Tiyooriin 'madman' Tiraamp addunyaa ittiin gaggeessaa jiran maali?

Doonaald Tiraamp

Ji'a darbe wayita Israa'elifi Iraan wal waraanan Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Israa'eliin deeggaranii Iraan yoo haleeluuf yaada qaban gaafataman.

Tiraamp ''gochuu nan danda'a. Gochuu dhiisuus nan danda'a. Wantan gochuuf adeemu eenyuyyuu hin beeku'' jechuun deebisan.

Ergasii Iraan marii US waliin eegalte akka itti fuftu yeroo torban lamaa kennuuf waliigaluu addunyaan gabaase. Sa'aatiiwwan gidduutti garuu Iraanirratti boombii roobsan.

Waayee Tiraamp ilaalchisee yaadoota adeeman hedduu keessaa tokko waayee ejjennoo beekamu qabaachuu isaaniiti.

Kan hedduun irratti waliigalan ammoo waayee Tiraamp wanti amantaa irraa qabaachuun danda'amu kan hin amanamne ta'uudha. Yaada isaanii jijjiiru, ejjennoo walfakkaataa hin tarkaanfachiisan.

London School of Economics keessatti Piroofeesar hariiroo alaa kan ta'an Piitar Tiraaboowitiz ''sirna imaammata bocu kan itti dhiyeenyaan hordofan ijaarani'' jedha. Inumaayyuu erga bara Richaard Niiksanii inni kun isa jabaa ta'uu dubbate.

''Sababa kanaattis murteewwan imaammataa fedha, miiraa fi amala Tiraampirratti hundaa'a'' jedhanii amanu.

Tiraamp nama maal akka gochuuf deemu tilmaamuun rakkisu ta'uusaanii kana akka tarsiimoo siyaasaatti fudhachuun galtee godhataniiru.

Inumaayyuu tilmaamuuf rakkisaa ta'uusaanii kana akka bu'uura ilaalchaatti (doctrine) ol guddisaniiru.

Amma amaloota dhuunfaa isaanii gara Waayit Haawus fidanii dhufuun imaammata dhimma alaa fi nageenyaa ittiin hoogganaa jiru.

Kunis haala addunyaan itti jirtu jijiiraa jira.

Saayintistootni siyaaasaa ilaalcha kanaan Madman Tiyoorii jedhuun. Tiyooriin kun mala hoogganotni addunyaa ittiin masaanuuwwan isaanii burjaajessuun itti amansiisaniidha.

Akka ta'utti hojiirra yoo oole humna jabaadha. Tiraamp malli kun bu'aa buusaafii akka jiru amanu. Michootni US bakka Tiraamp akka ta'aan barbaadan kaaheera.

Garuu ilaalchi kun diinotaaf ni hojjetaa?

Haleellaa, arrabsoo fi ofitti qabuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp bulchiinsa isaanii marroo lammataa kan eegalan Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ofitti qabuufi michoota isaanii duraanii gashash gochuun ture. Kaanadaatiin Isteeta US 51ffaa ta'uu qabdi jechuun mufachiisanii turan.

Achiis humna fayyadamuun Giriinlaandiin Denmaark jalaa baasuuf qophiin akka godhamu dubbatanii ture. Akkasuma ulaa Paanamaa kan ofii gochuun bulchuu qabna jedhaniiru.

Ejjennoon Tiraamp NATO fi michootasaanii Awurooppaa irratti adeemsisuu eegalan kan sana dura baratameen adda ture.

Jalqaba bara kanaatti itti aanaan pirezidantii US JD Vaansi dubbii Muuniikitti taasisaniin US ammaan booda ''nageenya Awurooppaaf wabii hin taatu'' jedhan.

Kunis waliigaltee NATO wayita balaan mudatu walii birmachuuf ijaarametti yaaddoo ta'eera.

Piter Tiraaboowitiz ''wanti Tiraamp godhe waadaalee Ameerikaan sadarkaa idila addunyaatti galte raawwachuurratti shakkii uuma, gaaffiis irratti kaasa'' jedha.

Biyyootni kunniin (Awurooppaa) Walhubannaa akkamiiyyuu US waliin yoo qabataan, dhimmoota nageenyaa, diinagdee ykn dhimmoota kaan irratti beeksisa yeroo gabaabaan marii taa'uuf dirqamu.

Miirri natti dhagaahamu namootni Tiraampitti marsanii jiran ejjennoo ofii wallaalchisuun waan gaariidha jedhanii amanu. Sababni isaas Ameerikaan olaantummaa fi bu'aa olaanaa akka argattu gargaara kan jedhuudha...

Adeemsi Tiraamp kun firii buusaa jira. Jioota afur dura Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmeer bakka bu'oota uummataaf haasaa godhaniin Guddina Omishaale waliigala biyya keessaa keessaa bajata ittisaa fi nageenyaa dhibbeentaa 2.3 fi 2.5 akka godhan dubbatan.

