Muddamni naannoo Tigraay garamiitti qajeelaa jira?

Naannoo Tgraayiitti walldhabdeen aanga'oota TPLF jidduutti mudatee cimuun torbanoota darban keessa miseensoonni humna Tigraay garee Dr Dabratsiyooniin durfamu raayyaa Tigraayiin deeggaramuun dhaabbilee bulchiinsaa to'achuusaanii ibsaa turan.
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Obbo Geetaachoo Raddaa ammoo Ministirri Mummee Abiy Ahimad ''qaamaa chaappaa fudhate'' waliin akka hin mari'annee gaafataniiru.
Waldhabdee kan jidduutti mootummaan Itoophiyaa damee TPLF tokko waliin ''humnoota alaa diina biyyattii ta'an'' waliin walitti dhufeenyaafi wal ta'insa qaba jechuun yeroo jalqabaatiif himateera.
Muddamni qaamoolee lamaan jidduu jiru akkuma jiruutti ta'e Ertiraa waliin waraannii ka'uu danda'a yaaddoo jedhu akka umamee himamaa jira.
BBCn qoodamsi qaamoolee lamaan jidduutti uumamee garamiitti qajeelaa? Gama mootummaa federaalaatiin jidduu galuun rakkinicha furaa? kan jedhaniifi dhimmoota biroo irratti xinxalaa siyaasaa Adam Kaasee (Dr) dubbiseera.
Gahee mootummaa federaalaa
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos torbanoota darban keessa pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa waliin haala naannichaa irratti dippilomaatootaaf ibsa wayita kennaniitti, ''dameen TPLF tokko humnoota alaa diinoota biyyattii waliin walitti dhufeenyaafi walta'insa qaba'' jedhan.
Ministirichi himannaa kanaafi kan biraa damee TPLF tokkoorratti yeroo dhiyeessaniitti walitti dhufeenyi kun humna kam waliin akka ta'e garuu maqaa hin dhoofne.
Waldhabdeen aanga'oota TPLF jidduutti mudatee baatiiwwan muraasa darban keessa cimee, gareen TPLF dura taa'aan dhaabbatichaa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el dursan Ertiraa waliin walitti dhufeenya qaba jedhamuun irra deddeebiin himannaan irratti dhiyaataa tureera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Geetaachoon aanga'oonni waraanaa fi siyaasaa TPLF tokko tokko Ertiraa waliin walitti dhufeenya taasisaa jiru jechuun himachuunsaanii ni yaadatama.
Gareen Dr Dabratsiyoon dursan garuu himannaa irratti dhiyaachaa jiru kana irra deebiin haalaa jira.
Muddama naannoo Tigraayiitti mudate ilaalchisee mootummaan federaalaa yeroo jalqabaatiif torban darbe keessa ibsa kan kenne.
Ministirri dhimma alaa Geediyoon, mootummaan haala yeroo naannoo Tigraayitti mudate itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu kaasuudhaan, dameen TPLF tokko ''mootummaa yeroo humna ifatti fayyadamuun diiguudhaaf yaalaa jira'' jedhan.
Amma haala jiruun mootummaan federaalaa gahee qabaachu danda'u ilaachisuun kan gaafataman xinxalaan sauyaasaa Dr Adam Kaasee, ''mootummaan federaalaa madaallii humnaa naannoo Tigraayii keessa jiru, deeggarsa ummataa fi dandeettii dhaabbatichaa ilaaluun nama TPLF yoo bakka buusee wayya. Haala amma jiruun deebiisee Obbo Geetaachoo ni simatu amantaa jedhu hin qabu'' jedhan.
Haala amma jiruun ''gara mariitti seenuu'' jedhanii akka hin amannee dubbatu.
Adeemsa dursaan paartiifi mootummaa adda ta'uutti aadaa siyaasa biyyattiin ''kan hin baramne'' ta'usaa akka sababa tokkootti kaasuu xinxalaan kun.
''Dursaan paartiifi siyaasaa adda kan ture Tigraay qofaatti. Kun Itoophiyaatti waan barame miti. Garaagarummaan yaada lamaan jidduu jiru, walii galitee dhabuun, wal gaarreeffannaa ykn waldhabdeen dhunfaa rakkoo olaanaa fida'' jedhu.
"Yoo dursaa TPLF fi dursaa mootummaa jidduu garaagarummaan jiraate ammas rakkoon dhufuunsaa hin oolu. Sababiinsaas akka aadaa siyaasaatti kan hin baramneedha'' jedhan.
Bulchiinsi yeroo hanga filannootti kan turu yoo ta'e, bulchiinsi mootummaafi paartichi tokko yoo ta'e kan wayyuu akka ta'u kaasu xinxalaan kun.

Mootummaan federaalaa "nama TPLF jedhu fudhachuu fi muuduu qaba" kan jedhan Dr. Adam, hidhattoonni hidhannoo hiikkachuu, mootummaa federaalaa keessatti bakka bu'ummaa Tigraay, akkasumas waldhabdee daangaa naannoo Amaaraa waliin walqabatee, filannoo gaggeessuu dabalatee, karaan waliigaltee irra ga'amu akka jiraatu yaada dhiyeessan.
Haa ta'u malee, Ministirri Muummee "TPLFn dirqisiifamee ykn harki isaa micciramee kana godhe" jedhamee akka himamu waan hin barbaanneef, yaadonni armaan olii kun dhugoomuun rakkisaa ta'uu dubbatan.
