Michoonni US dhimma Gaazaa irratti faallaa Pirezidant Tiraamp dhaabbatan

Alaabaa Filisxeem

Madda suuraa, EPA

Biyyoonni miseensa Nato kanneen michuu US ta'an dhimma Gaazaa ilaalchisee dhiheenya kana tarsimoo dippiloomaasii isaanii geeddaraa jiru.

Wayita Kanaadaan beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennuuf karoora qabachuun Faransaay fi UKtti dabalamtetti US ammallee Israa'el waliin dhaabbachuutti cichiteetti.

Wayita michoonni isaanii irraa gargalanitti Tiraamp karoora Gaazaa yeroo dheeraa qabaachuu itti fufuu danda'uu?

Ministirri Muummee Kanaadaa Maark Kaarnii Fulbaana dhufu Filisxeemiif beekamtii akka kennan ibsan. Kanaanis Kanaadaan biyyoota miseensa G7 beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennuuf karoorsan ishee sadaffaa taateetti.

Faransaay fi Ukni karoora kana akka qaban dursanii ibsaniiru.

Maark Kaarnii Kora Waliigalaa UN taa'amuuf jiru irratti biyya Filisxeemiif beekamtii akka kennan ibsaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Israa'el karoora Kanaadaan ibsite kana balaaleffachuu ibseera. Karoorri kun ''Hamaasiif tola ooluudha'' jedhe.

Biyyoota UN 193 keessaa 147 Filisxeem biyya ta'uusheef beekamtii kennaniiru.

Kanaadaan rakkoo Israa'el fi Filisxeemiif fala kaa'uuf furmaata garee lameen akka biyyatti beekamtii kennuun argamutu dhufuu qaba yaada jedhutti biyya cichaa turtedha.

Garuu ''adeemsi kun hojiirra ooluu hin dandeenye,'' jedhan.

''Abdii fi karoorri mootummaa Filisxeem uumuu ija keenya duratti dhabamaa jira,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan Aab Kaarniin.

Bulchiinsi Tiraamp michuuwwan US karoora Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf qabatan akka farra Israa'elitti fudhachuun balaaleffateera.

''US dubbii badaa akkasii keessa hin galtu. Garuu waraanicha xumuruuf adeemsi nagaa buusuu addunyaan martuu ga'ee keessatti ba'atu hordofuu ittuma fufti,'' jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa US Tamii Biruus.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma dhimma wal dhibdee Israa'el fi Filisxeem irratti US michoota ishee ganamaa faana wal dhabaa jirti.

Kun ammoo adeemsa nagaa buusuu Tiraamp ittiin dhaadataa jiran gaaffii keessa galcheera.

''Bulchiinsi Tiraamp dhuguma bulchiinsa egeree Gaazaa irratti fi nageenya waaraa fiduuf mul'ata qabaa?'' gaaffiin jedhu dhalateera.

Bulchiinsi US amma jiru mul'ata akkasii akka hin qabne amma ifa galeera. Bulchiinsichi karoora akkasii tokkollee hin qabu.

Jalqaba ji'a kanaa BBCn karoora US, keessumaa bulchiinsi Pirezidant Tiraamp, dhimma Gaazaa irratti qabdu qulqulleeffachuuf dubbi himtuu Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Tamii Biruus gaafateera.

Hamaas jiraachuu hin qabu kan jedhurra darbee karoorri isaan egeree Gaazaaf qaban maal akka ta'e irratti gaafatamaniiru.

''Biyyoonni, michoonni keenya naannocha keessa jiran yaada haaraa pirezidantichi dhiheessan'' hojiirra oolchuurratti hojjetaa jiru,'' jedhan.

Yaadi ykn gaaffiin pirezidantichi dhiheessan kunneen maal fa'i jechuun BBCn gaaffii qondaala US kanaaf dhiheesseera.

''Har'a kana jedhee sitti hin himu,'' jedhan.

Gaazaa 'akka Riveeraa' gochuun hin jiru, karoorri Tiraamp biraan maali?

