Mootummaan Itoophiyaa garee TPLF tokko humnoota alaa waliin hidhata qaba jechuun himate

Dr. Geediyoon Ximootiwoos

Madda suuraa, EBC

Mootummaan Itoophiyaa gareen TPLF tokko humnoota alaa biyyattii morman waliin hidhataa fi walta'iinsa qaba jechuun yeroo jalqabaatiif himate.

Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiiyoos kana kan jedhan Magaala Finfinnee keessatti wayita pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa waliin haala naannicha keessa jiru ilaalchisuun dippilomaatootaaf ibsa kennaniittidha.

Ministirrichi himannaa kanaafi kan biraa garee TPLF tokko irratti wayita dhiyeessnaiitti, walitti dhufeenye jedhame kun humna alaa kam waliin kan jedhu maqaa hin dhofne.

Walidhabdeen aanga'oota TPLF jidduutti umamee cimuudhaan baatiiwwan darban keessa gareen TPLF dura taa'aa dhaabbatichaatiin durfamu Ertiraa waliin walitti dhfueenya taasisaa jiraachuu kaasuudhaan irra dedeebiin himataa tureera.

Obbo Geetaachoo Raddaa kanaan dura ibsa kennaniin, aanga'oonni waraanaafi siyaasaa tokko tokko Ertiraa waliin walitti dhufeenya taasisaa jiru jechuun himachuunsaanii ni yaadatama.

Gareen Dabratsiyooniin durfamu garuu himannaa irratti dhiyaataa jiru kana irra dedebiin haalaa jira.

Dippilomaatoota teessuumnisaanii Finfinnee ta'ef ibsa kennameen, mootummaan Itoophiyaa gareen TPLF tokko humnoota alaa waliin walitti dhufeenya uumachuun alattis, ''walitti bu'iinsa kaasuudhaaf yaalii taasisaa jira'' jechuun himateera.

Ministirri Dhimma Alaa Geediiyoon Xiimootiiyoos, mootummaansaanii haala naannoo Tigraayiitti mudate itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu kaasuudhaan, gameen TPLF ''tokko humnatti fayyadamuudhaan ifatti mootummaa yeroo diiguudhaaf yaalaa jira'' jedheera.

Kunis baatiiwwan dhiheenyaa as muddama naannoo Tigraayiitti mudate ilaalchisuun ibsa ifatti mootummaa jidduugaleessaan kenname kan jalqabaati.

Mudamni baatiiwwan muraasa darban aanga'oota Addi Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) keessatti mudatee wali himannaa bira darbuudhaan, haala meeshaa waraanaatiin deeggarameen sadarkaa dhaabbilee bulchiinsichaa to'achurra gaheera.

Green TPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el'n durfamu mudamtoota bulchiinsa yeroo naannichaa kaasuudhaan itti gaafatamtoota mataasaa muuduu eegaleera.

Waa'ee waliigaltee Piritoriyaa maaltu jedhame?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waliigalteen Piritooriyaa guutummaan guutuutti hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojechaa jiraachuu kan hime mootummaan Federaalaa Itoophiyaa, waan Tigraay keessatti gidduu kana ta'aa jiru hordofaa jiraachuu ibse.

Haala yeroo naannoo Tigraay keessatti ta'aa jiru ilaalchisee hawaasa dippilomaasii Finfinneee keessa jiraniif ibsi kennameera.

Hawaasa dippilomaasiif ibsa kan kenne ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos, hojiirra oolmaan waliigaltee Piritooriyaa hanqinoota qabaatus, mootummaan Federaalaa guutummaan guutuutti hojiirra oolchuudhaaf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu ibsuu aanga'aa kanaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Kana waan ta'eef, Waliigfaltee Nagaa Piritooriyaa hojitti hiikuudhaaf bulchiinsa yeroo ce'umsaafi hawaasa idil-addunyaa waliin wal tumsuun hojjenna jedheera Dr. Geediyoon.

Kaayyoon Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa tokko dhukaasa dhaabuu ta'uu kan hime ministirichi, mootummaan waan amma Tigraay keessatti ta'aa jiru hordofaa jiraachuu dubbate.

