Tigraayitti qondaalli daddabarsa namootaan himataman maal jedhu?

Madda suuraa, SM
Obbo Getaachoo Raddaa gaaffiifi deebii dhiyeenya kana televizhinii Faanaa waliin taasiserratti namoota kanaan dura isa waliin hojjechaa ture karaa seeraan alaa namoota daddabarsuufi albuuda warqee baasuutti bobba'anii akka jiran ibsee ture.
Isaan keessaa tokko itti-gaafatamaa qajeelcha odeeffannoo humnoota Tigraay kan ture Koloneel Tawaldee Gabre Tinsaa'ee seeraan ala namoota daddabarsuuti bobba'eera jechuun maqaa dhahee himateera.
Kana waliin wal qabsiisee qorannoon akka koree pirezidanticha jala jiraniin qoratametti dubbatameettis maqaa Koloneela kanaa seeran ala namoota daddabarsuu waliin kaasee himateera.
Pirezidantiin yeroo ce'umsaa Tigraay Leetenaant Jeneraal Taaddesee Warradee torban darbe ibsa gaaffiifi deebii Obbo Getaachoon taasisan ilaalchisuun ibsa baaseen, sanada pirezidantii duraaniitiin akka bahe himamu mirkaneessullee sanadiin mootummaa miidiyaa hawaasaarratti akka gadhiifamu gochuusaa balaaleffateera.
Waajjirri pirezidantii naannichaa "pirezidantiin duaanii bulchiinsa yeroo Tigraay hoganaa mootummaa waan ta'aniif qofa kan qabataniifi sanadii eenyuufillee ifa hin taasifamne miidiyaa hawaasaarratti akka gadhiifamu gochuun safuufi naamusaan yeroo ilaalamu fudhatama akka hin qabne ibsuun haqa ce'umsaatiifillee gufuu akka ta'e," ibseera.
Biiroon Nagaafi Tasgabbii Tigraay gama isaatiin Obbo Getaachoon gaaffiifi deebiin televizhinii Faanaa irrati dhiyaatee taasise "duula maqa-balleessii" ajajoota humnoota Tigraay irratti taasifamedha jechuun mormeera.
Ji'a tokko dura gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Abiy ta'ee kan muudame Obbo Getaachoo Raddaa garuu bu'aa koree waajira pirezidantii jalatti hunda'een qulqullaa'ee argame kana raawwachiisuuf mootummaan kutannoo qabu waan hin jirreef qaama dhimmi ilaallatuuf dabarsee kennuu isaa fuula Facebook isaarratti qoodeera.
BBC Tigrinyaa sanada afaan Obbo Getaachoo fi bulchiinsa yeroo Tigraayiin sirrii ta'uu mirkanaa'eerratti seeraan ala namoota dabarsuu waliin maqaan isaa kan ka'u Koloneel Tawaldee Gabre Tinsaa'ee kan dubbise yoo ta'u "Maqaan koo na xuraa'eera" jechuun himannaa irratti dhiyaate waakkateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Getaachoo Raddaa himannaa amma isarratti dhiyeesse yeroo pirezidantii yeroo turettis "miidiyaa hawaasaa deeggara isaa ta'erratti maqaa koo xureessaa tureera" jechuun dubbate.
Yeroo sanatti dhimmicha ilaalchisee Obbo Getaachootiif komii qabu akka dhiyeesse kan dubbate Koloneel Tawaldee, warreen miidiyaa hawaasaarra jiraniif "rakkoo hin qabu... ofiikoon deebii kenna' jechuun na gowwoomsaa ture," jedhe.
Dhimma kana ilaalchisee yeroo dhumaatiif Obbo Getaachoo waliin wal argan ji'a sadii dura ture kan jedhu Koloneel Tawaldee, "waggaa lama dura aangoo pirezidantummaa yeroo fudhate sirriitti waan hin ba'atiin hoggantoota aangookoo hin fudhanne jedhurratti duula maqaa balleessuu jalqabe," jechuun himateera.
