Obbo Geetaachoon mootummaan federaalaa haala naannoo Tigraay jidduu akka seenuuf gaafatan

Madda suuraa, Tigrai/ Tv
Mootummaan Yeroo naannoo Tigraay kan Obbo Geetaachoo Raddaatiin durfamu yeroo amma waldhabdeen gareewwan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) fi mootummicha jidduutti hammaataa dhufee kanatti mootummaan federaalaa gidduu akka seenu gaafate.
Mootummaan naannichaa qondaaltonni waraana Tigraay kanneen sadarkaa olaanaarratti argaman naannichaa diiguu, garee xiqqaa keessatti deebiisnii aangoo cimfachuuf "fonqolcha ifaa ta'e" qindeessaa jiru jechuun himate.
Dabalataanis, gochoonni kunneen Waliigaltee Piriitooriyaa, waliigaltee nagaa Sadaasa bara 2022 Waraana Tigraayitti waggaa lamaaf gaggeeffame xumuruuf mallattaa'e kan cabsu ta'uu himate.
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay, Obbo Geetaachoo Raddaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay jidduu akka seenuu dabalatee ''deeggarsa kamuu gochuudhaaf'' sababii gahaa qaba jechuun dubbatan.
Obbo Geetaachoon kana kan dubbatan haasaa TV naannichaarratti haala yeroo naannoo Tigraay keessa jiru ilaalchisuun wayita dubbataniitti. Af-gaaffii gara sa'aatii wallakkaa fudhateen taasisaniin, dhimma ajajoota olaanoo waraana Tigraay dhiheenya kana dhokaa irra kaa'aniifi waa'ee muddaman naannichatti mudatee ibsa kennaniiru.
Obbo Geetaachoon ibsa Afaan Ingliziitiin kannan kanaan, qaama waliigaltee Piritoriyaa kan ta'an mootummaan federaalaafi hawaasni addunyaa ''haalli nananoo Tigraay gadi bu'aa dhufuufi diigamuun waliigaltee Piritoriyaa balaa olaanaa hordofsiisuu malu hubannoo keessa galchuu qabaatu'' jedhan.
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Tigraa kun barreeffama kaleessa galagala karaa miidiyaa hawaasaa isaaniittin barreessaniin, tarkaanfiin ija jabummaan guutame kun ''osoo gara waraanaa badii ummata Tigraay irratti gaggeeffamuutti hin darbiin dura'' qaamooleen waliigaltee Piritoriyaa keessaa gahe qaban akka mormaniif gaafatanii ture.
Jalqaba torban kanaarratti Wiixata Bitooteessa 10, 2025 Meejar janaraal Yohaannis Wa;dagoorgiis, Meejarjanaraal Maashoo Bayyanaa, Birgaadar Janaraal Mignayi Haayila akkasumas Kibtaxa kaleessaa ammoo Janaraal Fisihaa Kiidaanuu irratti Obbo Geetaachoon dhorkaan yeroo kaa'amun ni yaadatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Geetaachoon qondaaltoota waraanaa olaanoo kanneen kan dhoran ''murtee mootummaa keenyaatiin alatti sochii haala ummata maraafi dargaggoota gara hokkoraatti geessuun, humnoota nageenyaa gara wal waliitti bu'uutti akkasumas sochii balaafamaa ummata keenya rakkoo cimaa keessa galchu hin dhaabne'' jechuudhaan.
Obbo Geetaachoon qondaaltoota waraanaa kanneen dhorkanii boromtaasaa afi-gaaffii taasisaniin, ''murteedha'' kan jedhaniin hojiirra oolchuudhaaf ''tarkaanfiiwwan hunda'' fudhchuu eegalusaanitiin dhorkamu ibsan.
''Waajiraalee mootummaa cabsanii seenaa jiru, aanga'oota bulchiinsa yeroo kaasaa jiru, kun ammoo ummaticharratti qofaa osoo hin taane, waraanicha keessatti mataasaa burjaajii uumeera'' jedhan.
"Gaaffiinsaa pirezidantiin ykn miseensa kaabinee [aangoorra] kaasuu fi dhiisuu miti. Hunda caalaa nageenya xiqqoo waliigaltee Piritiriyaatiin argamte eegsiisuudha'' jedhan dabaluun.
"Sababii kana keessatti humnootiin alaa hirmaannaa qabu jennee amannuuf qabna'' kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''ammas murteen kun ni dhaabbata jedheen abdadha'' jedhan.
Biiroo kantiibaa Adigiraat garee TPLF kan Dr Dabratsiyooniin durfamuun to'atamu kan mirkanneessan Obbo Geetaachoon, ''kanneen kana raawwachuuf karoorsan qofaa osoo hin taane Adigiraati bira darbuun Maqaleerratti raawwachu barbaadu'' jedhan.
''Humna ummata Tigraayitti fayyadamuun waajiraalee mootummaa karaa seeraan alaa ta'een maqaa murna TPLFn qabachuun gonkumaa fudhatama kan hin qabnee fi kan gara badii dabalataatti geessuudha'' jedhan.
"Kanaafiidha maraachuu sana dhaabuudhaaf kanan danda'e hunda raawwachuuf kan yaalaa jiru'' kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''maraachuu sana dhaabsiisuudhaaf dandeettii qabaa kan jedhu dhimma biraati. haata'u malee hawaasni addunyaa jidduu seenuudhaan namoonni kunneen maraachaa jiraachusaanii itti himu qaba'' jedhan.
Manneen marii aanaalee irra deebiin caaseeffamu qabaatu gaaffii jedhu akka kaasan kan himan Obbo Geetaachoon, bulchiinsi yeroo seeraa fi qajeelfamaan furuu akka danda'u ifatti dubbateera jedhan.
Obbo geetaachoon, ''wantoota baayyee nama kofalchiisan kan biiroon nageenyaafi tasgabbii bulchiinsa yeroo dubbate keessaa tokko, bulchiinsi yeroo seeraa fi sirna kabachiisuudhaaf murteeswwan taasisuu irratti gufuu ta'eera'' kan jedhu ta'u kaasan.
''Haata'u malee namoonni kunneen misooma warqee seeraan alaafi dadabarsa namootaa irratti kanneen hirmaatan hidhuu waan jedhu mormaa kan turaniidha'' jedhu.
Pirezidantichi itti dabaluudhaan, ''yakka sukkanneessaa ummata Tigraay irratti raawwatameef osoo furmaata omaatu hin kaa'iinii fi amma mandara keessaa chaappaa saamuun akka seeraa fi sirna kabachiisuutti fudhatamunsaa waan badaadha'' jechuun dubbatan.
Dhimmi biraa Obbo Geetaachoon kaasan ammoo, dhimmamudama Itoophiyaa fi Ertiraa jidduutti mudateedha.
''Itoophiyaa fi Ertiraa jidduutti walitti bu'iinsi akka umamu hin barbaadu'' kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''kan umamu yoo ta'e ammoo ummanni Tigraay dursaan kan miidhamu akka ta'u hin barbaadu'' jechuun dubbatan.












