Manni murtii US taarifawwan Tiraamp addunyaarra kaa'e hedduunsaa seeraan ala jedhe

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Manni Murtii Oliyyannoo US taarifawwan Doonaald Tiraamp biyyoota addunyaarra kaa'e hedduunsaa seeraan ala jechuun murtee laate. Murteen kun ajandaa Tiraamp tarsiimoo alaa irratti qabu irratti dhiibbaa akka cimaa akka fidu mala.

Murteen mana murtichaa taarifa Tiraam biyyoota garaa garaa irra kaa'efi taarifa addaa biyyoota akka Kanaadaa, Chaayinaafi Meeksikoo irra kaa'e kan ilaallatuudha.

Abootiin murtii Mana Murtii Oliyannoo US dhimmicharratti sagalee kennaniin sagalee 7fi 4n sagalee caalmaan taarifni Tiraamp labsii muddamaa diinagdee jechuun hojiira oolche fudhatama kan hin qabneefi "faallaa seera biyyattii ta'uu" murteessan.

Murteen kun hanga Onkoloolessa 14tti hojiirra hin oolu jedhamee jira. Sababni ammoo Manni Murtii Waliigalaa dhimmicha fudhatee akka ilaalu bulchiinsi Tiraamp yoo ni gaafata ta'e yeroo kennuufidhaafi.

Tiraamp murte Mana Murtii Oliyyannoo kana kana qeequun fuula miidiyaa hawaasaa kan dhuunfaasaa ta'e Truth irratti barreesse: "Murteen kun akka hojiitti kan hiikamu yoo ta'e, murteen kun dhugumatti Yunaatitid Isteetis of Ameerikaa kan balleessudha."

"Manni Murtii Oliyyannoo loogii heddu qabu taarifni keenya haqamuu qaba jedhee murteessera; garuummoo Ameerikaan dhumarratti akka mootu ni beeku," jechuun barreesse.

Murteen mana murtichaa kan hojiirra oolu taanan, Ameerikaan diinagdeen dadhabduu akka taatu kaasun, aangoo pirezidaantummaasaa fayyadamuun taarifa kaa'uu akka danda'u ibse.

Doonaald Tiraamp ji'oota dura tarkaanfii fudhateen biyyoota addunyaarra taarifa sadarkaa garaa garaa kaa'ee ture. Kunis wal-madaaluu dhabuun diinagdee nageenya biyyaalessaa Ameerikaaf yaaddoo akka ta'e ibsuuni.

Manni Murtii Oliyyannoo Ameerikaa garuu taarifa kaa'uuf aangoo kan qabu pirezidaantii osoo hin taane Kongiresii akka ta'e beekise.

Manni Murtichaa aangoo taarifa kaa'uu kan qabu Mana Maree (Congress) malee pirezidaantii miti jechuun murticha akka keessa hin deebines beeksise.

Manni Murtii Oliyyannoo Ameerikaa taarifa Tiraamp biyyoota addunyaarra kaa'e hedduusaa kufaa kan taasise, gareewwan biizinasiifi isteetiwwan US walitti dhufuun himata Tiraamp irratti banuu hordofeeti.

Himanni kun kan baname ji'a Eblaa keessa Tiraamp Ajaja Pirezidaantummaa jechuun taarifa dhibbeentaa 10 irraa ka'uun dhibbeentaa garaa garaa biyyoota addunyarraa kaa'uu hordofeeti.

Biyyoonni addunyaa omishasaanii nutti gurgurachuu malee nurraa hin bitan jechuun wal-gituu dhabuun sirna daldalaa uumamuu ibsee meeshaalee biyyoota garaa garaa irraa gabaa UStti dhiyaatan irra taarifa kaa'e.