Obbo Getaachoon gaaffiifi deebii Fana TV irratti taasisan kanarratti qondaalota olaanoo Tigraay sadii "warqii baasuufi daldaluun, maallaqa mootummaa saamuun," akkasumas "namoota seeraan ala daddabarsuurratti hirmaataniiru" jechuun yakkamoo godheera.
Hogantoota Obbo Getaachoon gaaffiifi deebicharratti maqaa dhahee himate sadan: Birgaader Jeneraal Migibay Hayilee, Birgaader Jeneraal Hayilesillaasee Girmaay fi Koloneel Tawaldee Gabre Tinsaa'eedha.
Hogganaa Qajeelcha Odeeffannoo Humnoota Tigraay kan ture Koloneel Tawaldee (Imbeeb) gahee namoota seeraan ala daddabarsuu keessatti qabaniin gaafatamaa kan taasise Obbo Getaachoo Raddaa, namoota Ertiraanota "akka meeshaatti gurguraa" turan keessa tokko akka ture eereera.
Gama Tigraayiin kaayyoon ture rayyaa Ertiraa diiguuf kan ture yoo ta'u, "namoonni akka dhufan gochuu" kan jedhu akka ture kan eere obo Getaachoon, duulli kun gara dhumaatti Ertiraanota maallaqa qaban gara "ukkaamsuu,..ugguruu.. gurguruutti" ce'uu dubbate.
Dargaggoonni Ertiraa erga qabamanii booda wari maatii biyya alaati qaban adda baafamuun, tokkoo tokkoon namaa "yoo xiqqaate dolaara kuma afur akka galchan godhamaa" akka ture Obbo Getaachoon gaaffiifi deebicharratti ibseera.
Koloneel Tawaldee himannaa irratti dhiyaateef deebii kenneen, "ani nama naamusaafi nameenyaa gocha seeraan alaa akkasii keessatti hirmaachuu qabu miti," jedheera.
Itti dabaluun, "ana qofa osoo hin taane achuma sanadicha keessatti maqaan isaanii kan eerame nama jala kan jiraniifi kanneen ani ajaju waahellan kiyya warra gocha akkasiirratti hirmaatan miti," jedheera.
Gocha seeraan ala namoota daddabarsuu Koloneel Tawaldee raawwateera jedhame, "seeraafi sirnaan qulqullaa'ee harki kiyya gocha seeraan alaa kana keessatti yoo argame adabamuudhaaf wanti na sodaachisu hin jiru," jedheera.
Obbo Getaachoon yeroo pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay turetti manneen hidhaa dhoksaan akka qaban himannaa akeeku irratti dhiyeessee akka ture ibseera.

Madda suuraa, TG
Walga'ii sanarratti kan eeraman manneen hidhaa eessa jiru? Eenyufaatis hidhame? gaaffiin jedhu dhiyaatee akka ture eeruun, "dhimma kana miidiyaatti bahee dubbachuukoof dooggoreera jechuu isaa TPLFis ta'e jajaoonni waraanaa beeku," jedhe.
Kutaa Koloneel Tawaldee aggeessaa ture kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessaa dhufanii karaa daldala meeshaa seeraan alaarratti namoota hirmaatan "hidannoofi ragaa isaanii waliin qabee namoonni poolisiitti kan dhiyeessine turan," jedheera.
Haata'u malee, yeroo sanatti dhimmici ajandaa guddaa miidiyaa hawaasaa waan ta'eefi dhiibbaan waan uumameef namoonni dadddabarsa meeshaa seeraan alaatiin namoonni qabaman jedhame gadhiifamuu dubbateera.
Obbo Getaachoo raddaa gaaffiifi deebii Fana TV irratti taasise kanaan namoonni seeraan ala namoota daddabarsuurratti hirmaatan, "Akkawontii alaa banatanii... namoota kumaan lakkaa'aman ugguruun" hoddantoonni humnoota Tigraa ertiraanota "gurguran akka turan dubbateera.
