Qoccolloo aanga'oota Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti hammaachaa dhufe

Hariiroon qaban boora'uun guyyuu ifa kan ta'e Itoophiyaa fi Ertiraan karaa kallattiin hin taaneen wal qoccolaa jiru. Inni tokko isa kaan komataafi himataa jiru.
Aanga'oonni mootummaa biyyoota lamaanii carraawwan gara garaan himanni dhiyeessaniifi jechoonni walitti deddeebisan guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa kan dhufe fakkaata.
A L I Caamsaa 26, 2017 Ministirri Beeksisaa Ertiraa fuula X isaa beekamurratti ergaa deebii Ministira Ittisaa fakkaatu qoodeera.
"Yeroo ammaa kana deeggartoonni Badhaadhinaa/arrabssitoonni waa'ee Ertiraa waan hunda qeequurratti xiyyeeffataniiru," jedhe Yamaanee Gabremasqal.
Ministirri Ittisaa Itoophiyaa Ayishaan, erga pirezidantiin Ertiraa kabaja guyyaa Walabummaa 34ffaa irratti Itoophiyaa eeruun dubbateen booda, biyyoonni "biyya jedhanii waamuuf kan nama rakkisan" sadarkaa kanatti waa'ee Itoophiyaa dubbachuuf yaaluun isaanii amala baratame akka ta'e nan beeka," jettee turte.
Pirezidant Isaayyaas kabaja guyyaa Walabummaa irratti mootummaa Itoophiyaa cimsee qeeqeera.
Guyyaa walabummaa A L I Caamsaa 16, 017 kabajamerratti Pirezidant Isaayyaas, "hunoonni alaa karaa bakka bu'aa isaanii kan ta'e Badhaadhinaa waraanni wagoota shanan darban ummata Itoophiyaarratti waraana labsan hangam akka abdii kutatan kan agarsiisudha," jechuun dubbatee ture.
Haasaa kana hordofee Ministirri Ittisaa Itoophiyaa raayyaan ittisa biyyaa qaama maqaa hin dhoofne " humnoota xixiqqaa gorsa dhaga'anii kaka'aniif gurmaa'e" akka hin taane dubbatteetti.
Ambaasaaddar Diinaa Muftii fuula marsariitii 'Horn Review' jedhamurratti barreeffama baaseen, mootummaan Ertiraa loltootasaa daangaa Itoophiyaa keessaa akka baasuufi humnoota hidhannoon Itoophiyaa mormaniif deeggarsa kennuurraa akka of qusatuuf hawaasni addunyaa dhiibbaa akka taasisuuf gaafateera.
Mana-maree Bakka Bu'oota Ummataa keessatti miseensa Koree Dhaabbii Dhimmoota Alaa kan ta'e Ambaasaaddar Diinaa Muftii, mootummaan Ertiraa "daangaa walabaa Itoophiyaa bara baraan qabatee itti fufuu hin danda'u" jechuun barreesse.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad kanaan dura bakka bu'oota Tigraay waliin marii taasisaniin, raayyaan Ertiraa bakka seeraan isaaf kennamerra akka jiruufi isaa ala bakki qabatee jiraannaan koree qulqulleeffatu hundeessuu dubbatanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaafi Ertiraan waggoota 20 oliif wal gaarerfannaa keessa erga turanii booda MM Abiy gara aangootti dhufuu hordofee hariiroon qaban fooyyaa'ullee erga dhiyootii as garuu mufannaan lamaan isaanii gidduu jiru mul'achaa dhufeera.
Ertiraan waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamerratti mootummaa Federaalaa cinaa dhaabbachuun kan hirmaatte yoo ta'u, waraanni dhiiga dhangalaase waliigaltee Piritooriyaan dhaabbachuu hordofee hariiroon isaan gidduu ture gufachaa dhufeera.
Yamaanee Gabremasqal ammoo deeggartoonni siyaasa badhaadhinaa ykn warra nama arrabsan ittiin jedhe "seenaa duriifi har'aa biyyattii itti makuufi jallisuun" kan himate yoo ta'u, dinagdeefi humna Ertiraas xiqqeessanii ilaalu jechuun abaareera.
Ministiri beeksisaa kun ka'umsi kanaa "fedhii gadi fagoo ulaa galaanaa argachuuf jirurraati" jechuun, kun ammoo "lafa walabaa iyyoota ollaa hanga fudhachuutti qaqqaba," jechuunhimate.
Yamaanee Gabremasqal ergaa X irratti barreesseen dinagdee Itoophiyaa tuffachuun, "Itoophiyaan waggoota 20 darban keessa irra deddeebiin idaarraa boqnnaa argachuushee dagachuu hin qabnu," jedheera.
Ambaasaaddar Diinaa barreeffama baaseen, xiyyeeffannaan Pirezidant Isaayyaas milishoota saba Tigreefi Amaaraa walitti qabuun mootummaa 'meeshaa humnoota alaati' ittiin jedhu mootumma Itoophiyaa "fonqolchuudha" jechuun himateera.
Ambaasaaddar Diinaan giddu-seentummaa Pirezidant Isaayyaas kana waan hamaa hordofsiisa jechuun akeekkachiiseera.
Mootummaan Itoophiyaa "bittaa meeshaa waraanaafi qohii loltummaarra" jira jechuun kan himate Isaayyaas, "waraana karoorfaman kunneen jalqabsiisuudhaaf hariifannaan meeshaalee waraanaafi tekinooloojii bitachuuf taasifamu, dhaadannoon kana cinaatti deemaa jiruufi qophiiwwan waraanaa hundi kan beekeefi galmeessedha" jedhee ture.
"Sababiin dhiyeessuuf barbaadan hedduudha. Dhimma bishaanii, Abbayyaa, galaana Diimaa, ulaa galaanaa argachuu, yaada Oromummaa ummata Oromoo bakka hin buune, walitti bu'insa Kuush fi Seem, ummata affaariifi lafa ajandaa kanaaf itti fayyadamuuf, akkasumas waraana bal'inaan kakaasuudha" jechuun himateera.
Pirezidant Isaayyaas keessumaa "yaada Oromummaa ummata Oromoo bakka hin buune" jechuun yaadni dhiyeesse qaamolee gara garaarraa deebii cimaa hordofsiiseera.
Itoophiyaan karaa Galaana Diimaa ulaa galaanaa argachuuf fedhii qabdu erga ifa gooteen booda gama Ertiraatiin yaaddoon dhalateera.
Kun ammoo Ertiraan Itoophiyaa waliin dhimma Hidha Haaromsaa ilaalchisuun atakaaroo keessa kan jirtu Masirii waliin hariiroo wal tumsuun muddani jiru akka hammaatu taasiseera.
Dabalataan ifatti dubbatamuu baatus Ertiran humnoota Itoophiyaa keessatti hidhatanii socho'an deeggaruun himatamaa kan jirtu yoo ta'u, haaluma wal fakkaatuun mormitonni Ertiraa Finfinnee keessatti hanga waajira banataniitti gahaniiru.












