Janaraalli garee TPLF mormuun qabsoo hidhannoo eegalan maal jedhu?

Birgaader Janaraal G/Igzaaber Bayyana (Waddi Anxiruu) ajajoota humnoota Tigraay kaan waliin waldhabanii bahan

Madda suuraa, AWRA

Ibsa waa'ee suuraa, Birgaader Janaraal G/Igzaaber Bayyana (Waddi Anxiruu) ajajoota humnoota Tigraay kaan waliin waldhabanii bahan

Humnoota Tigraay keessaa bahanii waraana ofii ijaaraa kan jiran Birgaader Janaraal G/Igzaaber Bayyanaa (Waddi Anxiruu) ''waan haaraa uumuuf'' gara gammoojjii seenuu dubbatan.

Janaraalichi BBC Afaan Tigriffaa waliin turtii taasisaniin waan haaraa jedhan yeroo ibsan ''humna paartiirraa adda ta'e uumuuf,'' socho'aa akka jiran dubbataniiru.

TPLF kuffisuuf yaada akka qaban kan dubbatan janaraalichi ''Paartiis ta'e mootummaa waraanaa hundeessin hin qabnu,'' jedhaniiru.

Naannolee Affaariifi Tigraay keessatti waraana kutaa waraanaa afur qabu hundeessuu isaanii kan dubbatan Janaraal G/Igzaaber Bayyana, aangawoota humnoota Tigraay waliin kan adda bahan Amajjii 15, 2017 eegalee akka ta'e himan.

Aangawooti olaanoo humnoota Tigraay Amajjii 15 walitti qabamanii bulchiinsi Obbo Getaachaw Raddaan hoogganamu yeroo balaaleeffatan mormuun ajajoota walgahii dhiisanii bahan keessaa tokko Janaraal G/Igzaaberidha.

Kana hordofees ajajoonni humnoota Tigraay Janaraal G/Igzaaber akkasumas kaan murtee waraanichaa mormanirratti dhorkaa kaa'uun isaanii ni yaadatama.

''Qaama ummanni Tigraay bilisummaafi loogii malee filedha kan tajaajillu,'' jedhaniiru.

''Amma qabsoorra jirra kan dulloomnees qabsoo keessa,'' kan jedhan janaraalichi ''paartiitti michoomee kan chaappaa butu, kan muuduufi shaaru dhaloota haaraaf dhiisnee deemuu hin barbaannu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Humna loogii hin qabne uumuuf malee ashkarummaa paartii hin qabnu, hin goonus,'' jedhaniiru.

Garaagarteen humnoota Tigraay waliin qaban mariin furuuf yoo yaalanii jiraatan kan gaafataman janaraalichi, ''ni didani'' jedhaniiru.

Waa'ee murtee ajajoota humnoota Tigraay nu dhorkan jedhan yoo dubbatan bulchiinsa Obbo Getaachaaw balaaleeffatanii yeroo ibsa baasan ''hin fudhu'' jechuu isaaniin dhorkamuu himu.

''Hin fudhannu jechuun mirga isaanii ture,'' jechuun ''amalli isaanii garuu dhorkuudha,'' jechuun ajajoota humnoota Tigraay qeeqaniiru.

''Ani deeggaraa TPLF miti jechuun, of haa danda'u hin baadhu jechuun, waraanichi baachuu hin qabu jechuudha,'' jedhaniiru.

''Of danda'ee gara ummataa haa seenuufi haa dorgomu, TPLF haa badu haa dhiisu dhimma isaati. Itti haa fufu, haa dhiisu dhimma isaati. Anaan kan na ilaallatu dhimma ummata Tigraayi.''

Mormii isaaniif qawwee kaasuu filachuun isaanii naannoo Tigraay waraana keessa ture irra deebiin maraammartoo waraanaatti hin deebisuu jedhamanii gaafatamaniiru.

''Ani janaraala intarnaashinaaladha. Akkana ta'ee milishaa TPLF ta'uu hin barbaadu. TPLF paartii keenya kan jedhan milishaa isaanii akka ta'anitti kaniin lakkaa'u.

''Milishaa ta'ummoo ani hin fudhu,'' jechuun dubbatan.

TPLF waan jette yoo hin raawwanne, ''ni badda, jiraachuu hin dandeessu. Tigraayiitii nib adda,'' kan jedhan Janaraal G/Igzaaber Bayyana, garaagartee qaban furuuf ''barreeffamaan yaalleerra,'' jedhaniiru.

''Chaappaa hin bunne jechuun nu adabsiisamoo? Waajjiraalee burruushaan cabsaa bulchitoota ari'uun sirrii miti jechuun ni adabsiisamoo?'' jechuun gaafatu.