Gochi seeraan ala nama daddabarsuu Ertiraanotarratti raawwatamaa ture, gara boodaa gara dhalattoota Tigraayittis naanna'uu isaa gaaffiifi deebi kanaan eereera.
Koloneel tawaldee waa'ee sanada miidiyaa hawaasaarratti gadhifameefi himannaa isarratti dhiyaatee odeffannoo bal'aa akka hin qabne hima. Hanga ammaatti garuu isas ta'e jaalleewwan isa jala turan biroorratti himannaan dhiyaate tokkollee akka hin jirre dubbateera.
Itti dabaluun, "Tiraay keessa namoota seeraan ala daddabarsuun akka jiru amanamee koreen Pirezidant Taaddaseetiin hundeeffame gocha seeraan alaa kana qulqulleessuuf hojiirra akka ture nan beeka," jedheera.
"Ana jala kan turte kutaan farra odeeffannoo jettu kana waliin wal qabsiisee dogoggoraan dhorkamtee turte. Koreen sun akka qulqulleeffatetti dhiifama gaafatamnee hojiishee deebitee itti fufuu nan beeka," jedheera.
"Sanada Obbo Getaachoon qoodamerratti maqaan kiyyaafi waahellan kiyya akka jiru nan beeka," kan jedhe Koloneel Tawaldee, "ta'us garuu hanga ammaatti anaafi namoota kaan sanadicharratti eeraman irratti himanni ifatti diyaate hin jiru."
Kanaan dura dhalattoonni Ertiraafi Tigraay BBCn dubbise Tigraay keessatti ugguramanii maallaqa gaafatamanii akka kaffalan dubbataniiru.
Akka itti gaafatamaa olaanaa nageenyaa tokkootti dhimmi kun kallattiin kan ilaallatu isa akka ta'uu kan gaafatame Koloneel Tawaldee, dubartoota ol adeemaa Ertiraafi Tigraay "gara biyya Arabaa isin geessina jechuun gochawwan seeraan alaa gara garaa akka raawwatamu qaama mootummaa ilaallatuuf qoradhee dhiyeesseera," jedhe.
"Akka qorannoo kanaatti, namoota Ertiraanota ugguramanii maallaqa fudhatan akka to'ataman goneerra. Kana ammoo poolisii naannoo Tgraay irraa mirkaneeffachuun ni danda'ama."
Namoota seeraan ala daddabarsuu waliin wal qabsiisee namoota hangamitu to'annoo jala oolfame kan jedhu kan gaafatame Koloneel tawaldee, "Biirootiin ala waanan jiruuf lakkoofsi isaa hanga kana jedhee dubbachuudhaaf natti ulfaata. Haata'u malee, namoota seeraan ala dabarsuu waliin walqabatee hanga biyya Arabaati neetiwoorkii isaanii kan diriirfatan namoonni baayyeen to'annoo jala akka oolchine afaan guutee dubbachuu nan danda'a," jedheera.
Koloneel tawaldee yeroo ammaa "maatiisaa gaafachuuf" biyya alaa akka iruufi dhummasaa yoo xummurate gara biyyaatti aka deebiyu BBCf ibseera.
Obbo Getaachoo Raddaa gaaffiifi deebii sanarratti namoota seeraan ala daddabarsuun cimee akka itti fufu namoonno taasisan ammallee jiraachuu ibsee ture.
Obbo Getaachoon yakkawwan hoggantoota waraanaa Tigraayiin raawwatamaniiru jedhe duuba "hoggantoonni siyaasaas harka keessaa qaba" jedheera.
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigrraay duraanii namoonni yakkaan gaafataman tarkaanfiin osoo irratt hin fudhatamiin kan hafeef, sababa hoggantoonni nageenyaa didaniif ta'uu gaaffiifi deebii kanarratti ta'uus dubbateera.

Madda suuraa, DW