Gamtaa Afrkaatti Komishinarri Siyaasaa, Nageenyaafi Tasgabbii Ambaasaaddar Baankolee Adiiwooyyee gamasaatiin, haalli naannoo Tigraay keessa jiru karaa nagaatiin akka furamuuf hunduu carraaquu qaba jedheera.

Gamtaan Afrikaas rakkinicha garaa nagaatiin furuudhaaf carraaqqii taasifamuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Waltajjii haala yeroo naannoo Tigraay keessatti ta'aa jiru hawaasa idil-addunyaaf ibsuuf qophaa'e kanarratti Dr. Geediyoon Ximootiwoos, pirezidantii bulchiinsa yeroo ce'umsaa Tigraay Obbo Getaachoo Raddaafi dippilomaatonni biyyoota gara garaa argamaniiru.

Ameerikaa, Biriteen fi biyyoonni Awurooppaa muddamni garee TPLF lamaan (kan Obbo Getaachoo Raddaafi Dr. Dabiretsiyon Gabremikaa'eliin hogganamu) gidduutti uumamee naannicha yaaddoo keessa galchaa jiru karaa mariin akka furamuu qabu waamicha taasisaniiru.

Biyyoonni Lixaa kunneen ibsa waloo karaa embaasiiwwan isaaniitiin Kamisa baasaniin, muddamniifi wal gaarreffannaan amma naannichatti mul'atu kun "gara walitti bu'insaatti deebiyuu hin qabu" jedhan.

"Muddama Kaaba Itoophiyaatti hammaachaa jiru hordofaa jirra," kan jedhan embaasiiwwan kunneen, qaamoleen hunduu waliigaltee Piritooriyaa kabajuu qabu jechuun waamicha taasisan.

"Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Sadasa 2022 taasifame guutummaatti akka deeggarru irra deebiin ni mirkaneessina," jedha ibsi waloo kun.

Jarmanii, Faransaay, Niw Ziilaand, Noorway, Siwiidin, Jappaan Siwiizerlaand, Ispeen, Xaaliyaaniifi Ayerlaand biyyoota 24 yaaddoo qaban ibsa baasan kanaan dhageessisan keessaati.

Pirezidantiin bulchiinse yeroo ce'umsaa Tigraay kaleessa Finfinneetti rakkoo naannoo Tigraay keessa jiru ambaaasaaddaroota US, Biriteen, EU, Faransaay, Xaaliyaaniifi Jarmaniif ibsaniiru.

Obbo Getaachoon maal jedhan?

Obbo Geetaachoo Raddaa

Madda suuraa, Getty Images

Waraanni waggoota lamaaf [bara 2020-2022] ture erga waliigaltee Piriitooriyaan xumuramee booda naannoon Tigraay ammallee hin dandamanne.

Yeroo ammaa morkiin aangoo aanga'oota TPLF gidduutti hammaachuun waraana biraa kaasuuf sadarkaa sodaachisurra ga'eera.

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa Wiixata darbe (Bitootessa 10, 2025) ajajoota humnoota Tigraay erga ari'anii ammoo rakkoon naannochaa daran hammaateera.

Morkii aangoo fi rakkoo waraanatti geessa jedhamee yaaddessaa jiru irratti BBC waliin turtii kan taasisan Obbo Geetaachoo Raddaa, tarkaanfiin gareen TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu fudhachaa jiru ''maraatummaadha jechuun ibsan.

Gochi kun naanocha haala balaafamaa keessa galchuu danda'a jedhan.

Guyyoota darban haalli Tigraay keessa jiru hammaachuu hordofee yeroo ammaa eessa akka jiran, gara Maqalee yoom akka deebi'an, waa'ee tumsa mootummaa federaalaa gaafachuu fi bulchiinsi isaanii haala Tigraay keessa jiru to'achuuf humna qabu ilaalchisuun BBCtti dubbataniiru.

BBCn haala amma Tigraay keessa jiru, morkii aangoo fi haala bulchiinsi Obbo Geetaachoo keessa jiru gaafateera.

