'Raayyaan ijaaramaa jiru humnoota xixiqqoof kan gurmaa'e miti'- Ministira Ittisaa

Ministira Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa Ayishaa Mahammad

Madda suuraa, ENA/YOUTUBE

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa Ayishaa Mahammad

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Ayishaa Mahammad kanneen ''afaan guutanii biyya jedhanii waamuuf nama rakkisu hundi haala kanaan Itoophiyaatti dubbachuuf yaaluun waan baratame akka ta'e ni beekna,'' jechuun haala yeroo irratti dubbatan.

Raayyaan ittisa biyyaa qaamolee ''gorsa duubaa kennamuun miiraan lafaa ka'anii as ba'aniif deebii kennuuf kan qophaa'e miti,'' jedhan.

Qaamolee gorsa duubaa kennamuun oofaman jedhaniin kunneen maqaasaanii hin eerre.

Ministirri Ittisaa Ayishaa Mahammad erga Pirezidantiin Ertiraa guyyaa walabummaa biyyasaanii irratti dhimma Itoophiyaa irratti dubbatanii torbee booda yaada kana kennan.

Dubbiin Pirezidant Isaayaas Afaworqii dhimma Itoophiyaarratti dubbatan falmii guddaa kaaseera.

Pirezidant Isaayaas Sambata darbe gaafa Caamsaa 24, 2025 sirna kabaja waggaa 34ffaa guyyaa walabummaa Ertiraa irratti wayita haasaa taasisan Itoophiyaatti quba qabuun qeeqaniiru.

Pirezidantichi ''humnoonni alaa karaa bakka bu'aasaanii 'biltsiginnaa' jedhamuu waggoota shanan darbaniif uummata Itoophiyaarratti waraana labsuun hangam akka abdii kutatan mul'isa,'' jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa ''meeshaalee waraanaa bituu fi loltoota qopheessuu irratti xiyyeefateera,'' jechuun himatan Pirezidant Isaayaas.

''Waraana hedduu eegaluuf jecha meeshaalee waraanaa fi teeknooloojiiwwan waraanaa argachuuf hojiin saffisaan hojjetamu akkasumas cinaa goranii dhaadachuu fi loltoota qopheessaa jiraachuu agarsiifachuu hunduu argaa jira, hunduu galmeeffataa jira,'' jedhan pirezidantichi.

''Sababoota hedduu dhiheessuuf yaalu. Waa'ee bishaanii- Abbaay fi Galaana Diimaa, ulaa galaanaa argachuu, yaada Oromummaa kan uummata Oromoo bakka hin buune, kan Kuush fi Seem walitti buusu, waa'ee uummata Afaarii fi lafaa ajandaa kanaaf fayyadamu. Haala kanaan waraana bal'aa kaasuu fedhu,'' jedhan dureen Ertiraa kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidanti Isaayaas dubbii isaanii keessatti kan isaan ''Oromummaa uummata Oromoo bakka hin buune,'' jechuun yaada kennan hunda caalaa qaamolee garaagaraa biratti falmii kaaseera.

Ministirri Ittisaa Itoophiyaa Ayishaa Mahammad Sambata, Caamsaa 31, 2025 gaaffii fi deebii karaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa darbe keessatti ibsa qeeqa haasaa Pirezidanti Isaayaas fakkaatu kennaniiru.

Ministirri Ittisaa Itoophiyaa kun qaamoleen waa'ee Itoophiyaa dubbii taasisan jechuun qeeqaniiru, qaamolee kunneen maqaadhaan hin ibsine malee.

Kan waa'ee Itoophiyaa gidduu kana haasaa taasisan ammoo Pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqiidha.

Ministirri Ittisaa kun qaamolee waa'ee Itoophiyaa dubbataniiru jedhan wayita ibsan ''ofiifuu biyya jedhanii waamuun kan nama rakkisu, uummannisaa kan sodaadhaan ukkaamfamee jiraatu, carraa argatanii kan uummanni gadhiisee keessaa ba'u,'' jdhan.

''Haala kanaan waa'ee Itoophiyaa dubbachuun ykn dubbachuuf yaaluun amala isaanii baratamaa akka ta'e ni beekna,'' jedhan.

''Raayyaan yeroo ammaa ijaaramaa jiru akkasaan yaadan ollaa kana, ganda kana... kan gorsa isaaniin lafaa ka'anii gorsa isaanii rafan- humnoota xixiqqoof kan gurmaa'e miti,'' jedhan.

Raayyaan ittisaa ''qaamolee herrega dogoggoraan dachee Itoophiyaa, dantaa biyyaalessummaa fi birmadummaa ishee sarbuuf yaalan kamiyyuu qolachuuf haala amansiisaa ta'een kan ijaaramedha,'' jedhan.

"Taateewwan xixiqqoo mana keenya keessatti asii fi achi mudataniif milishaan ollaa gahaadha," jedhan ministirri kun.

Humna milishaa kanaaf "leenjisaa" fi "qopheessaa" akka jiran dubbatan.

Hojiin haaromsaa waggoota darban keessa humna ittisaa irratti hojjetamaa ture kan eeran qondaalli Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa kun, "haalli amma jiru, haalli idil-addunyaa mataan isaa qophii waan barbaaduuf, caasaalee fi gurmaa'iinsi kanaan dura hin turre uumamaniiiru," jedhan.