'Ertiraan rakkoo Tigraay keessaatti dhalate keessaa gahe hin qabdu'- Osmaan Saaleh

Madda suuraa, Getty Images
Ertiraan waldhabdee keessoo Bulchiinsa Yeroo Ce'umsaaTigraay fi TPLF gidduu deemaa jiru keessaa gahee tokkollee akka hin qabneefi himannaa kanaan wal qabatee haala kamiiniyyu iratti dhiyaatu ifatti akka mormuu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii ibse.
Muddama naannoo Tigraay kan waraanaa cimaa waggaa lamaaf naannicha ture erga waliigaltee nagaa Piritooriyaatiin sagaleen qawwee callisee ture balaadhaaf saaxilamuu mala jechuun sodaan keessatti jabaataa jiruu keessaa Ertiraan harka qabaachuun maqaanshee ka'a.
Haata'u malee, Ministirri Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saaleh Bitooteessa 18, 2025 ibsa dippilomaatota Asmaraatti argamaniif kennaniin, Ertiraan waldhabdee kaaba Itoophiyaa keessatti uumame keessatti gahee qabdi jechuun himannaa dhiyaatu kamiyyuu biyyi isaanii "cimseeti ni mormiti" jedhan.
Torban darbe Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Geediyoon Ximotoowoos dippilomaatota Finfinnee akka himanitti, mootummaan isaanii murnoota Tigraay keessa jiran keessaa tokko addatti osoo hin dubbatiin Ertiraa waliin hidhata qaba jedhee amana.
Torban darbe Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiyoos Finfinnee keessatti haala qabatamaa Naannoo Tigraay keessaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, mootuummaan isaanii gartuun TPLF tokko Ertiraa waliin hidhata qabaachuu akka amanan dippilomaatootaatti himaniiru, garuu bal'inaan hin dubbanne.
Ibsa ministirri odeeffannoo Ertiraa dhimma kana ilaalchisuun fuula X isaaniirratti baasaniin, ''Ministeera Dhimma Alaa [Itophiyaa] ambaasaaddaroota, miseensota dippilomaasii fi hoggantoota dhaabbilee Biyyoota Gamtooamnii biyyattii keessatti argatmaniif himannaa sobaa biyyattiirratti dhiiyyaatu ilaalchisee ibsa kennaniiru'' jedhan.
Himannaawwan biyyattiirratti dhiyaataa jiran jedhan: ''Ertiraan Itoophiyaa irratti lola banuuf qaphaa'aa jirti jedhamee tilmaamamu; waliigaltee Piriitooriyaafi Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf fedhii qabaachuusheefi duula dippilomaasii itti aanuu fi agarsiisa ykn dorsiisa hunma waraanaati'' jechuun tarreesseera.
Ministirri Dhimma Alaa Ertiraa Obbo Osmaan ibsa bal'aa kennaniin, ''Waraanni Ertiraa waraanaa Sadaasa bara 2022 booda daangaa biiyyattii beekkamtii idil-addunyaa qaburratti bobbaafamaniiru'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti-dabaluunis, "Namni waraanni Ertiraa ammallee daangaa Itoophiyaa keessa jira jedhu ykn yaada akkasii dhiyeessu kamiyyuu rakkoo keessoo akka waan dhimma Itoophiyaafi Ertiraa ta'etti fudhachuu yaalaa jirudha," jedhan
Obbo Osmaan himannaan kun miseensonni duraanii TPLF kannen jalqabarraa kaasuun murtee Komishinii Daangaa Ertiraa-Itoophiyaa (EEBC) dhumaafi dirqama ta'e didaniifi ammas diduu itti fufan, akkasumas kanneen ''akkasumaan'' Ertiraa keessatti jijjiirama sirnaa fiduuf hojjetaniin kan daldalamudha jedhan.
Qaamooleen dhimma siyaasa biyyoota lamaanii itti dhiheenyaan hordofan tokko tokko Ertiraan akka waraanaa kaaba Itoophiyaa keessatti mootummaa Itoophiyaa waliin dhaabbachuun lolteetti, waliigaltee Piritoriyaa keessatti hammatamuu dhabuun dallansuu qabaachuu akka dandeessu akeeku.
Haata'u malee, Obbo Osmaan mootummaan isaanii waliigaltee Piritooriyaa akka dhimma keessoo Itoophiyaatti ilaaluun alatti adeemsicha keessa seenuuf fedhii omaa hin qabu jedhu.
Akkasumas ''Ertiraan hawwii Itoophiyaa dogoggoraa fi yeroon isaa irra darbeetiin ''karaa dippilomaasii ykn humna waraanaatiin" ulaa galaana fi buufata galaanaa argachuuf taasiiftuun burjaaja'aa jirti'' jechuun himatan Obbo Osmaan.
''Kanaaf, Ertiraan hawaasni addunyaa fi qaamonni dhimmisaa ilaallatu Itoophiyaan walabummaafi tokkummaa daangaa ollaashee akka kabajjuuf dhiibbaa akka taasisuuf gaafatti'' jechuun ibsan.
Aanga'oonni Itoophiyaa irra deddebiin biyya Afrikaa baay'ina ummataa olaanaa qabduufi ulaa galaanaa hin qabnee taate kanaaf ulaa galaanaa qabaachuun "dhimma jiraachuuti" jechuunsaanii ni yaadatama.

Madda suuraa, Yeman G.
Waan duraan ture
Naannoon Tigraay jidduugala waraana biyya keessaa hamaa waggoota lamaaf lubbuu namoota walakkaa miliyoonaa ol galaafate turte.
Waliigaltee nagaa dhuma bara 2022tti TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti Afriikaa Kibbaa- Piritoriyaatti mallattaa'ee hordofuun ture bulchiinsi yeroo ce'umsaa naannichaa kan Obbo Geetaachoo Raddaatiin durfamu kan hundeeffame.
Mootummaan bulchiinsa yeroo ce'umsaa naannichaa kunis hanga filannoon gaggeeffamutti naannicha akka bulchuuf ture.
Dhiheenya kana keessa ammoo, qaamonni olaanoo bulchiinsa yeroo ce'umsaa kanaa paartii siyaasaa guddicha naannichaa, Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) keessaa garee mormitootaa waliin wal dhaban.
Gareen mormitootaa, namoota hidhataniin deeggaramuun, torbee darbe waajjira kantiibaa magaalaa guddoo Tigraay to'atan.
Waldhabdeen kunis waliigaltee nagaa daandii irraa maqsuu danda'a jedhamuun sodaa uumeera.
Akkasumas, Itoophiyaaf yeroo wal waraansa Tigraay keessa turteetti michoota mootummaa federaalaa kan turte Ertiraa gidduutti walitti bu'iinsi haaraan uumamuu danda'a jedhamuunis yaaddootu jira.












