MM Abiy Ahimad irraa hanga Obaamaatti: Badhaafamtoota Noobelii Nageenyaa falmisiisoo ja'an

 injifattoota badhaasa nobeelii nageenyaa falmisiisoo ta'an

Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp badhaasa Noobelii Nageenyaaf kaadhimamuu isaanii beeksisaniiru.

Tiraamp badhaasa Noobeelii Nageenyaa injifachuun abjuu isaanii bara dheeraa akka ta'e yeroo adda addaa haasawa taasisaniin agarsiisaa turaniiru.

Netaaniyaahuun tibbana Waashingitan wayita daawwatan Tiraamp waliin yaroo lama wal arguun dhimma waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jirurratti mari'ataniiru.

Achumaanis, badhaasi Noobelii Nageenyaa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampiif akka malu xalayaa kaadhimamummaa koree badhaasa Nobelii Nageenyaaf erguu isaanii ibsan.

"Amma yeroo kana dhiheessinu balbala nagaa banuufidha. Nageenyi akka bu'uuf biyya tokko irraa gara biyya biraatti hojiirra akka ooluuf hojjataa jiru," jechuun Netaaniyaahuun xalayicharratti ibsan.

Tiraamp badhaasi Noobelii Nagaa akkamitti naaf mala jedhee yaada?

MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, gaafa Adooless 7 2025, Waayit Haawus Waashingitan keessatti irbaata, prezidaant Doonaald Tiraamp waliin nyaatan irratti eeruu kennu isaani ifoomsan

Madda suuraa, Getty Images

Yaadni Tiraamp badhaasa Noobeelii Nageenyaa argachuun isaaf mala jedhu Netaaniyaahuu qofarraa osoo hin taane, Paakistaan ​​irraa kan dhiyaate yoo ta'u, Paakistaan ​​torban muraasa dura Tiraamp kaadhimuuf karoorfachuu ishee beeksiftee turte.

Kunis waraana Indiyaa fi Paakistaan ​​gidduutti ture keessatti dhukaasa dhaabuuf haala mijeessuu keessatti gaheen Tiraamp qabu guddaa ta'uu ibsite.

Haata'uu malee, waraana Iraani fi Israa'el guyyoota kudha 12 taasisan hordofee Tiraamp dhaabbilee niwukilaraa Iraan irratti boombii darbachuun yaadni Tiraamp nobeelii nageenyaa badjhaafamuu qaba jedhu miidiyaa hawaasaa irratti qeeqa guddaa kaasera.

Badhaasa addunyaa kanarraa beekamoo ta'an keessaa tokko badhaasa Noobeliiti.

Badhaasni Noobeelii Nagaa badhaasa ja'a saayintistii, daldalaa fi tola ooltummaa lammii Siwiidin Alfreed Noobeeliin hundeessan keessaa isa tokkodha.

Koreen Noobelii badhaasa ja'a kennen akka: Fiiziksii, Keemistirii, Fiiziyoloojii ykn qoricha, ogbarruu, dinagdee fi nagaati kennamu. Kanneen badhaasa kana injifatan koree namoota shan qabu kan Paarlaamaa Noorweeyin filatamaniin fialatamu.

Tiraamp badhaasa Noobelii kana akkaan akka barbaadan irra deddeebi'anii kaasanillee hojiin hojjatan sanaaf isaan geessisaa? kan jedhu falmisiisadha. Utuu injifataniis dhimmi kun falmisiisaa ta'ee akka itti fufu shakkiin hin jiru.

Haata'uu malee, Tiraamp qofaa utuu hin taane badhaafamuun namoota kanaan duraa hanga yoonaa falmisisoo ta'anii jiru.

Isaan keessaa Injifattoota badhaasa Noobelii Nageenyaa falmisiisoo ta'an ja'a akka itti aanutti eeramaniiru.

Baaraak Obaamaa

Pirezidaantii Ameerikaa duraanii Baaraak Obaama

Madda suuraa, AFP

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaa badhaasa Noobeelii Nageenyaa bara 2009 akka injifate yeroo ibsamu, Obaamaa mataa isaallee ajaa'ibsisera.

Obaamaan, seenaa jireenyaa isaa waggaa shan dura akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2020 barreesse keessatti, badhaasa Noobeelii Nageenyaa injifachuu isaanii yeroo dhaga'an, deebiin isaanii jalqabaa "maal waanan godheef?"kan jedhu akka ture ibsaniiru.

