Kennaan xiyyaaraa Qataar US qaqqabe Pirezidantii fe'uuf maaliif hanga doolaara biliyoona tokkoo dabalataan gaafata?

Xiyyaara Qataar USf kennite

Madda suuraa, Getty Images

Yunaayitiid Isteets xiyyaaara qaalii Pirezidantootni US ittiin akka imalan hojjetame 'Air Force One' maatii mootii Qaataar irraa kennaan dhiyaateef simatte.

Kennaan kun wayita beeksisfamu falmiifi dheekkamsa kaasee ture.

Dubbii himaan Peentaagoon Seyaan Paarneel Roobii ibsa kennaniin ''Waajirri olaanaan ittisa US, Qataar irraa xiyyaara Boeing 747 bu'uura seeraa fi qajeelfama Federaalaan fudhateera'' jedhan.

Ammoo akka xiyyaarri Air Force One biroo pirezidantiin ittiin imaluuf wanti hedduun guutamu waan jiruuf ammatti tajaajila sanaaf hin oolu.

Keessoosaa akka pirezidantootni ittiin imalan godhanii tolchuuf, nageenyaaf jedhamee wantoota itti dabalamuufi fooyya'insi biroo hedduu godhamu waggoota fudhachuu danda'a.

Xiyyaarri Air Force One amma jiran niikulerri yoo dhukaafamellee dhiibbaa elktiroo maagneetawaa uumamu akka dandamatan sirna itti godhamuuf qabu, osoo balaliirra jiranii kerosiinii guutamuus danda'u.

Ogeessi sirna ittisaa gidduugala qo'annoo tarsiimawaafi idila addunyaa Maark Kaansiyaan fooyya'iinsoota barbaachisan kana mara gochuun hanga doolaara biliyoona tokko gaafata jedha.

Pireezidant Doonaald Tiraamp kennaan kan fudhachuun seera akka hin cabsine ibsaniiru. Ammoo dhuunfaa isaaniif kan kenname akka hin taane, kan waajira ittisaa ta'uu himan. Yeroo turtiin aangoo isaanii raawwatu kan itti hin fayyadamne akka ta'es ibsaniiru.

Kennaawwan mootummoota alaarraa hoogganoota mootummaaf kennamu ilaalchisee heerri US Koongireesiin hayyamuu qaba jedha. Dhimma kana irratti ammatti Koongireesiin waan hayyame hin jiru.

Gaazexeessitoonni baayyee pirezidaantota Ameerikaa waliin imalan carraa keessoo xiyyaara pirezidantichaa arguu hin qaban.

Ofii Xiyyaarri Air Force One maal fakkaata?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexeessitoonni kan taa'an kutaa duubaa xiyyaarichaa keessadha. Gara kutaa pirezidaantichaatti darbuudhaaf hojjetoota nageenyaa karra itti aanee jiru eegan waliin waliif galuu gaafata.

Torban darbe imala Doonaald Tiraamp gara Baha Giddu-galeessaatti taasisan hordofee xiyyaarri guddichi pirezidaantichaa ijoo dubbii ta'ee ture.

Fox News irratti sagantaa kan dhiyeessu Shiin Haniitii pirezidaanticha waliin taa'ee gaaffiifi deebii waliin taasisuuf carraa argatee ture.

Haata'u malee, hojjettoota sabaa-himaalee biroof garuu taa'uun kan hayyamameef kutaa xiyyaarichaa dhiphoo karaa duubaan jirtu keessa qofa ture.

Imala guyyoota sadii keessatti biyyoota waliin gahe ture. Imala dadhabsiisaa hojjetoonni waajira pirezidantiifi miseensonni miidiyaa irratti hirmaatan kana "kan ciminni namaa ittiin qoramudha" jedhe pirezidaantichi.

Ta'us xiyyaarri pirezidaantichaa imalaaf kan rakkisu hin turre. Teessumni jiran 14 akkuma kutaaleen sadarkaa tokkoffaan balalii idileerra yeroo jiraniitti kan mijatudha.

Mana itti dhiqatan, nyaata gara garaa, wantota saamsaaman pirezidaantichi itti mallatteessaniifi eessattiyyu hin argamne qabu.

Keessumeessitoonni xiyyaarichaa waa'ee addunyaa kan ittiin hordofan televizhiinota lama qabu.

Televizhiniiwwan kunneenis tamsaasawwan TV pirezidaantichi filatan dabarsu. Bara bulchiinsa Joo Baayidan CNN kan banamaa ture yoo ta'u, amma bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp keessa ammoo Fox News filatamaadha.

Yeroo tokko tokko dorgommiiwwan kubbaa miilaa ykn qophiiwwan ispoortii ni banamu.

Balaliiwwan dhedheeroorratti namni nyaata bilchiise nyaata gara garaa qopheessee dhiyeessa. Pirzidaantichi nyaata dhamdhama isaanii filatu gara garaa filatanii qophaa'u.

Balalii gabaabaatiif garuu nyaanni bilchaatanii qophaa'an saamsamanii dhiyaatu.

