Muddamni siyaasaa naannoo Tigraay keessatti ta'aa jiru maali?

Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliifi Obbo Geetaachoo Raddaa
Ibsa waa'ee suuraa, Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliifi Obbo Geetaachoo Raddaa

Wal dhabdeen aanga'oota TPLF jidduutti mudatee baatiiwwaniif cimee itti fufee jira. Baatiiwwan darban keessa garee Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD)n durfamu aangoo bulchiinsa yeroo naannichaa to'achuudhaaf tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhataa tureera.

Bulchiinsi yeroo Obbo Geetaachoo Raddaatiin durfamu yaalii kanaan rakkoo targabbii dhabiinsa naannichaatti argamu kan cimsuudha jedhee ibsuun akeekkachiisan illeen muddamichi garuu yeroodhaa gara yerootti cimaa jira.

Guyyoota darban keessa ammoo aanga'oonni humnoota hidhatanii kanneen deeggarsa gareen Dabratsiyoon akka qaban himamu, bakkeewwan garaa garaatti humnaan dhaabbilee bulchiinsaa to'achuudhaaf yaalii taasisaa akka jiran ibsamaa jira.

Haalli kunis ammas naannicha keessatti walitti bu'insa uumuu danda'a jechuun jiraattoonni yaaddoo cimaa keessa galuun kan ibsame yoo ta'u, kanneen dandeettii qaban ammoo naannichaa baqachuudhaan gara Finfinnee fi naannoolee biraatti imalaa jiraachuun jiraattoonni BBCtti himan.

Keessattuu bulchiinsi yeroo Obbo Geetaachoon durfamu ajajoota waraanaa humnoota Tigraay dursan keessaa kanneen ijoo jedhaman qondaaltoota sadii dhorkuu erga beeksiiseen booda muddamni naannichatti cimee jira.

Kibxata kaleessaa waaree booda Godina Bahaatti sochii aanga'oonni waraanaa dursuun bulchiinsa yeroo mormaniin wal qabatee waajjiirri Kantiibaa Adigiraat to'annoo bulchiinsa yerootiin ala ta'un beekameera.

Kana hordofeetis waliitti bu'iinsa namoota nagaafi hidhattoota jidduutti umamuus ta'e miidhaan qaqqabee jiraachuun hin ibsamne.

Guyyaa Wiixataa Ittigaafatamaan waajira nageenyaafi tasgabbii godinichaa gara sa'aatii afuriitiif humnoot anageenyaa garee Dabratsiyooniin deeggaramaniin to'atamee ture.

Waajjiira Kantiibaa Adigiraat to'annoo jala oolchuu dhaabbanni Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) fuula Facebook isaarratti mirkanneesseera.

''Kantiibaa Magaalaa Adigiraati ta'udhaan kan mana mareetiin muudame Obbo Radaa'ii Gabra'igzaabeer sababii namoota fakkaattootaan mudamanitiin waajiricha fudhatanii tajaajila akka hin kenniinee taasifamuun tureera,'' jechuun ture waajiricha deebiisanii to'achu kan ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aanga'oonni Tigraay bulchitoota aanaalee fi godinaalee muuduu fi kaasuu dabalatee dhibdeewwan siyaasaa hedduu keessaa turan.

Waldhibdeen aanga'oota naannochaa gidduutti hammaataa dhufe kun haala suukanneessaa waggaa lama dura naannocha keessa ture akka isaan yaadachiisu himan jiraattonni.

Yeroo ammaa lamatti walqooduun gantummaa fi mootummaa fonqolchuun kan walhimataa jiran bulchitoonni naannoo Tigraay, waldhibdee uummatatti yaaddoo ta'e keessaa galaniiru.

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa Bitootessa 10, 2025 (Wiixata) jeequmsa uumuuf socho'aa jiru jechuun ajajoota humnoota naannocha sadi hojiirra dhorkaniiru.

Gareen TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu ammoo Obbo Geetaachoo Raddaa ''pirezidantii duraanii'' jechuun ibsuun, tarkaanfiin kun bu'uura seeraa kan hin qabnee fi hojiirra kan hin oolledha jechuun kuffiseera.

Biiroon Tasgabbii fi Nageenyaa naannichaa ibsa karaa Facebook isaa baaseen, tarkaanfichi ''hojimaata dhaabbatichaa kan hin hordofne, namoota hin muudne kan shaaru, tarkaanfii nama dhuunfaati,'' jechuun fudhatama akka hin qabne eere.

Waajjirri pirezidantii bulchiinsa yeroo naannochaa gamasaan ''ibsi kun karaa itti gaafatamummaa fi naamusa hin qabneen,'' ba'uu ibse.

''Ibsi kun bu'uura seeraa, siyaasaa akkasumas naamusa waan hin qabneef hatattamaan sirrachuu qaba,'' jedhe.

Yoo kun ta'uu baate garuu, ''taateewwan kanaan booda mudatan hundaaf hooggansi biiroo kana bakka bu'ee ibsicha baase itti gaafatamummaa fudhata,'' jechuun akeekkachiise waajjirri pirezidantii.

'Shororkeeffamaa jirra'

Uummanni naannoo Tigraay daafoo waraana waggaa lamaan rakkoo maallaqaa, miidhama xiin-sammuu fi rakkoo namoomaa keessatti kufe irraa hin dandamanne.