Obaamaan badhaasa Noobeelii Nageenyaa kana injifafachuun isaanii erga pirezidaantii Ameerikaa ta'anii reefu ji'a sagal guuta ture. Guyyaan xumuraa kaadhimamaa badhaasa Noobeelii Nageenyaa Obaamaa erga waadaa galanii guyyoota 12 booda ture.

Mormitoonni badhaasni kun Obaamaaf kennuu cimsanii qeequun murteen kun kan ariifatee fi yeroo isaa hin eegganne ta'uu ibsaniiru.

Yeroo Obaamaan wayita marsaa lamaaf pirezidaantii ta'anii turanitti loltoonni isaanii Afgaanistaan, Iraaq fi Siiriyaa keessatti lolaa turan.

Daarektarri Inistiitiyuutii Noobeelii duraanii Geer Lundestad, koreen badhaasa kana murtee Obaamaaf kennuuf murteesse kanaan gaabbuu isaa waggoota dura BBC'tti himaniiru.

Abiy Ahimad

MM Itoophiyaa Abiyyi Ahimad

Madda suuraa, AFP

Waggaa jaha dura Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad badhaasa Noobelii Nageenyaa argataniiru.

Ministirri Muummee badhaasa kana kan argatan waldhabdee daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa waggoota 20f ture dhaabuuf carraaqqii taasisaniin akka ture ibsameera.

Abiy badhaasa erga fudhatanii waggaa tokko booda haqummaa murtee koree kanaa ilaalchisee gaaffiin ka'uu eegale.

Ministirri Muummee loltoota gara Tigraayitti bobbaasuun waraanni kaaba Itoophiyaatti taasifamuu hordofee hawaasa addunyaa irraa qeeqni guddaan irratti ka'eera.

Lolli Raayyaa Ittisa Itoophiyaa, waraana Ertiraa, fi michoota naannoo biroo Tigraayitti geggeeffamaa ture dhiiga lammilee baay'ee dhangalaasera.

Waraana kanaan namoonni kuma dhibbaan kan lakkaa'aman kan du'an yoo ta'u, jiraattonni miliyoonaan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Waraana beelaa fi gudeeddii akka meeshaa waraanaatti itti fayyadame jedhame kana keessatti yakki waraanaa fi yakkoonni dhiittaa mirgaa dhala namaa irratti raawwatamuu gabaasni Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee jaarmiyaalee adda addaa bahan ni mul'isa.

Waraanni Tigraay waliigaltee Piritooriyaatti taasifameen xumuramus, ergasiis waldhabdeen naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti itti fufee taasifamaa jira.

Walitti bu'iinsa kanneeniin lammiileen nagaa bakkeewwan adda addaatti akka ajjeefaman gabaasaaleen ni mul'isu.

Heenrii Kiisinger

Heenrii Kiisinger bara 1973 badhaasa Noobeelii Naga badhaafame

Madda suuraa, Getty Images

Bara 1973tti Heenrii Kiisinger, badhaasa Noobeelii Nagaa kan injifate, yoo ta'u , yeroo sanatti Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa ture.

Kissinger keessumaa imaammata alaa mormii fi qeeqa guddaa qabu hojiirra oolche jedhamuun badhaasni kun kan isaaf hin malle ta'uu hedduu qeeqame.

Kana malees Kaamboodiyaa irratti boombiin akka darbatamu qondaala ajajedha.

Deeggarsi inni abbootii irree waraanaa Ameerikaa Kibbaatiif godhe ammoo dhimma biraa Ministira Dhimma Alaa kana maqaa balleesse ture.

Kissinger hogganaa Veetnaam Kaabaa Le Duc Tho waliin ta'uun waraana Veetnaam keessatti dhukaasa dhaabuu gidduu galeessa gochuuf carraaqqii godheen badhaasa Noobeelii nagaa kana injifate jedhame.

Miseensonni koree Noobeelii lama Kissinger badhaasa Noobeelii Nageenyaa badhaafamuu hin qabu jechuun erga falmanii booda aangoo gadhiisaniiru.

Yeroo injifannoon Kissinger ifoome, The New York Times badhaasa kana "Badhaasa Waraana Noobelii" jechuun maqaa itti moggaasee ture.

Awungi San Suu Kiyi

Bara 1991tti badhaasa Noobeelii kan argatte Awungi San Suu Kiyi yeroo badhaasa Noobeelii galma magaalaa Oslootti kennamerratti wayita haasawa taasisan

Madda suuraa, Getty Images

Awungi San Suu Kiyi bara 1991tti qabsoo karaa nagaa sirna waraanaa Miyanmaar irratti gooteen badhaasa Noobeelii nagaa kana injifatte.