Kana gochuun dorgomtoota biroo kan akka Faannoo fi Waraana Bilisummaa Oromoof "ergaa gaarii" akka hin dabarsine, miira "mo'amuu" akka uumu ni amanu.
Dr. Adam itti dabaluudhaan TPLF fi bulchiinsi yeroo fudhachuu hin danda'u jedhu.
Wal gaarreffannaan alluma jirutti ta'ee mootummaan federaalaa baajata erguun hojiiwwan bu'uuraa itti fufuu akka danda'u himu.
"TPLF hamma barfata tarkaanfii hokkaraa fudhachuuf itti dhihaata. Amma dhiibbaan isaan irra jira. Ummannis sodaa keessa jira. Sodaa tasgabbeessuu fi beekamtii ofii cimsuuf jecha naannoo Amaaraa [waraanni booda naannoo Amaaraa jalatti hammataman] waliin naannoo humnaan dhuunfachuuf yaaluun ni mala. Mootummaa Abiyyiif qormaata ta'a."
Haalli biraa xinxalaan siyaasaa kun ka'an kaa'u yoo tarkaanfiin mootummaan federaalaa fudhatu jiraatedha. Mootummaan federaalaa baajata akka hin ergin ykn meeshaan akka hin galchine ugguruu yoo murteesse "humni TPLF iddoowwan akka Wolqaayit [Tigraay Lixaa] hamma tokko dhuunfachuun isaa carraa guddaadha jedheen yaada" jedhan.
Filannoon biraa mootummaan federaalaa "filannoo humnaa" hordofuudha. Kun yoo ta'e "mootummaan Eertiraa gara Tigraay dhufuu qofa osoo hin taane, TPLF akkasuma gara isaaniitti ni dhufa jedhanii sodaachuun kallattiinis ta'e al-kallattiin waraanatti makamuun isaa hin oolu" jedhan xiinxalaan siyaasaa kun.
Itti dabaluunis, gidduu seentummaa mootummaa federaalaa malee TPLF fi mootummaan Eertiraa gara waraanaatti galuu akka danda'an ni mul'isa.
Furmaanni siyaasaa maaliif hin argamne?
Obbo Geetaachoon torban darbe ibsa Finfinneetti kennaniin, naannichaatti ''fonqolchi mootummaa'' gaggeeffamaa jiraachuu dubbachuun, qaamooleen gochaa kana raawwatan aangoo pirezidantichaa fudhachuudhaaf mootummaa feeraalaa waliin ''marii taasisuudhaan'' gara Finfinnee dhufuu akka danda'an tilmaama isaanii dubbataniiru.
Obbo Geetaachoon ''boordiin filannoo isin hin beeku, yaa'ii gaggeessitan hin fudhadhu' jedheenii garuu boordiin filannoo kan 'naan jettu hin fudhadhu, kanaafuu filannoo gaggeessera' jechuun chaappaa aanaa, kan gandaa amma ammo kan kantiiboota magalaa humni guuraa ooluu, ija jabaachuun ministira mummee Abiy waliin nan mari'adha jedhee ni dhufa'' jedhanii ture.
Mudamni qamaoolee lamaan jidduu jiru gara wagga tokkootiif wayita gaggeeffamuutti, mootummaa federaalaa irraa omaa jedhamu dhabunsaa xinxalaan siyaasaa kun gaaffii kaasu.
Dr Adam akka jedhaniitti, dhimmicha jidduu galuu dhiisuudhaan ''TPLF saaxiluu barbaada'' jedhan.
''Mariin taasifamulleen, dhaabbata ulfinniifi ciminnisaa laafate waliin ta'a. Kana ammo Abiy ni jibba jedhee hin yaadu'' jedhan.
"Jalqabumarratti nama TPLF barbaadu hin muudu jechuunsaa sababiinsaa ifaa ture'' jedhu itti dabuudhaan.
Dhimmoonni irra caalaan isaanii ''seeraan ala'' raawwatamaa waan jiraniif ija seeraatiin ilaaluun rakkisaa taasisa jedhu.
''Seerri kabajamu qabaata. Sirni hanga ijaaramuutti garuu hanga ta'een seerri gara kallattiitti dhiibanu qabaata'' kan jedhan Dr Adam, seerri filannoo fooyya'u akka fakkeenyaatti kaasu.
TPLF yaa'iisaa akka gaggeeffatuuf yeroon ji'a jahaa kennameef waan xumurameef, baatii sadiif sochiilee siyaasaarraa dhorkamusaa Boordiin Filannoo Biyyaaleessa itoophiyaa beeksiisuun ni yaadatama.
TPLF haala addaatiin erga galmaa'ee kaasee baatiiwwan jaha keessatti bakka taajjabdoonni boordichaa argamaniitti yaa'ii waliigalaa taasisuu, dambii ittiin bulmaataa raggaasisuu fi hoggantoota filachu qabaatulleen, ''kana kabajuu diduusaatti'' dhorkaan irra akka kaa'ame boordichi ibse ture.
''Amma haala jirruun waliigaltee taasisuudhaan waligaltichi walitti fufiinsa akka qabaatuuf gara seeraatti jijiruudha. Kana ta'u yoo baate ammo, qaamooleen akka boordii filannoo gara fulduraatti fudhatamasaanii kan dhaban ta'u'' jedhu Dr Adam.