BBCn haala yeroo ammaa godinaalee giddugala fi baha Tigraay akkasumas magaalaa Maqalee keessa jiru namoonni dubbise aanga'oonni dirqamaan gara waraanaatti isaan oofaa jiraachuu fi kanaanis soda guddaa keessa jiraachuu himan.

Jiraattoonni naannoo Maqalee, Adigiraatiif kaaniitti argaman gatiin meeshaalee dabaluu, baayyiinaan bitachuu fi haalli jeeqamuu akka mulatu dubbatan.

Yaaddoonni kun ammo lakkoofsa naannichaa bahan akka dabalu taasisaa jiraachu agarsiise.

Jiraataan Adigiraat Abrhaam ''Army 15, miilishaa fi qaamooleen buqqaatoonni keessatti argaman waajjira kantiibaa to'ataniiru'' jedhan.

Guutuu magaalichaatti sochiin waraanaa akka jiruu ibsuudhaan ''labsiin yeroo muddamaa kan labsame fakkaata. Wiixata irraa kaasee sochii waraanaa baayyeetu jira'' jedhan.

Haalli kunis namoota nagaarratti miira jeequmsaa akka uumee ibsuudhaan tarkaanfiin qaamoolee lamaaniin fudhatamaa jiru waliigaltee nagaa Piritoriyaa kan diiguu ta'u akka amanan dubbatu.

''Kana hordofee mootummaan federaalaa tarkaanfii barbaade fudhachuu danda'a. Tigraay irra diroonoonni naannwaa turan. Kun waan dhimma Ertitaa waliin jiruu kan fide nutti fakkaataa ture. Ta'ees haala amma jiruun haalli nageenyaa Tigraay mootummaan hordofaa akka turedha kan dhageenye'' jechuun BBCtti himan.

"Qonnaan bulaan Godina Jidduugalaa jiraatan Obbo Adar Kaahisaay ammo yeroo dhihoon as haalli umamaa jiru ''dhabiinsa tasgabbii'' akka isaaniitti uumee dubbatan.

''Deebiinee waraanaatti galuu dandeenyaa laataa? Soda jedhuu nurratti uumeera. Haalli kanaan dura darbe sukkaneessaadha. Waan umurii namaatti argu qabnu argneera. Sun darbe nagaa argame hawaasni abdii akka qabaatu taasisee ture'' jedhan.

JIraattoonni BBCn magaalaa guddoo Maqalee irraa dubbise, haalli sochii magaalattii kan barame kan fakkaatu ta'ulleen, miirrii jeequmsaa jiraachu ibsan.

Maqaanshee akka hin ibsambe kann gaafattee jiraattuun magaalichaa tokko, ''wanti namatti tolu omtu hin jiru. Gatiin meeshaalee dabaleera. Fuula namootaarrattis dhiphinatu mul'ata. Haalli kun marfama bahaafi galmi dhabamu kan biraa akka hin umamne yaaddoon jiru.''

Dargaggoonni maqaansaa Haaduush jedhamu gamasaatiin haalli argaa jiruu kan yaaddoofi dhiphinaan guutame ta'u ibsuun, ''waraanni hin ooluu'' yaaddoo jedhutu jira jedhe.

Waldhibdee hooggantoota TPLF

Waraanni Tigraay waggoota lamaaf dhiiga hedduu dhangalaase waliigaltee Piriitooriyaatiin xumuramee bulchiinsi yeroo Tigraay erga hundaa'ee booda TPLF pirezidantii jijjiiruuf irra deddeebiin mootummaa federaalaaf gaaffii dhiheessaa tureera.

Waggaa darberraa eegalee ammoo koree giddugaleessaa TPLF gidduutti qoccolloo hammaateen dura taa'aa fi dura taa'aa itti aanaa paartichaa gidduutti walqoodinsi mudateera.

Korri TPLF 14ffaan akkaan falmisiisaa ture beekamtii boordii filannoo fi hooggantoota paartichaa hedduu kan hin qabne ture.

Walqoodiinsa hooggantootaa fi miseensota paartichaaf sababi ijoon kora kana ture.

Ajajoonni humnoota Tigraay kora TPLF 14ffaa Hagayya darbe gaggeeffameef beekamtii kennuun murtee kora kanaarratti hundaa'uun bulchiinsa yeroo keessatti jijjiiramni hooggansaa akka taasifama waamicha taasisanii turan.

Gareen TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa fi Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD) jalatti hogganaman hariiroonsaanii akkaan kan laafe yoo ta'u, ji'oota darban burjaajii hamaa keessaa turan.

Dabratsiyoon bulchiinsi yeroo akka haaraatti akka hundaa'u irra deddeebiin gaaffii dhiheessaa turan.

Gareen lameenuu Sadaasa darbe wayita Ministira Muummee Abiy Ahmad waliin mari'atan gaaffiin kun dhihaatee ture.

Naannochatti filannoon gaggeeffamee bulchiinsi idilee hanga hundaa'utti, bulchiinsi yeroo aangoorra akka turu Ministirri Muummee Abiy ibsanii turan.

Gaaffiin seera qabeessummaa TPLF akkuma jirutti ta'ee, Guraandhala darbe boordiin filannoo gareen TPLF Dabratsiyooniin durfamu ji'oota sadan itti aananiif sochii siyaasaa kamiyyuu akka hin taasifne dhorkeera.