Booda kana aangawoota Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni hammaateera
Ibsa waa'ee suuraa, Booda kana aangawoota Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni hammaateera

Nuti kan qabsoofneef nagaadhaan akka jiraannuuf kan jedhan jeneraalichi ''karaa nagaan barreeffamaan yaalle. Yeroo baayyee yaalleen, ni didan. Kan dhumaa nu hidhuuf akka ta'e wayita barru as dhufne. Nu hidhuuf kan yaalan ammoo loltoota amma ittiin dhaadatan kana akka dhaban isiniif mirkaneessuun barbaada,'' jedhan.

Jenaraal G/Igzaaber Bayyane maqaan garee hidhattoota isaanii ammallee akka hin murtoofnee fi fuulduratti akka beeksisan dubbataniiru.

''Hanga ammaatti adda waraanaa sadi, afur qabna,'' kan jedhan jeneraalli kun raayyaa Tigraay keessaas humna hedduu qabaachuu ibsan.

''Milishaan isaan raayyaa keenya jedhan nu faana jiru. Mufatanii jiru. Jijjiirama fedhu. Yeroon gan dargaggoota akka ta'udha kan barbaadamu. Barachuu, jijjiiramuu gaafata. Dargaggoon galii fooyya'aa qabaachuu fedha. Maatii fi hawaasni waraana keessaa ba'uun deebi'ee ijaaramuu fi nagana jiraachuu fedhu. Kanaafuu loltoonni dargaggoonni nu waliin jiru. Nuti baayyeedha.''

Jeneraal G/Igzaaber Bayyane gara waraanaatti seenuu dura haal-dureen barbaadan yoo jiraate gaafatamanii ''hanga ammaa qaamni nu dubbise hin jiru,'' deebii jedhu kennan.

Teessoon isaanii Affaar fi Tigraay ta'uu kan ibsan Jeneraal G/Igzaaber ''gara Affaar gadi buunee akka ijaaramnuuf sababi ijoon Affaar fi Tigraay maatii tokko waan ta'aniif,'' jedhan.

''Nu dhibee ture. Qaamoleen naannawa kana jirru haa gurmoofnu moo bakka tokkotti wal haa geenyu jennee wal gaafanne. Wal haa geenyu jedhan. Kun bar waan guddaa miti. Qarqara Tigraay jirra. Eeyyama gaafachuun nurra hin jiru.''

Adda waraanaa afur irraa loltoota qabaachuu kan ibsan Jeneraal G/Igzaaber ''humni keenya guddaan Tigraay keessatti argama,'' jedhan.

Hariiroo mootummaa federaalaa waliin qaban gaafatamanii ''akka as jirru ni beeku,'' jechuun deebisan. Deeggarsi argatan tokkollee akka hin jirre garuu cimsanii dubbatan.

Bulchaan Bulchiinsa Yeroo Tigraay Jeneraal Taaddase Warrade wayita muudaman gaaffii isaanii dhiyeeffachuu fi raayyaa walaba ta'e ijaaruu baannaan ''isin nu deeggartanis nu deeggaruu baattanis qabsoo keenya itti fufna,'' jechuun hubachiisanii akka turan dubbatan.

Yeroo ammaa Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddamni hammaachuu fi yoo walitti bu'iinsi uumame ejjennoonsaanii maal akka ta'u gaafatamanii ''nuti uummata waliin hiriirra. Isaan [aanga'oonni TPLF] gooftaasaanii waliin ta'uu danda'u. Nuti garuu uummata waliin hafna,'' jedhan.

Naannoo Tigraay Zoonii Giddugaleessaatti kan dhalatan Jeneraal G/Igzaaber ALI bara 1974 qabsoo TPLF bulchiinsa humna waraanaa fonqolchuuf taasisaa ture keessatti makaman.

TPLF keessatti waraana idilee irraa hanga ajajaa kutaa waraanaatti kan tajaajilan Jeneraal G/Igzaaber dhumarratti hoogganaa Ajaja Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa damee kaabaa fi ajajaa waraanaa itti aanaa ta'uun tajaajilaniiru.

Waraanni Tigraay eegalamuu ji'oota muraasa dura raayyaa ittisaa keessaa sooramaan kan ba'an Jeneraal G/Igzaaber waraana Tigraay keessatti garuu aanga'aa waraanaa ta'uun hiriiraniiru.

Jeneraalli gameessi kun humnoota Tigraay keessatti humna komaandoo addaa Army 50 jedhamu ijaaranii akka turan himama.

Yeroo ammaa aanga'oota garee hidhattootaa Affaar keessa jiran keessaa tokko.