Pirezidantii duraanii US Baraak Obaamaa

Madda suuraa, Getty Images

Mootiin Qaataar Pirezidant Tiraampiif xiyyaara haaraa "masaraa mootummaa samiirratti" jedhamu kan kennaniif yoo ta'e, keessoon xiyyaara pirezidaantichaa amma itti dhimma bahaa jiranii kun haaromee yeroo dhiyootti jijjiiramuun isaa hin hafu.

Kennaan mootiin Qataar pirezidantii Ameerikaatiif kennan kun kennaa pirezidaantonni Ameerikaa fudhatan isa baayyee guddaa ta'ee galmaa'a.

Xiyyaarri pirezidaantichi ittiin imalu Air Force One jedhamu kun kan pirezidaantonni Ameerikaa itti fayyadaman ta'ee qabeenyummaan isaa kan Humna Qilleensaati.

Xayyaarri kun Air Force One jedhamun beekama. Pirezidantii Ameerikaa qofatu ittiin imala. Tarii fiilmii Air Force One jedhun argitaniittu ta'a.

Fiilmicharratti Harisan Foord akka pirezidaantii Ameerikaatti dhiyaachun Air Force One irra osoo jiruu shororkeessitoonni xayyaaricha ugguruuf yeroo yaalaniifi pirezidantichaa fi maatiisaa oolchuf waldhaansoo jiru agarsiisa.

Xayyaarri pirezidaantin Ameerikaa qofti ittiin imalu kun Waayit Haawus Samiirra Jiru (the flying white House) jedhama.

Biiroo pirezidaantii Waayit Haawus keessa wanti jiru hunduu xayyaara Air Force One keessas jira.

Dhimmi xiyyaara kanaatis erga torban darbe wayita Tiraamp Baha Gidduu Galeessaatti dawwanitti Qaataar xiyyaara qananii guddaa akka isaaf kennite himameen booda dhimmi xiyyaara pirezidantii Ameerikaa kun ijoo dubbii ta'era.

Yeroo ammaa kana bara 1990 irra kaasee tajaajilaa kan jiran xiyyaarota imaltoota deddeebisan 747 Air Force One lamadha.

Tekonooloojiiwwan xiyyaarota keessatti tolfaman, dizaayiniin isaafi wanti jiru hundi isaa waan gara fuula duraatti ta'u ilaalcha keessa galchuun kan hojjatamanidha. xiyyaaronnin kunneen foyyeffamanii, garuu xiyyaarota kanneeniifi motoroota isaanii suphiidhaaf baasiin bahu dabaalaa dhufeera.

Xiyyaaronni kunneen umurii isaanii dhokfachuu hin dandeenye.

Xiyyaarri dolaara miliyoona 400 baasu Qaataarirraa kennaan dhiyaatu kun bulchaa Waayit Hawus xiyyaara mataa isaa qabaatu jalqaba isa taasisa. Garuu osoo aangoo piezidaantummaa hin qabatiin durayyu nama daandii qilleensaa mataasaa qabudha.

Kamisa waga'ii Abudaabiitti qaban yeroo xumuranitti, "amma kana dhiiseen gara [xiyyaara] Boeing umurii dheeraa waggaa 42 qabuttin seena," jechuun xiyyaarichi dulloomaa ta'uu himeera.

Itti fufuun, "haata'u malee warri haaraan dhufaa jiru" jedhe.

Dhugumas ammoo xiyyaarri haaraan dhufaa jira; haata'u malee, Tiraampiif gahaa miti. Bara aangoo isaa marsaa duraa, xiyyaara pirezidantii fooyyaa'e Boeing'n hojjetame tajaajilarra oolchuuf waadaa galee ture.

Pirezidant Tiraamp dizaayina Kenedii kan ture halluu diimaa-adii-cuquliisa kan qabu dhiisee halluu mataasaa filateera.

Moodeela xiyyaara kanaa waajira isaa [Oval Office] keessatti miira sabboonummaan agarsiisees ture.

Xiyyaara pirezidantii US Air Force One

Madda suuraa, Getty Images

Xiyyaarri haaraa bara 2026tti ni qaqqaba jedhamee ture turuu isaa qofa osoo hin taane baasii hojiisaatiif dolaarri biliyoona 4 ramadameen xyyaaronni lamaan yeroo jedhametti ni qaqqabu jedhanii yaaduun cimaadha.

Barri aangoo Tiraamp kan marsaa lamaffaa ammoo Amajji 2029 xumurama.

Xiyyaara dulloome kanaan imaluun pirezidaantichaa akka isatti hin tolle yeroo dubbatu kan dhaga'ame Biliyeenarri addunyaa Elon Maask dhimma xiyyaarota kanneeniin akka hordofuufi saffisiisuuf Pirezidaantichaan itti gaafatamummaan itti kennamus Boeing garuu yeroo jedhametti qaqqbsiisuu akka hin dandeenye beeksiseera.

