Israa'el haleellaa gaggeessiteen Ministiira Muummee Huutii Yamaniifi ministiirota heddu ajjeeste

Madda suuraa, Reuters
Israa'el haleellaa Yamanitti gaggeessiteen Ministiira Muummee Huutii dabalatee ministeerotaafi qondaalota mootummaa hedduu ajjeeste.
Mootummaan hidhattoota Huutii Yaman keessaa, Ministiirri Muummee isaanii, Ahmad Gaaleeb Naasaar al-Rahaawii haleellaa Israaa'el Kamisa darbe gaggeessiteen ajjeefamuu mirkaneesse.
Haleellaa Israa'el Kamisa darbe magaalaa guddoo Yaman Sana'aa irratti xiyyeeffachuun gaggeessiteen MM Ahmad Gaaleeb Naasaar dabalatee qondaalonni olaanoon biroos jalaa ajjeefamuu amaneera.
Humni Waraanaa Israa'el Kamisa darbe yeroo haleellaa qilleensarraa gaggeessu "buufata waraanaa" naannawa magaalaa Sana'aarratti xiyyeeffachu ibse malee waa'ee qondaalota mootummaa Huutii irratti xiyyeeffachuu homaa hin dubbanne ture.
Hidhattoonni Yeman keessatti argaman Huutiin bara 2014 irraa kaasee magaalaa guddoo Sana'aa dabalatee Yaman gara caalu qabatanii bulchaa jiru.
Haleellaa Israa'el gaggeessite kanaan Ministiira Muummeetiin alatti ministiironni biroo heddus ajjeefamaniiru.
Marsariitiin oduu Saawudii Al-Hadath akka gabaasetti, ministiira dhimma alaa, ministiira haqaa, ministiira dargaggoofi ispoortii, kan dhimma hawaasummaafi hojjataa kanneen qondaalota Huutii ajjeefaman keessayi.
Kanneen du'aniin alatti ministiironni biroo heddu ammoo madaa'aniiru jedhameera. Akka gabaasa kanaatti, Ministiira Ittaanaa kan ta'e Muhaammad Ahmad Miftaa, bakka Ministiira Muummee ajjeefamee bu'uun itti fufa.
Ahmad Gaaleeb Naasaar al-Rahaawii bara 2024 irraa kaasee Ministiira Muummee mootummaa Huutii ta'uun tajaajilaa ture.
Ajjeechaa qondaalota Huutiin mirkaneesse kana ilaachisee Israa'el hanga ammaa homaa hin dubbanne.
Israa'elifi Hamaas gidduutti akkuma eegaleen hidhattoonni Huutii Hamaas irra goruun Israa'elitti diroonifi misaa'ela dhukaasuu eegalan.
Dooniwwan daldalaa Israa'eliifi kan Israa'eliin hidhata qabanis Galaana Diimaa irratti haleelaa turan.
Israa'el ammoo hidhattoota Huutiif deebii kennuuf magaalaa Sana'aafi buufata Hodeedaa haleelaa turte.















