Ertiraan dubbii Jenaraal Tsaadqaan Gabratinsaayee irratti deebii kennite

Madda suuraa, Getty Images
Leetanaal Jeneraal Tsaadqaan Gabratinsaayee, waraanni haaraan Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti kaanaan kaartaa biyyootaa ni jijjiira jechuun dubbachuunsaanii ni yaadatama.
Ertiraan dubbii Leetanaal Janaraal Gabratinsaayee deebii kenniteen waraanni Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti yeroo kamiittuu ka'uu danda'u jechuun kan fedhii Itoophiyaan waraanaaf qabdu agarsiisuudha jette.
Ministirri odeeffannoo Ertiraa ibsa Kibxata kaleessaa kennaniin, ''qaama ajandaa buufata Ertiraa Asaab humnaan qabachuuf'' jechuun jeneraalicha qeeqaniiru.
Miseensa Kaabinee Bulchiinsa Yeroo Tigraay Jeneraal Tsaadqaan ibsa Samabta Bitooteessa 10 kennaniin, waraanni haaraan Asmaraa fi Finfinnee gidduutti geggeeffamu kaartaa biyyootaa akka jijjiiru tilmaameera.
''Waraanichi yeroo dhaabbatutti [garuu], teessumni lafaa biyyoota lamaanii amma beeknu itti hin fufu,'' jedhan Tsaadqaan.
Asmaraan har'a karaa Ministira Yemaana Gebramesqal deebii kenniteen, bara 1998-2000tti waraana daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa gama Finfinnee buufata Asaab to'achuuf yaada qaba ture.
''Kunis yeroo weerara sadaffaa bara [2000]tti qoratame," jechuun toora X irratti ibsan ministirri kun.
Waraana daangaa Ertiraa fi Itoophiyaa jidduutti gaggeeffamee ture olaantummaan hogganaa waraana Itoophiyaa ta'uun kan hoogganan Jeneraal Tsaadqaan, gaaffii fi deebii Caamsaa bara 2020 taasisaniin buufanni Asaab kan daangaa Ertiraa keessa jiru abbummaa Itoophiyaa jala galuu qaba jechuun ejjennoo isaanii akka hin jijjiirre dubbatan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Innis ''Akkaataa waliigalteewwan naannoo idil-addunyaatiin'' karaa itti fooyyessaniif hojjechaa akka jiran dubbatan.
"Kun sammuu koo keessatti osoo deemaa jiruu Ertiraan weerarte... Kanaaf, carraa kanatti fayyadamnee waliigaltee [addunyaa] Xaaliyaanii waliin taasifame guutuu ka'umsa waraana itti jalqaban irra deebi'ee haa ilaallu ilaalcha jedhu qabadheen ture," jedhan jeneraalichi.
"Kanaaf yoo karaa nagaatiin kan ga'amuu ta'e, Itoophiyaan humna Galaana Diimaa akka taatu haal-duree irratti waliigalteen taasifamu qabaata."
Muddama siyaasa Tigraay keessatti ajajoota waraanaa Eertiraa waliin hidhata qaban jedhaman himataman irra caalaansaaniitti kan maxxananii Janaraal Tsaadqaan, ammas Naannoon Tigraay gara "dirree waraanaatti" akka hin deebiineef sodaachuu kaasan.
Garuubarreeffama mata dureesaa "Tigraay Itoophiyaa fi Eertiraaf dirree waraanaa ta'uu hin dandeessu" haa jedhan malee sochiilee ykn gochawwan gara waraanaatti geessan ragaa qabatamaa hin dhiheessine.
Eertiraan gama isheetiin, "qophii xumuraa" kaasuunsaa lola Itoophiyaan barbaadaa jirti jettu quba qabaachuu ishee agarsiisa jechuun deebii kenniteetti.
Ministirri odeeffannoo Eertiraa, ''Tsaadqaanis ajandaa waraana kakaasu kana beekuu isaa, tarii osoo hin beekin ifa godheera,'' jedhan.
"Waa'ee nagaatiif imimmaan sardiidaa dhangalaasu illeen, kaayyoon isaa inni guddaan garee isaa ajandaa waraanaatiin jajjabeessuufi kakaasuudha," jechuun Asmaraan falmiti.
"Faayidaan Tigraay kan mirkanaa'u waraana xumuruudhaan, yoo kun hin taane ammoo turtii waraanaa gabaabsuufi lubbuun jiraachuu keenya mirkaneessuudha," jechuun Jeneraal Tsaadqaan kan barreessan.
"Tattaaffiin waraana dhaabuuf godhamaa jiru yoo hin milkoofne, karaa hundaan (waraanaa fi dippilomaasii) waraanni kun dafee dhaabuun faayidaa Tigiraay fi naannoo [Gaanfa Afrikaa] ta'a," jedhan.
"Waldhabdee atatamaan dhaabuuf karaaleen hundi hatattamaan qoratamuu qabu. Filannoon koo Tigraay nagaa akka filattudha. Waan keessa dabarte gahaadha."












