Sirni ittisa miisaa'elii Tiraamp 'Golden Dome' maaliidha, attamiin hojjata?

Madda suuraa, Reuters
Donaald Tiraamp sirni ittisa misaa'elii 'Golden Dome' jedhamu osoo aangoon pirezidantummaasaa hin dhumiin dura 'gutummaatti' hojiirra akka oolu beeksiisan.
Jalqaba bajata doolaara biiliyona 25 ramaduuf waadaa kan galan Tiraamp, baasiinsaa waliigalaas gara doolaara biiliyoona 175 akka ta'u tilmaamaniiru. Haata'u malee, aanga'oonni tokko tokko baasiinsaa yoo xinnaate dachaa sadiisaa akka ta'u malu akeekkachiisaniiru.
Karoorrisaa neetworkiiwwan teknolojii 'dhaloota itti aanuu' lafarratti, galaanaa fi hawaarratti akkasumas haleellaa misaa'eloota ittisuudhaaf kiyyeeffamuun jidduugala hawaaraatti hundeeffamuun haleellaa fashaleessuu fi eeruu kennu dabalata.
''Golden Dome'' balaawwan haleellaa qilleensaa biyyoota akka Raashiyaa fi Chaayinaa irraa dabalaa dhufe irraa Ameerikaa ittisuudhaaf sirnoota duraan turan irratti ijaarama.
Golden Dome attamiin hojjata?
Karoorri tiraamp irra caalaan kan maddu 'Iron Dome' Israa'el kan bara 2011 irraa kaasuun hojiirra oolfameefi haleellaawwan misaa'el fageenya gabaabaa butuudhaaf malawwan ittisa raadaarii fayyadamuurraayi.
''Golden Dome'' ammoo kan sirna ittisa Israa'el caaluufi haleellaa bal'aa ittisuudhaaf hojjatamu ta'a.
Neetworkiiwwan saatalaayitoota to'atan dhiibbaatamaan lakkaa'aman fayyadama, kun kanaan dura kan baasuu olaanaa gaafachu malu yoo ta'u, har'a garuu caalaa hojiirra oolfamu danda'a.
''Roonaald Reegaan baroota heduun dura barbaadanii turan, haata'u malee teknolojiisaa hin qaban ture'' jechuu Tiraamp mala ittisa misaa'elii hawaa irratti hundeefame kaasuun, yaada pirezidantiin Ameerikaa duraanii kaasan kan 'Star Wars'' jedhamuun beekamuu dubbatan.
''Golden Dome'' dandeettii misaa'eloota addunyaa biraa irraa ykn kanneen hawaa irraa illeen dhukaafaman butuu qaba'' jedhan Tiraamp.
Misaa'ela kiruuzii fi balistikii (meeshaa waraanaa haaypersoonikii dabalatee kanneen saffisa sagalee caalaa socho'uu danda'an) fi sirna boombii orbitaala firaakshinii, kan Fobs jedhamun, waraanaa hawaa irraan miidhaa geessissuu danda'u irraa ittisuuf ijaarama
Daarektarri Olaanaa Giddugala Kalaqa Saayibarii fi Teeknooloojii Ameerikaa, Riir Admiraal Maark Montgomarii, (soorama kan babahan) BBC'tti akka himanitti, Golden Dome ''garee saatalaayitoota sadii ykn afur walitti dabalamanii saatalaayitoota dhibbaan lakkaa'aman'' irratti akka hundaa'u dubbatan.
Oggeessi kun News Day'tti akka dubbataniitti, "Saatalaayitoota adda taasuu dhibbaan lakkaa'aman qaba. Isaan boodas kan hordofaniif i kan ibiddaan ta'atan qabu. Isaan boodas kanneen meeshaa keenetikaa qabatan ykn dhukaasan misaa'eloota diinaa kamuu haleelluudhaaf kan oolan saataalaayitii qabu.''
'Golden Dome' waggaa sadii keessatti ijaaramaa?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gulaalaa ittisaa 'The Economist' Shaashaank Joshii BBC'tti akka himanitti, waraanni Ameerikaa karoora kana akka waan guddaatti akka fudhatu, garuu bara bulchiinsa Tiraamp xumurama jedhanii yaaduun waan qabatamaa ta'u danda'a, baasii guddaan kun baajata ittisa Ameerikaa keessaa harka guddaa fudhata jechuun yaadda'u.
Admiraal duraanii Montgomeriin kanarratti waliigalu.
"Ergama kana haalaan xumuruudhaaf kan waggaa shanii hanga torbaa tarii hanga waggaa kudhanii fudhachuu danda'uudha."
"Waggaa sadii booda wantoonni caalaa nageenya keenya eegsiisan ni jiraatu? Ati falmii gootu," jechuun garuu "sirni %100 nageenya qabu" dhuma bara hojii pirezidaantiii ammaatti akka hin danda'amne ta'u dabaluun kaasan.
Waajjirri Baajata Kongireesii mootummaa Ameerikaa, kan xiinxala dinagdee kaayyoo qabu Kongireesiif kennuuf aangoon itti kenname, baasii kun kutaalee sirnichaa hawaa irratti hundaa'an qofa irratti waggoota 20 keessatti gara doolaara biiliyoona 542 oliitti guddachuu akka danda'u yaada dhiyeessee jira.