Ji'a darbe ammoo miseensonni NATO'f bajata ramadan dhibbeentaa shaniin gahuuf tole jedhaniiru.

Yaa'ii Nato

Madda suuraa, Getty Images

Amanamummaa ejjennoo wallaalchifachuu

Tiraamp Pireezidantii US ejjennoo wallaalichafachuu akka qajeeltootti tarkaanfachiisuun kan jalqabaa miti. Amma dura bara 1968 pirezidantiin US Riichaard Niiksan waraana Veetnaam xumuruuf mala kana fayyadamaniiru.

''Yeroo tokko Niksan gorsaa nageenya biyyaalessaa isaaanii Henerii Kessingeriin warra Kaaba Veetinaam bakka bu'anii mariyataniin dhaqiitii Niksan maraataadha, wanta gochuuf deemu hin beektan, haalli hammaachuu dura waliigaltee raawwadhaa'' jedhiin jedheera jedhu Yunivarsiitii Nooteer Daamitti barsiisaa hariiroo alaa kan ta'an Mika'eel Daach.

''Kun the madman theory jedhama.''

Yunivarsiitii Koolleejjii Landanitti barsiistuu siyaasaa kan taate Juulii Noormaanis amma ilaalchi ejjennoo wallaalchifachuu jedhu jira jetti.

''Guyyaadhaa guyyaatti wanta ta'uuf deemu beekuun baayyee rakkisaadha'' jechuun kunis adeemsa Tiraamp fidanii dhufaniidha jetti.

Bulchiinsa Tiraamp marroo duraa keessatti daayirektara kominikeeshinii namni ture Antoniin ammoo rakkoon ejjennoo wallaalchifachuun bu'aa yeroof ta'u argachuun michummaa barootaa dhabsiisa yaaddoo jedhu kaaseera.

Ejjennoon kun diinota US birattis beekamee booda bu'aa barbaadamu argamsiisuu dhabuu akka danda'aus akeeke.

Tiyooriin Madman pireezidant Richaard Niiksan waliin walqabata

Madda suuraa, Getty Images

Ilaalchi ejjennoo wallaalchifachuu kun diinotaaf hojjetaa?

Michuun US pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii gara Waayita Haawusitti affeeeramanii Doonaald Tiraampiifi itti aanaa isaanii Vaansiin itti duulame, booda Zeleniskiin qabeenya albuudaa biyyattii US akka fayyadamtu tole jedhe.

Vilaadmiir Putiin garuu deemsa Tiraampiif harka hin laanne. Torbanoota dura Tiraamp Putiin waliin bilbilaan erga dubbatanii booda itti aaruu himan, ''Putiin dhiyootti waraanicha dhaabuuf hin jirus'' jedhan.

Iraan irrattis wanti ta'e akkasuma .

Tiraamp waraana gidduugala Bahaa baroota lakkoofsise keessa akka hin galle waadaa galan. Booda garagalanii buufataalee niikuleeraa biyyattii haleelan.

Kun tarii bara bulchiinsa isaanii isa lammataa kanatti imaammata ejjennoo wallaalchifachuu isa guddaa ta'eedha. Gaaffii guddaan galma barbaadame fida moo hin fidu kan jedhuudha.

Ministirri Haajaa Alaa duraanii UK Wiiliyaam Heeg imaammatni Tiraamp kun diinota irratti faallaa hojjeta jedhan. Iraan kan durii caalayyuu waraana niikuleeraa akka qabaattu ishee kakaasa jedhan.

Piroofeesar Daachis akkasuma Iraan caalatti murtee waraana nikuleeraa qabaachuutti akka jabaattu godha jedhan.

Dabaluuns dogoggora Saadaam Huseen fi Mu'aammer Gadaafii ilaaluun akka Kooriyaa Kaabaa ta'uu filatti jedhan.

Marii Zelensikii Waayit Haawusitti gaggeefamee ture

Madda suuraa, Reuters

Wayita marii amanamuu dhabuu?

Ejjennoo wallaalchifachuun kun diinotaaf badaa hin hin hojjetu ta'a garuu ammoo jijiiramni hanga ammaattuu dhufe itti fufa moo itti hin fufu kan jedhuyyuu gaaffiidha.

Sodaan jiru US waltajjiiwwan marii irratti biyya hin amanamne ta'aa deemtii kan jedhuudha.

Yoo US akka biyyattii waltajjii arii gubbaati hin amanamtu ta'e namootni waliin daldala hojjechuuf ni rakkatu.

Adeemsa kana kan hubatan Chaansilarri Jarman Fireediriik Meerz Awurooppaan UStti hirkannaa qabdu dhaabuu qabdi jedhaniiru.

Piroofeesar Daach Awurooppaan of hirkannaa US irratti qabdu hambisuuf indaastirii ittisaa irratti guddoo hojjechuu qabdii jedha. Ammatti gama kanaan humna guddaa kan qabdu Ameerikaa ta'uu kaasa.