jiraataan Senaaleefi maanguddoota ollaa sanaa keessaa tokkodha.

''Miidhamtoonni hundi Tigrootadha. Milishoonni Lafa Bilisaa naannoo Affaar bakka Magaalee jedhamurraa Dilbata halkan ka'uudhaan, Senaalee keessatti Wiixata gara barii sa'aa 12tti argine.

''Kana hordofee humnootiin Tigraay ammoo 'Maaliif dhuftan?' jechuun gaafatan. Lamaanu wal dura dhabachuun wal loluu yaalan'' jechuun himan.

Kana hordofees, humnootiin Tigraay kanneen Senaalee keessa yeroo baayyeef buufachu himan, yeroo sadii hanga afurii meeshaa waraanaa cimaa (dishiqaa) itti dhukaasan jedhu.

''Humnootiin Tigraay jalqaba kan dhukaasa banan sa;aatii 10 irratti ture. Dhukaasa sadii hanga afurii yoo dhukaafamu dhagaheera'' jedhan.

Jiraattoonni naannichaa BBC'f akka mirkanneessaniitti, erga milisoonni kunneen akka tasaa gaafa Dilbataa naannicha seenaniin booda guyyaa Wiixataa humnootiin Tigraay dabalataa hedduun naannichatti kan bobbaafamaniiru.

Jiraattoonni haalli mudate uummata kan naasisee ture yoo ta'u maanguddoonni ollaa sanaa jidduu galuudhaan haalicha tasgebbeesaniiru jedhan.

Ajajaa Shantamaa Gabra Abrahaanis maanguddoota ollaa sanaa gareewwan lamaan jidduu seenuun walitti bu'iinsicha tasgabbeessan keessaa tokkodha.

Milishoota Lafa Bilisaa

Madda suuraa, SHEWIT

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Walitti bu'iinsa cimaatu ture. Humnootiin Tigraayiifi hidhattoonni Lafa Bilisaa kutaa waraanaa hiriirsuun wal waraanna jedhan... Humnootiin Tigraay dhukaasu eegalan. Nutis jidduu galuudhaan akka deebii walii kennuurraa of qusatan goone... Nutis isin obboolaadha, wal waraantaniif homaa hin qabdan jenneen'' jedhan.

Ajajaa Shantamaa Gideey, jidduu galummaa jaarsoolii hordofee milishoonni Lafa Bilisaa Senaalee keessaa gadi dhiisanii kan bahan yoo ta'u, garuu eessa akka jiran odeeffannoo akka hin qabne dubbatan.

Walitti bu'insaa mudateenis kan ajjeeffames ta'e kan miidhaan qaamaa irra gahe jiraachuun hin gabaafamne.

"Hidhattoonni milishootaa Senaalee seenanii turan hedduu yoo ta'e, hundiisaanii kan meeshaa hidhatan turan.''

Ajajjoota milishoota TPLF mormuun qabsoo hidhannoo eegalan 'Lafa Bilisaa' keessaa tokko Birgaadar Janaraal Gabre Igzaabiheer Bayyanaa (Ilma Antruu) kanaan dura BBC waliin gaaffiifi deebii taasisaniin, kutaa waraanaa afur ijaaruu dubbatanii ture.

'Marii jechuun humnasaanii cimfachaa jiru'

Hogganaan garee hidhattoota 'Lafa Bilisaa' maqaansaanii hin dhahamne BBC'tti dubbatan, taatee aanaa Waajaraatti mudame mirkanneessuudhaan, erga maanguddoota naannichaa waliin mariin gaggeeffameen booda naannicha keessaa bahan illeen, Aanaa Waajiraat dabalee, ammalleen humnootiin isaanii kutaalee Tigraay hedduu keessatti argamu jedhan.

''Karaa keessootiin haa mari'annu jedhan. Haata'u malee, tarsimoon kun of qopheessuuf yeroo bitachuuiidha. Akka Tigraay seennu hin barbaadan, nuti garuu osoo mari'annuu hojii keenya hojjanna'' jedhan.

Bulchiinsi Yeroo naannoo Tigraay walitti bu'iinsa gareewwan kanneen jidduutti Kibxata darbe mudate ilaalchisuun hanga ammaatti wanti jedhe hin jiru.

Walitti bu'iinsa kallattii haaraa kana hordofees hedduun wal waraansi cimaan haaraan Tigraay keessatti ka'u malaa jechuun yaadaa'aa jiru.

Miseensoota humnoota Tigraay

Madda suuraa, woyin

Walitti bu'iinsi hidhannoo kunis dhaaba TPLF kan waggaa 5f Tigraay bulche jidduutti qoodinsa uumuuf deemaa jira.

Ajajoonni humnoota Tigraay tokko tokko ifatti gartuu TPLF kan Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamuu akka deeggaran Amajji keessa dubbataniiru.

Murteen kunis wal dhabdeen garaa garummaa siyaasaa dureewwan Tigraay keessatti mudate kan saaxile yoo ta'u, kunis mudama cimsee ture.

Janaraaloonni humnoota Tigraay murtee sana morman muraasni walgahii sana dhiisanii kan bahanii turan yoo ta'u, isaan booda loltoota mataasaanii ijaaruun 'Lafa Bilisaa' ofiin jechuun qabsoo hidhannoo naannoolee Afaariifi Tigraay keessatti eegalu beeksiian.