''Chaappaa mootummaa of harka galfatte jechuun aangoo qabachuu jechuu miti. Kaayyoonsaanii waan qabatamaan jiru gara dabarsuun (dabsanii dhiheessuun) hariiroo mootummaa federaalaa waliin jiru jallisuudha. Murni TPLF tokko mootummaa federaalaa marii yoo eegale aangoo pirezidantummaa akka argatutti yaaduutu jira,'' deebii jedhu deebisan Obbo Geetaachoon.

''Irri jireessi humna waraanaa keenyaa bulchiinsi fi tokkummaan daangaa Tigraa eegamuu qaba jedhanii amanu. Waliigalteen Piriitooriyaa guutummaatti akka hojiirra oolu fedhu. Dhihoo kana bakka tokko tokkotti bakka namoonni walitti qabamanitti rasaasi dhukaafameera.''

Kun fedhii namoonni ''maraattota ta'an'' gariin chaappaa of harka galfachuun aangoo qabachuuf agarsiisan irraa kan maddedha jedhan.

''Kaayyoonsaa magaalaa to'achuu osoo hin taane magaalota tokko tokko keessatti hookkara kakaasuudha,'' jechuun garee TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el dursan himatan.

''MM Abiy bilbilaan na waamnaanin dhufe, xumuradheen deebi'a''

Obbo Geetaachoo Raddaa yeroo ammaa Finfinnee akka jiran BBCtti himaniiru.

Maaliif akka Tigraay gadhiisanii akka gara Finfinnee imalan wayita ibsan, ''Ministirri Muummee Abiy Ahmad bilbilanii na waamnaanin dhufe,'' jedhan.

''MM Abiy haala qabatamaa Tigraay keessa jiru akkan ibsuuf na waaman. Dhimma kana MM Abiy waliin qofa osoo hin taane dippiloomaatota biyyoota lixaa tokko tokko waliinis mari'achaan jira. Ambaasaaddaroota Ameerikaa fi Awurooppaa waliin dubbadheera,'' jedhan Obbo Geetaachoon.

''Namoonni kunneen haala kana faana bu'uun hordofaa jiru. Waliigalteen Piriitooriyaa akka hojiirra ooluufis dippiloomaatonni kunneen nu gargaaraa jiru.''

Obbo Geetaachoo Raddaa dhimma gara Finfinnee akka imalan isaan dirqamsiise erga xumuranii booda gara Tigraay akka deebi'an ibsaniiru.

''Walga'ii Ministira Muummee waliin qabu ergan xumuruutu narra jiraata. Guyyoota itti aanan walga'iiwwan biroos qaba. Kanneen xumuree jalqaba torban dhufuu keessa nan deebi'a. Karoorri kun kana,'' jedhan.

Miidiyaa hawaasummaarratti akka gabaafamaa turetti Obbo Geetaachoo Raddaa Maqalee keessaa baqatanii akka ba'aniidha.

Obbo Geetaachoon kanarratti BBC'f yaada wayita kennan, ''maaliifan Tigraay keessaa baqadha?'' jedhan.

Haala nageenyaa naannoo Tigraay keessa jiruu fi rakkoo mudate to'achuu ilaalchisee bulchiinsi Obbo Geetaachoo gaaffii keessa galeera.

''Kaleessa waaree booda uummata waliin mari'achaan ture. Bulchiinsa yeroo kan tumsu mootummaan federaalaa naaf bilbile. Haalli yaaddessaa ta'uun dhugaadha. Mootummaan federaalaa aanga'oota naannoo Tigraay bulchan waamee waliin mari'achuu danda'a,'' jedhan.

Dhimma tumsa mootummaa federaalaa

Obbo Geetaachoo Raddaa

Madda suuraa, Getty Images

Haali kun murni TPLF karaa seeraan alaa socho'u burjaajii uumuuf tarkaanfii fudhachaa jiruuni kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''ana dabalatee namoonni jijjiirama fiduuf hojjetan Tigraay keessaa ba'aa jiru jedhanii odeessu. Garuu Tigraay gadhiisee ba'e kan jedhu soba. Uummata burjajjessuuf kana odeessu,'' jedhan.