Guraandhala darbe Pirezidant Tiraamp US Gaazaa fudhachuun ''Riveeraa Baha Giddugaleessaa'' akka gootu ibsanii turan.

Karoorri kun Filisxeemota dacheesaaniirraa humnaan godaansisuu of keessatti qabata jedhamuun balaaleffatamaa ture.

Boodarra US fi Israa'el as ba'anii Filisxeemonni ''fedhiidhaan'' kan gadhiisan ta'uu dubbatan.

Karoorri kun kan raawwatamuu danda'u akka hin taanee fi seera idiladdunyaas kan faallessu ta'uun ifatti osoo beekamuu, Tiraamp karoorasaanii waraana boodaa godhatanii qabataniiru.

Karoora qabame bakkaan ga'uuf loltoonni Israa'el maqaa haala mijeessuu jedhuun bakka sana heddumminaan qubsiifamuun waan shakkii qabu miti.

Erga yeroo sana odeeffamee karoorichi suutuma dadhabaa deeme, dhumarratti guutummaatti kufeera.

Karoora Filisxeemota godaansisuu irratti Tiraamp Kibxata darbe gaafatamuun ''yaadichi namoota hedduun fudhatameera, garuu namoonni gariin hin jaallanne,'' jedhan.

Gaazaa

Madda suuraa, REUTERS/Ronen Zvulun

Kanneen Tiraamp karoorasaanii akka hin jaallanne ibsan kunneen biyyoota Arabaa kanneen akka Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoota Galoo Galaanaa kaani.

Tiraamp wayita dhiheenya kana Ministirri Muummee Israa'el Waayit Haawus daawwatanittis dhimma kanarratti gaafatamaniiru. Isaan garuu ofii deebisuurra qondaalota Israa'el affeeran.

Beenjaamin Neetaaniyaahuun bulchiinsa egeree Gaazaa keessatti hirmaannaan aanga'oota Filisxeem tokkollee akka jiraachuu hin qabne dubbatan.

Israa'eliifi Ameerikaan kutaalee Gaazaa hunda to'achuu barbaadu. Inumaa Israa'el Gaazaa fi West Baank humnaan to'achuuf yaaluun alatti milishaa warra Filisxeemotaa kanneen Hamaasiin mormaa baayyinaan ni leenjisti.

Qabatamaan kan Israa'el gochaa jirtu garuu uummata Gaazaa beelaan fixuu akka ta'e UN dabalatee jaarmiyaaleen idiladdunyaa fi biyyoonni addunyaa himataa jiru.

Biyyoonni Awurooppaa hedduun wanti Gaazaa keessatti mudataa jiru suukanneessaa akka ta'e ibsaa jiru.

Ministirri Dhimma Alaa UK Deeviid Laamii ''taatee akkaan suukanneessaa argaa jirra. Daa'imman beela'an soorata fudhachuuf yeroo ba'anitti haala suukanneessaan ajjeefamuun addunyaa mara shororkeesseera,'' jedhan.

Hawaasi addunyaa dhimma egeree Gaazaa irratti karoora walfakkaataa fi ijaaraa ta'e hatattamaan dhiheessuun irratti hin hojjetu taanaan hookkarri fi dararaan naannawa kanatti hammaataa deema.

Amma US karoora yeroo dheeraa Gaazaa irratti qabdu dhiisteetti, gidduu kanatti qaawwi uumameera.

Warri Awurooppaa biyyoota Galoo Galaanaa waliin ta'uun qaawwa kana duuchuuf yaalaa jiru.

Biyyoonni lixaa humna qaban hedduun erga mariin Israa'el fi Filisxeem gidduutti xumuramee booda beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennuurratti waggootaaf mariin tureera.

Amma biyyoonni kunneen biyyoota Arabaa keessaa humna guddaa kan qabdu Sa'uudii Arabiyaa faana ta'uun kana bakkaan ga'uuf dhiibbaa uumaa jiru.

Tiraamp karoora qabatan dhiisanii adeemsi dippiloomaasii rakkoo kana xumuru akkaataa dhufuu danda'urratti akka xiyyeeffatan dhiibbaa uumuu eegalaniiru.