Gamtaan Awurooppaa dorsiisa qaraxa %50 kaa'u Tiraamp'n booda 'kabaja' akka qabaatu gaafate

Pirezidaant Doonald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp Gamtaa Awuroopparra qaraxa %50 kaa'uf akeekkachiisnaan, "kabajaan" malee "sodaachisuun" furmaanni hin dhufu jechuun gamtichi deebii kenne.

Komishinara damee Daldala Gamtaa Awurooppa kan ta'an Maarooos Sefkoovich akka jedhanitti, biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa 27 Tiraamp waliin walii galtee daldalaa "kabaja" iarratti hundaa'e taasisuuf fedhii ni qabu garuu "doorsiisaan" miti.

"Daldalli Gamtaa Awurooppaafi US kan wal-hin ginne waan ta'eef sodaachisuu osoo hin taane wal-kabajuudhan kan gaggeeffame ta'uu qaba. Fedhiiwwan keenya kabachiisuuf nutis qophiidha," jechuun Tiraampif deebii kennan.

Jimaata ganama Tiraamp qaraxa %50 Gamtaa Awuroopparra kaa'uu akka qabu akeekkachiise.

Fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa 'Truth' jedhamurrattis mariin waa'ee daldalaa US fi Gamtaa Awurooppaa gidduutti taasifamu akka bu'aa fiduu dhabuun akka isa nuffisiise barreesse.

"Mariin isaan waliin taasifnu eessayyuu gahaa hin jiru," jechuun garuummoo meeshaalee US keessatti omishaman irra taarifa akka hin keenye barreesse.

Boodarra ammoo gaazexeessitootaaf ibsa kenneen, biyyoonni Awurooppaa US keessatti yoo misoomarratti bobba'an malee taarifni akka isaanif hin oollefi kana booda isaan waliin mariyachuu akka hin barbaanne ibse.

Komishinara Daldalaa Gamtaa Awurooppaa Maatoos Sefkooviich

Madda suuraa, EPA

Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa omishaalee heddu UStti gurguratu. Waggaa tokkoo gaditti meeshaalee dolaara biliyeena 600 UStti yoo ergan, US irraa ammoo meesgaalee dolaara biliyeena 370 ta'u akka bitan ragaalen mootummaa US ni agarsiisu.

Kuni ammoo Tiraamp hin gammachiifne. Kaampaaniwwan Awurooppaa omishaaleesaanii gara US'tti erguurra US keessatti akka misoomsan barbaada.

Akeekkachiisa Tiraamp kana hordofee mootummoonni Awurooppas deebii kennaa jiru. Taarifni olaalan daldala gama lamaanituu akka miidhu akeekkachiisan.

Ministiirri Muummee Ayirlaand Misheel Maartiin sodaachisi Tiraamp furmaata akka hin taane dubbatan.

"Mariin daandii sirriifi tokkicha ittiin gara fuulduraatti tarkaanfannuudha," jedhan.

Ministiirr Dhimma Alaa Faransaayi Laurent Saint-Martin ammoo, "muddamni jiru akka qabbanaa'u barbaanna, garuu ammoo deebii kennuuf nus qophiidha," jechuun dubbatan.

Ministiirri Diinagdee Jarman Kaatiriin Riiche, "Komishiniin Awurooppaa US waliin waliigalteerra akka gahu waan dandeenyu hunda ni goona," jedhan.

Ji'a darbe keessa Tiraamp meeshaalee Awuroopparraa US galan heddurra qaraxa %20 kaa'uf murteessee ture.

Boodarra hanga mariin biyyoota kanneen waliin godhamuttu jechuun gara %10 gadi buusee ture.

Amma immoo mariin godhamu firii buusaa hin jiru jechuun qaraxa %50 biyyoota Gamtaa Awuroopparra kaa'uf itti dhaadate.

Tiraamp biyyoonni Awurooppaa omishaalee isaanii ganaa Awurooppaa irratti dhangalaasuu malee kan US omishtu bitaa hin jiran jechuun irra deddeebin komata.