Kanaaf ta'uu hin oolle pirezidantichi xiyyaara biyya tokkoo gara biyya biraatti ykn kuta abulchiinsa tokkorraa gara biraatti kan ittiin deemaniif deebii hatattamaa osoo barbaadaa jiranii kennaan Mootii Qaataar dhufee karra itti rurukkutee seeneef.

Xiyyaara qananii 747-8 dolaara miliyoona 400 baasu kana mootummaan Qaataar kennuudhaaf akka barbaadu oduun yeroo dhaga'ametti ijoo dubbii ta'uu qofa osoo hin taane qulqulleeffannaa maluufi adeemsa seeraa akka darbutti ji'oota akka fudhatu ibsameera.

Tiraamp xiyyaara Qaataar kennuufiif waadaa galte akkuma gara aangootti dhufaniin torban muraasa keessatti ji'a Guraandhalaa keessa icciitiin akka daawwatanii ture dhaga'ameera.

Kennaan kun qeeqa naamusaafi gaaffii seeraa michootaafi deeggartoota pirezidaantichaarraa kaasuun alatti xiyyaara 747 biya alaa gara geejjiba pirezidantii Ameerikaan fayyadamutti jijjiiruun danqaawwan tekinikaa baayyee qaba.

Xiyyaarichi osoo qilleensarra jiruu boba'aa guutachuu akka danda'uu gochuu, akkasumas meeshaaleen nageenyaafi komunikeeshinii irra deebiin tolfamuufiif qaba.

Moodeloonni xiyyaaraa pirezidaantichaa amma jiran dho'iinsa Niwukilaraa fi haleellaa elektiroomaagineetikirraa ooluu kan dandeessisu tolfameeraaf.

Daarektarri Airodynamics fi xiinxalaan dhimmoota aveeshinii Riichaard Abolaafii suphaanii foyyeessuun akka kanaa waggoota fudhachuu akka danda'u ibsuun, hanga bara 2030tti tura jedheera.

"Xiyyaarichi waggoota13f bakka balaafamaa osoo hordoffiin hin tasifamiiniif turuu isaa ilaalcha keessa galchuu barbaachisa," jedha. Kana jechuun xiyyaaricha qofaa isa afudhachuun gahaa miti. Tokkoo tokkoon qamaa isaa qofaa qofaan fudhatamuu qaba.

Xiyyaarichi sirnoota haaraa sochoosuudhaaf humna dabalataa isa barbaachisa waan ta'eef keessi isaa sirreeffamuu qaba. Dizaayinii jalqabaa masaraa mootummaa qilleensarra balali'u kana keessa bakki gaazexeessitoonni taa'an itti hin yaadamne.

Gorsaa olaanaa ittisaafi nageenya tarsiimoofi qorannoo idil-addunyaa maark Kaanchiyaa baasiin wanta akka kanaa deebisanii ijaaruu, guutuu salphaadhumatti gara dolaara biliyoona 1 gahuu akka danda'u dubbata.

Ta'us garuu, Tiraamp yoo barbaade fooyyeessuu kana gariin ykn guutummaan guutuutti hambisuu akka danda'u ibseera. "Inni pirezidantiidhaam," jedhe.

Air Force One 747 amma jiru kun dhumarratti soorama baanaan, qaama seenaa Ameerikaa waggoota 40 ol ta'uun seenaan isaa ol kaa'ama.

Bara 1995 Pirezidant Biil Kilintan pirezidaantota duraanii Ameerikaa Jiimii Kaarter fi Joorj H W Buush waliin gara sirna awwaalcha Yitizaak raabiin Israa'el geessuu dabalatee seenaan ni barreeffamaaf.

Erga haleellaan shororkeessitootaa wiirtuu daldala addunyaa fi Peentaagon irratti raawwatameen booda Joorj W Bush Air Force One keessa qilleensarra taa'ee, qilleensumarratti boba'aa guuttataa qubachuudhaaf haalli jiru nagaa ta'uu isaa qaama nageenyaatiin hanga mirkanaa'utti achumarra taa'ee tajaajiluun isaas ni himamaaf.

Pirezidantonni Ameerikaa ja'a xiyyaara kanaan gara fiixee kutaa addunyaa gara garaatti ittiin imalaniiru.

Tokkoon isaa Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas Israa'el irratti erga haleellaa raawwateen booda Joo Baayidaniin achi geesseera.

Doonaadl Tiraamp yeroo Baha Giddu-galeessaa daawwatutti, Sa'ud Arabiyaa, Qaataar fi Yunaayitid arab Emiretis yeroo daanga aqilleensaa isaanii keessa gahutti jeettiiwwan waraanaa hanga qubatutti ajjabaniiru.

Air Force One umuriin isaa deemullee addunyaarratti agarsiiftuu aangoo fi humna pirezidaantota Ameerika ta'ee tajaajileera. Air Force One xiyyaara loltummaa ta'ee garuu kaayyoo ol aanaafi adda ta'eef ooleera.

Air Force One "kan hojjetame qanannummaatiif miti" jedha Abolaafiyaan. "Xiyyarichi wiirtuu ajajaa balali'udha. Ach keessatti sagantaan quufanii burraaquu qophaa'uu hin danda'u."