Ertiraan wal qoqqoodinsa TPLF hammeessuuf yaada hin qabu jette

Isaayaas Afawarqii

Madda suuraa, Getty Images

Eertiraan waliigaltee nagaa Piritooriyaa waraana Tigraay dhaabsiise 'booressuuf' yaada akka hin qabne ibsite.

Kanarra ''ibsa dubbii barbaachaa'' ministirri odeeffannoo Itoophiyaa waa'ee buufata doonii Galaana Diimaa ilaalchisuun kennetuu qoqqoodinsa uumaa jira jette.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yemaana Gabramasqal ibsa kennaniin, ''Eertiraan garaagarummaa gartuuwwan siyaasaa TPLF keessa jiran adda addaa gidduutti umamee cimsuudhaaf yaada omaatuu hin qabdu,'' jedhan.

Obbo Yemaanan himannaa humnootiin Eertiraa Itoophiyaa keessa akka jiran dhiyaate ilaalchiisuun deebii kennaniin, waldhabdee biyyattii keessatti mudate haguuguurratti kan kaayyeffate ta'uu ibsan.

"Akkuma kanaan dura yeroo adda addaa cimsitee ibsaa turteetti, Eertiraan waliigaltee nagaa Piritooriyaa booressuuf yaada hin qabdu," jechuun Asmaraan ibsa Kamisa Bitooteessa 13, 2025 kenniteen kan ibsite.

Kana malees, waliigalteen Piritooriyaa garee TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti mallattaa'e ''dhimma keessoo Itoophiyaa'' ta'uu ibsan Obbo Yemaanan.

Hoggantoonni TPLF fi humnoota Tigraay muraasni kanneen pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa irratti ejjennoo fudhatan Ertiraa waliin hidhata qabaachuun himatamu.

Gaggeessaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa Kamisa Finfinneetti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Eertiraa dabalatee ''jeequmsa Tigraay keessatti uumame irraa fayyadamoo ta'an jidduu seentummaan alaa'' jiraachu kaasuun himatan.

Haata'u malee michoonni Dr Dabratsiyoon himannaa Ertiraa waliin hidhata qabu jedhu kana ni haalu. Waldhabdeen marsaa biraa uumamuufis bu'uurri hin jiru jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli Eertiraa kun dabaluunis, biyyi isaanii waldhabdee gartuulee TPLF jidduutti umamee keessa akka hin seenne kan falman yoo ta'u, qoqqoodinsi TPLF, kan naannicha keessatti waldhabdee siyaasaa fi nageenyaa uume kunis, "rakkina hin barbaachifnee fi kan ummata Tigraay irratti balaa gara biraa hin barbaachiifneefi kan ittifamu danda'u fidaa jirudha" jedhan.

Eertiraan waraana waggaa lamaaf naannoo Tigraayiitti gaggeeffamuun lubbuu namoota hedduu galaafate irratti mootummaa federaalaa cinaa dhaabbachuun humnoota Tigraay waraanaa turte

Pirezdantiin Eertiraa Isaayaas Afawarqiin waliigalteen Piritooriyaa erga mallatteeffamee booda gaaffiifi deebii taasisaniin, dhukaasa dhaabuu deeggarsa Ameerikaa fi Gamtaa Afriikaatiin raawwatame kun ''tooftaa jeequmsaati'' jechuun ibsanii ture.

Haata'u malee, waggoota dhiheenya keessa erga hariiroo cimaan Asmaraa fi Finfinnee gidduu ture laafataa adeemeen booda, walitti dhufeenyi Maqalee fi Asmaraa gidduutti uumamuu isaa morkattoonni TPLF hundi mirkaneessaniiru.