Wal himannaa Ertiraafi Itoophiyaarratti xinxaltoonni gama lamaanii maal jedhu?

MM Abiy fi Pirezidant Isaayyaas

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii haasaa kabaja Guyyaa Walabummaa Eertiraa 34ffaa irratti taasisaniin erga hariiroon biyyoota lamaanii haaromee as yeroo jalqabaaf mootummaa Itoophiyaa ifatti qeeqan.

Qeeqni pirezidaantichi mootummaa Itoophiyaarratti dhiyeessanis cimaafi hariiroon biyyoota lamaanii hammaachuu bira darbee yaada gara waraanaatti ce'uu malu jedhu kan kaaseedha.

Xiinxalaan siyaasaafi Walitti dhufeenya Idil - addunyaa Obbo Abduraahmaan Abu Hashim, haasaan Pirezidaantii Isaayyas Afawarqii ifatti adda cituu hariiroo mootummoota lamaanii kan agarsiisu akka ta'e BBC'tti himan.

"Haasaan kun waliigalteen Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti ALA bara 2018 mallattaa'ee ture xummuramuusaa agarsiisa. Hariiroon mootummaa Itoophiyaa waliin qabanis hammaachuu qofa osoo hin taanee adda citeera jechuudha" jedhan.

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa akkasumas Xiinxalaa Dhimma Nageenya Gaanfa Afrikaa kan ta'an Dr. Salamoon Mabrees yaada Obbo Abduraahmaan kanaan waliigalu.

Haasaan Pirezidaantichaa hariiroon mootummoota lamaanii rakkoon akka isa mudate kan agarsiisu akka ta'e BBC'tti kan himan Dr. Salamoon, "jechi isaani (Isaayyas Afawarqii) walitti dhufeenya gaarii hintaane agarsiisa" jedhan.

Dabaluunis "Wal amantaan hinjiru, afaaniin walitti darbuutu jira. Afaaniin waan fokkisaa wal irratti kaasuutu jira. Yoo hammaatee deememmoo haala gara walitti bu'iinsaatti deemsisuu danda'utu jira" jedhan.

"Hariiroo namoota dhuunfaa"

Itoophiyaafi Ertiraan muufii waggoota 20'f ture cinaatti kaayanii hariiroo kan tolfatan waggoota torba dura ALA 2018 ture. Hariiroon kunis kaka'umsa Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimadin kan eegalame ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Waggaa torba dura Itoophiyaatti jijjiiramni hanga ta'e yemmuu adeemsifamu isa keessa wanti guddaan, walitti dhufeenyi mootummaa Itoophiyaafii Eertiraa yeroo hin eegamnetti haala gaariidhaan fooyya'e" jedhu Dr. Salamoon.

"Kan nama rakkisufi kan namaa galuu didu garuu akkamitti walitti dhufeenya fooyya'e san yeroo gabaabaa keessatti balleessan kan jedhudha" jedhan.

Gama biraatiin lakkoofsi namootaa wayita mootummoonni Itoophiyaafii Eertiraa hariiroo tolfatan ija shakkiin ilaalan laayyee hinturre.

Namoonni kun hariiroon mootummoonni lamaan tolfatan hariiroo tarsiimoofii faayidaa biyyaalessaarratti hundaa'e osoo hintaanee hariiroo angawoota biyyoota lamaan gidduutti ta'e akka ta'e kaasaa turan.

Angawoonni Itoophiyaa gama isaaniitiin ilaalchi kun sirrii akka hintaane yeroo garagaraatti yeroo dubbatan dhagahamaa tureera.

Xiinxalaan siyaasaa Obbo Abduraahmaan garuu hariiroon biyyoota lamaanii michummaa hoggantoota biyyoota lamaaniirratti kan hundaa'edha jedhu. Kun immoo bara bulchiinsaa MM Abiy Ahimad qofa osoo hintaanee isa durallee kan ture akka ta'e kaasu.

"Hariiroowwan kun tarsiimoofi fageessanii yaaduu ilaalcha keessa galchuun kan uumaman miti" jedhu.

Hariiroon ALA 2018 biyyoota lamaan gidduu tures 'diina waloo kan ta'e TPLF rukkutuuf' akka turefii isa booda hariiroon mootummoota lamaanii gara haala duraan turetti deebi'uu himan.

Humna Waraana Itoophiyaa fi Eertiraa

Madda suuraa, Getty Images

"Haalli waraana heeyyamu hinjiru"

Hammaachaa dhufuu hariiroo Itoophiyaafii Eertiraa hordofee biyyoonni lamaan gara waraanaatti seenuu danda'uu kan jedhurratti namoonni yaadoo qaban yeroo kaasan dhagahama.

"Namoonni yaaddoo waraanaa yoo qabaatan wanni nama dinqu hinjiru. Sababnisaas naannoon kun naannoo nageenya hinarganne" kan jedhan Dr. Salamoon "Garuu wanti hundi yeroo hunda akka sodaatame hin ta'u" jedhu.

"Haalli diinagdee Eertiraa keessa jirus, haalli Itoophiyaa keessa jirus waraana gochuuf hin heeyyamu" kan jedhan Dr. Salamoon Mabree, biyyoonni lamaan 'qananii' waraana itti gaggeessuu danda'an keessa akka hinjirre dubbatan.

Kana malees amantaa yeroo gabaabaa keessa biyyoota lamaan gidduutti waraanni ka'uu mala jedhu akka hinqabnes himaniiru.