Garuu badhaasa kana erga argatte waggaa 20 booda Awung San Suu Kiyi akka hogganaa Miyanmaartti gocha hammeenyaa waraanaan Muslimoota nagaa Rohingiyaa irratti raawwatamaa jiru dhaabuu hin dandeenye.

Namni siyaasaa kun ajjeechaa jumlaa, kan Dhaabbanni Biyyota Gamtoomanii 'duguuggaa sanyii' jedhee waamu kana osoo homaa hin dubbatin ilaalaa turte.

Kunis badhaasa Noobeelii Nagaa injifate irratti qeeqni bal'aan akka irratti ka'u taasiseera.

Badhaasni Noobeelii Nageenyaa Awungi San Suu Kiyi irraa akka mulqamu namoonni hedduun gaafataniiru. Badhaasni Noobeelii nama injifateef erga kennamee booda haqamuu hin danda'u jedhamuun utuu irraa hin fudhatamin hafe.

Yaasiir Araafaat

Badhaasa Noobeelii Nageenyaa bara 1994 kan argate Yaasiir Arafaat

Madda suuraa, Getty Images

Hogganaan Filisxeem du'aan boqotan Yaser Arafaat, yeroo sanatti Ministira Muummee Israa'el Yitzhak Rabin fi Ministira Dhimma Alaa Israa'el Shimon Peres waliin ta'uun bara 1994tti waliigaltee nagaa Osloo keessatti gumaacha taasisaniin badhaasa Noobeelii Nageenyaa fudhataniiru.

Waliigaltee nagaa Osloo bara 1990 gaggeeffame Israa'elii fi Filisxeem gidduutti nagaa buusuu danda'a jedhamee abdatama ture.

Badhaasni Noobeelii Nageenyaa Yaasiir Araafaat qabsoo hidhannoo keessatti hirmaataa ture badhaafamuun Israa'eliifi namoota biroo irraa qeeqni guddaan irratti ka'ee ture.

Dhugumatti Araafaat badhaasa Noobelii Nageenyaaf kaadhimamuun isaa miseensota Koree Noobeelii gidduutti waliigaltee dhabuu uumera.

Namni siyaasaa lammii Noorweey Keir Kristiansen miseensa koree Noobeelii kan ture yoo ta'u, filannoo Arafaat mormuun fedhii isaatiin koree kana gadhiisuun isaa ni yaadatam.

Wangaarii Mataayii

Rogeettii lammii Keeniyaa Wangari Maathaayi amma du'aan boqatte kunuunsa naannoo irratti gumaacha guddaa gooteen ibara 2004tti dubartii Afrikaa jalqabaa badhaasa Noobeelii nagaa injifattedha.

Wangariin sochii duula magariisaan biqiltuu miliyoonaan lakkaa'amu dhaabuun badhaasa Noobeelii injifatteetti.

Haa ta'u malee gaaffiin Badhaasa Tajaajila Hawaasaa ka'uu kan eegale erga waa'ee HIV/AIDS irratti kenne dhaga'amuu jalqabee booda.

Wangari Maathai yaada HIV'n 'meeshaa baayoloojii', vaayirasii laaboraatoorii keessatti namoota gurraacha balleessuuf uumame jtteen booda badhaasa ishee itrratti qeeqni ka'e.

Haata'u malee, ragaan saayinsaawaa yaadni Wangari Maathayi sirrii ta'uu isaa mirkaneessu hin jiru.

Mudaa guddaan Badhaasa Noobelii: Mahaatmaa Gaandii badhaafamuu dhabuudha

Mahaatmaa Gaandiin

Madda suuraa, Getty Images

Koreen badhaasa Noobeelii badhaasa kana nama dhuunfaa maluuf kennuu dhabuu isaa irratti komiin ka'aa tureera.

Dirree nagaa irratti Mahaatmaa Gaandiin warra badhaasa Noobeelii argachuun isaaniif malu garuu hin arganne jedhamanii maqaan isaanii yeroo baay'ee kaafamu keessaa isa tokko.

Qbasaa'aan nagaa Hindii fi mallattoo qabsoo nagaa jaarraa 20ffaa kan ta'e Gaandiin yeroo hedduu badhaasichaaf kaadhimamee ture, garuu gonkumaa injifatee hin beeku.

Bara 2006tti hayyuun seenaa fi pirezidaantiin ammaa koree badhaasa Noobeelii Geer Lundestad gumaacha Gaandiif beekamtii kennuu dhabuun seenaa badhaasa Noobeelii nagaa keessatti hanqina guddaa akka ta'e dubbataniiru.