Obbo Geetaachoo Raddaa haalli amma Tigraay keessa jiru tumsa mootummaa gaafachuuf ga'aadha jechuun mootummaan federaalaa akka keessa seenu gaafataniiru.

Kana jechuun maal akka ta'ee fi maaliif tumsa mootummaa federaalaa akka gaafatanis ibsaniiru.

''Bu'uura waliigaltee Piriitooriyaan mootummaan federaalaa humna nageenyaa isaa bobbaasuu danda'a. Haala amma jiruun garuu humnoonni mootummaa federaalaa gidduu seenuun tarkaanfii sirriidha jedhee hin yaadu,'' jedhan Obbo Geetaachoon.

Mootummaan federaalaa daangaa Ertiraa waliin qabnu eegsisuufis dirqama qaba kan jedhan Obbo Geetaachoon ''haata'u malee nuti amma tumsi barbaannu qaamoleen yeroo ammaa hookkara kaasuuf socho'aa jiran qalbiisaaniitti akka deebi'an carraan akka kennamuufidha,'' jedhan.

''Ministira muummee waliin erga mari'annee booda waan ta'u kan ilaallu ta'a.''

Uummanni naannoo Tigraay waraana waggaa lamaan rakkoo isa mudate jalaa osoo hin dandamatin ammas waraanni biraan sodaatamaa jira.

TPLF ammas qoqqoodamee jira, kanarratti Obbo Geetaachoon ''baayyeen irratti waliigala. Aanga'oota TPLF murna muraasa qabatanii moggaatti ba'anis ta'e hidhattoonni gocha seeraan alaa raawwachuuf yaalaa jiran madda rakkoo kanaati. Uummata Tigraayiif nageenyi ni malaaf,'' jedhan.

Naannocha akka bulchaniif dirqamni kan itti kenname Obbo Geetaachoon, nageenyaa fi tasgabbii uummata naannocha eegsisuuf dirqama olaanaa qabu.

Rakkoo naannocha keessatti mudataa jiru irraas walaba ta'uu akka hin dandeenye ibsaniiru.

''Kufaatii kana keessaa anis ga'ee qaba. Qaama rakkoo kanaa ta'ee itti gaafatamummaa fudhachuurraa duubatti hin jedhu. Kanan jechaa jiru murni TPLF kaan humna naannochaa of duuba hiriirsee gochi inni raawwachaa jiru nu yaachisuu qabaadha.''

Haalli kun naannochaa fi mootummaa federaalaa walitti kan buusu, akkasumas qaamolee alaallee kan affeeru ta'uu eeran.

''Gochi kun mootummaa federaalaa waliin waraanatti nu deebisuun olitti humnoonni alaa akka irratti hirmaatanis affeeruu danda'a. Gonkumaa kun akka ta'u hin feenu. Uummata Tigraayiif kun hin malu.''

Ertiraan gidduu seenuu dandeessi?

Haala amma jiruun biyya ollaarraa humni Ertiraa murna TPLF kann biraa, mootummaan federaalaa Itoophiyaa ammoo murna TPLF isa kaan deeggaruun waraanatti seenuu danda'u sodaa jedhurratti Obbo Geetaachoon akkas jedhan.

''Dhimmi ijoon mootummaan federaalaa garee kan tumsa kan jedhu miti. Mootummaan federaalaa yoo gidduu seenuu barbaade humna nageenyaa seensisa jechuus miti,'' jedhan.

Ertiraan carraa kana fayyadamtee mootummaa federaalaa waliin yoo waraanatti seente dirree waraanaa kann taatu Tigraay jechuun yaaddoo qaban ibsan Obbo Geetaachoon.

''Kana hambisuuf tattaafataa jirra. Aanga'oonni TPLF gariin yaada kanarratti nu tumsaa hin jiran. Ta'us haalli kun akka hin mudanneef waan dandeenyu hundaan dura dhaabbanna,'' jedhan.

Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay kann waliigaltee Piriitooriyaa booda uumamee fi Obbo Geetaachoon durfamu yeroo ammaa nageenyummaansaa hangam eegamaadha? Gaaffii jedhuuf Obbo Geetaachoon deebii kennaniiru.