Gama biraatiin "Biyyoonni lachuu haala waraana keessummeessuu danda'anirra hinjiran. Sababnisaas biyyoonni lachuu waraanaan dadhabaniiru" kan jedhan Obbo Abduraahmaan immoo "garuummoo mootummoonni lachuu waraanatti kan fayyadamanidha" jedhu.

"Mootummoonni lamaan rakkoo keessoo isaanii furuu dadhabuusaaniin sababa waraanaan haala muddamaa eeruun aangoosaanii itti fufsiisuuf yaaluu danda'u" jedhan.

Haata'u malee, waraanni biyyoota lamaan gidduutti uumamuun 'sababa qabeessa' akka hintaane kan kaasan xiinxalaan kun, yaadni gara waraanaatti adeemuu gama lamaaniinuu dhimma filatamaa akka hintaanes kaasu.

"Gama Eertiraatiin waggaa lama turuunsaanii waraanaaf fedhii akka hinqabne kan agarsiisudha. Gama Itoophiyaatiinis MM Abiy hanga ammaatti ulaa galaanaa karaa nagaan argachuu barbaanna jedhanii irra deddeebiin kaasaa jiru" jedhan.

Kanaafis "gama mootummoota lachuutinuu fedhiin waraanaa kan jiru natti hinfakkaatu" kan jedhan Obbo Abduraahmaan, biyyoota lamaan gidduutti waraanni yoo uumame garuu hammaataafii biyyoota lamaan rakkoo hamaaf saaxiluu akka danda'u kaasaniiru.

Siyaasa Gaanfa Afrikaa

Siyaasni Gaanfa Afrikaa walxaxaafi kan fedhiin biyyoota heddu keessa jiru akka ta'e dubbatama.

Fedhii biyyoota garagaraan cinatti garuu aadeffannaan siyaasa Gaanfa Afrikaa keessa jiru hariiroo biyyootaa miidhaa turuufii jiraachuu xinxaltoonni kaasu.

Mootummoonni Gaanfa Afrikaa wayita waldhabdee keessa seenan garee mormituu walirratti ijaaruufi deeggaruun baratamaa akka ta'e xinxaltoonni kaasu.

Haaluma kanaan Itoophiyaafi Ertiraan humnootii mormituu walirratti deeggaraafii dahoo kennaa turaniiru. Gochaa kana 'aadaa fokkisaa' jechuun kan ibsan Dr. Salamoon miidhaan barmaatii akkanaa cimaa ta'uu dubbatu.

"Gaanfa Afrikaa keessatti aadaan fokkisaafii keessattuu jaarraa 21ffaa keessatti ta'uu hinmalle namoota walirratti ijaaruudha. Kuni ollummaa wal amantaarratti hundaa'efii hariiroo faaydaafii itti fufiinsa qabuuf balaadha" jedhan.

Haa ta'u malee, yeroo dhiyootii as mootummaan Ertiraa hidhattoota Faannoo akkasumas garee TPLF Dr. Dabratsiyooniin hogganamuu waliin hariiroo uumuunsaa himama.

Gama Itoophiyaatiin immoo gareen Pireezidantii Eritiraa Isaayyaas Afawarqii aangoorraa buusuuf socho'ufii ''Birgeed Nihaamaduu' jedhamu magaalaa Finfinneetti waajjira erga banatee ji'oonni sadi lakkaa'amaniiru.

Mootummoonni lamaan gareelee mormituu walirratti deeggaruunsaanii kunis waan haaraa reefu umami osoo hintaanee hammaachaa dhufuu hariiroo mootummoota lamaanii kan mul'isu akka ta'e Obbo Abduraahmaan himu.

Taateewwan ijoo hariiroo Itoophiyaafi Ertiraa

Waggoota kurna afur darban keessatti hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa taateewwan gurguddoo heddu keessummeesse, bu'aa bahii heddus dabarse.

Eertiraan rifarandamii (sagalee ummataa) ALA bara 1985 taasifameen Itoophiyaarraa ifatti foxxoqte. Haa ta'u malee waggoota muraasa booda biyyoota lamaan gidduutti waraanni hamaan lubbuu namaafii qabeenya gaaga'e adeemsifame.

Waraana ji'a Ebla ALA 1990 eegalee waggoota lamaaf adeemsifameen gama lachuunuu namoonni kuma kurnaan lakka'aman ajjeefamaniiru.

Xummuramuu waraanichaan booda biyyoonni lamaan hariiroo adda kutanii, daangaa waliis cufanii waggoota 20'f turan.

Haa ta'u malee waggoota torba dura ALA bara 2018 Ministirri Mummee Abiy Ahimad aangootti erga dhufanii booda hariiroon biyyoota lamaanii haarome.

Wal waraansa Itoophiyaa ALA 2020 naannoo Tigraay keessatti ka'efii gara naannolee Amaaraafii Affaaritti babal'atee ture keessattis loltoonni Ertiraa mootummaa Itoophiyaa cinaa hiriiruun humnootii Tigraay waraanan.

Haata'u malee, waliigalteen nagaa Piritooriyaa mootummaa Itoophiyaafii TPLF gidduutti erga mallattaa'een booda hariiroon biyyoota lamaanii hammaachuu eegale.

Keessattuu Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa qabdu akkasumas dhimma Galaana Diimaa ifatti kaasuunshee dhimma Eertiraa biratti muufii guddaa uumeedha.