"Golden Dome'' eenyutu ijaara?
Humni Hawaa Ameerikaa Jeneraal Maayikeel Guutliin, nama pirojektii 'Golden Dome' doolaara biliyoona hedduutti tilmaamamu hoogganuudhaaf itti gaafatamummaan itti kennameedha.
Muddee 2023 irraa eegalee damee waraana Ameerikaa kan "akeekkachiisni misaa'elaa, hubannoo naannawa hawaa, ejjennoo, bohaaruu fi lakkoofsa yeroo, qunnamtii fi waraana elektirooniksii hawaa" kan kennu dameen waraana Ameerikaa 'Space Force' keessatti itti aanaa hogganaa hojii hawaa ta'uun hojjechaa turan.
Jeneraalli abbaa urjii afur kan Pirezidaanti Tiraamp ''nama dandeettii guddaa qabudha'' jechuun ibsan, Guutliin, kanaan dura itti gaafatamaa Ajaja Sirna Hawaa fi daayreektara sirna fageenya irraa hubachuu dandeessisuu turan.
Kanaanis muuxannoo hawaa fi misaa'ela adda baasuu guddaa ta'e akka qaban himaa.
Guutliin kutaa Ameerikaa Oklaahomaa keessatti dhalatanii kan guddate yoo ta'u, bara 1991tti Yunivarsiitii Oklaahomaa Isteet irraa erga eebbifamaniin booda humna qilleensaa Ameerikaatti makame.
Raashiyaa fi Chaayinaan waa'ee 'Golden Dome' maal yaadu?
'Goolden Dome' adda durummaan misaa'ela Raashiyaa fi Chaayinaa irraa dhukaafamu irraa ittisuuf kan yaadamedha.
Sanadni dhiheenya kana Ejensiin Odeeffannoo Ittisaa baase akka ibsetti, balaan misaa'elaa "guddinaa fi haala hammayyaa'eenbabal'achuu akka danda'u" kan ibse yoo ta'u, biyyoonni lamaan sirna ittisa Ameerikaa keessatti "qaawwa jiru fayyadamuuf" dammaqinaan dizaayinii gochaa jiru jedhameera.
Chaayinaan fi Raashiyaan lamaan isaanii iyyuu, yaad-rimee kanaan kan ''gadi fageenyaan tasgabbii kan dhabsiisu'' jechuun qeeqaniiru.
Sirni ittisaa haaraan kun, ''hawaa keessatti lolaa gaggeessuuf meeshaa waraanaa haalaan akka cimsu ifatti kan tumamedha,'' jedha ibsi Kiremiliin jalqaba baatii kanaa marii Raashiyaa fi Chaayinaa gidduutti taasifameen booda maxxanfame.
Haata'u malee, dubbi himaan Kiremiliin Diimiitirii Peskoov, dhiheenya kana karoorri kun US'f "dhimma walabummaati" jechuun ibsuun, mariin meeshaa niwukilaraa deebi'ee akka jalqabamu taasisuu akka danda'u yaada dhiyeessan.
Chaayinaan gama isheetiin karoorichi humna waraanaa kutaa hawaa alaa cimsuufi dorgommii meeshaa waraanaa balaarra buusuudhaan addunyaa balaarra buusa jechuun dubbatte.
'Golden Dome' ''kutaa alaa hawaa irratti dandeettiin waraanaa olaanaa ta'e akka dabaluuf ifatti yaada dhiyeessa...fi faallaa waliigaltee fayyadama ala hawaatiin umma keessatti danaa fookkisaa qabaata'' jechuun dubbii himaan ministeera dhimma alaa dubbachuun, Ameerikaan karooricha akka dhiiftuuf akeekkachiisan.
Kaanaadaan sirna 'Golden Dome'tti makamtii?
Pirezidanti Tiraamp wayita karoorasaanii waajjira saaniitti dhiyeessaniitti, Kaanaadaa qaama sirnichaa ta'uf gaaffattee jirti jedhanii ture.
Ministirri Mummee Kaanaadaa Mr Maark Kaariniin ibsa waajjira saaniitti kennaniin, isaaniifi waahillan isaanii gitasaanii Ameerikaa waliin dhimma nageenya haraa fi walitti dhufeenya dinagdee irratti mari'ataa akka jiran ibsaniiru.
''Mariiwwan kunneen umamasaanitiin izzii kaaba Ameerikaa fi ittisa hawaa akkasumas karoorawwan akka 'Golden Dome' jiran cimsuu hammata'' jedhan itti dabaluun.
Jalqaba bara kanaarratti yeroo Waashingitan dowwataniitti, minitirri raayyaa ittisa Kaanaadaa, Biil Bileeyer biyyisaanii pirojaktii Dome irratti hirmaachuuf fedhii akka qabdu ibsuun ''kan hiikaa qabuu'' fi ''faayidaa biyyaaleessaa''' biyyattiitti jechuun dubbatan.