''Miseensonni waraanaa tokko tokko chaappaa hatuu keessatti hirmaataniiru jechuun humni waraanaa Tigraay hundi murna TPLF [kan isaaniin morman] deeggara jechuu miti. Hangan beekutti miseensonni TPLF fi humna waraanaa Tigraay hedduun bulchiinsa yeroo faana jiru. Qaamoleen raafama amma jirutti fayyadamuun dantaasaanii mirkaneessuuf deeman akka jiran beekamaadha.''

Akka Obbo Geetaachoon jedhanitti sababa sochii murna TPLF kaaniin yeroo ammaa kutaaleen kaaba bahaa fi giddugaleessa naannochaa to'annoo bulchiinsa yeroon ala ta'aniiru.

''Kutaalee kunneen deebisnee to'achuu qabnadha kan jechaa jirru. Uummanni tajaajila mootummaan dhiheessu argachaa qaba waan ta'eef.''

Ministirri Jaallisii fi naannolee gammoojjii akkasumas miseensa mana maree paartii badhaadhinaa kan ta'an Abrahaam Balaay (PhD) gamasaaniin garee naannoo Tigraay keessatti hookkara uumuuf socho'u qixa sirriin hubachuun barbaachisaadha jedhan.

''Naannocha kiyyoo jeequmsaan xaxuun, nageenyi waaraa akka hin jiraanneef ajandaawwan adda addaa bocanii fedhii garee uummatarratti fe'uun kanneen socho'an farreen nageenya qixa sirriin hubachuu feesisa,'' jedhan.

Qondaalli kun naannocha keessatti qaamni hookkara uumuu akka carraatti fayyadamuun fedhii dhuunfaaf dhimma itti bahaa jiru jiraachuu kaasan.

Erga nagaan naannochatti bu'ee booda gurmaa'ina adda addaa uumuun qabeenya kan kuufatan jiru jedhan. Garuu gareen kun eenyu akka ta'e maqaa dhahanii hin dubbanne.

''Qaama biraa waliin qindoomina uumuun qabeenya saamanii kan kuufatan, kana gochuuf ammoo deebisanii walitti bu'iinsatti deebisuu kan barbaadan, mootummaa diiguuf sochii guddaa kan godhan jiru.''

''Qaamoleen akkanaa duraanis sababa walitti bu'iinsaan warra buufataniidha, ammas walitti bu'iinsa kanaan waan dhaban hin qaban,'' jedhan qondaalli kun.

''Kan miidhamu ammas uummata. Uummati keenya ammallee miidhaa isa mudaterraa hin dandamanne. Yeroo ammaa qaama uummata miidhama keessaa baasuuf hojjetutu barbaachisa. Bu'uura waliigaltee Piriitooriyaan dhimmoota hin xumuramin jiran nama xumuruuftu barbaachisa.''

Qaama kanaan ala socho'u adda baasuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun waan cimu natti hin fakkaatu jedhan.

''Rakkoo uumuu danda'u. Waan badaa naannochatti fiduu danda'u. Garuu hamma uummanni bal'aan isaan hin simannetti, dargaggeessi isaan faana hin taanetti, humni nageenyaa adeemsa kana hin fudhannetti kophaasaanii fiffiiganii jijjiirami fidan hin jiraatu.''

Nageenyi akka boora'u qaamoleen hojjetan akka hin milkoofne gochuurratti hojjetaa jirra kann jedhan qondaalli kun, murni muraasi qofti waan socho'eef naannoon ykn biyyi hookkara keessa gauu hin dandeessu jedhan.

Mootummaan federaalaa gidduu seenee furmata nuuf haa laatu yaadi jedhu darbee darbee ni dhagahama kan jedhan qondaalli kun, ''garuu mootummaan naannoo hamma jirutti nageenya naannochaa mirkanneessuu qaba,'' jedhan.

''Yoo dhimmi humna mootummaan naannoon ol ta'e jiraate ammoo waliin taanee furmaata barbaadna.

Kana qaamni hunduu akka hubatu feena. Uummanni Tigraay nageenya dheebotee, nagaa buusuuf socho'aa jirus deeggaramuu qaba,'' jechuun dhaaman qondaalli mootummaa federaalaa kun.