US hogganaan Filisxeem walgahii UN Niiwu York irratti akka hin hirmaanne dhorkite

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Filisxeem Maahmuud Abbaas yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan ji'a dhufu keessa Niiw Yoorkitti geggeeffamu irratti akka hin hirmaanne dhorkamuu Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets mirkaneesse.
Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon tattaaffii nagaa gufachiisuu fi ''gama tokkoon ammoo biyyummaa Filisxeemiif beekamtii argachuu'' barbaadu jechuun komatan.
Murteen Israa'eliin simatame kun waan hin baratamneedha, sababiin isaas US imala qondaaltota biyyootaa waajjira muummee UN daawwachuu barbaadan hundaaf ni mijeessiti jedhamee eegama ture.
Dhorkaan kunis kan raawwatame yeroo Faransaay walgahii kana irratti biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuuf tattaaffii idil-addunyaa taasiftu dursaa jirtutti yoo ta'u, tarkaanfii kana bulchiinsi Doonaald Tiraamp mormeera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ambaasaaddara Filisxeem kan ta'an Riyaad Mansuur kanaan dura Abbaas akka itti gaafatamaa jila isaaniitti walgahii hoggantoota biyyootaa fi mootummaa Niiwu Yoorkitti akka hirmaatan dubbataniiru.
Haata'u malee, boodarra qondaalli Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa tokko murtee dhorkaa fi haqamuu viizaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) fi Abbaa Taayitaa Filisxeem (PA) kanaatiin Abbaas fi lammiileen Filisxeem gara 80 ta'an akka miidhaman dubbataniiru.
Ruubiyoon, bakka bu'oonni Filisxeem ergama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiwu Yoorkitti argaman akkaataadhuuma Waliigaltee Waajjira Muummee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, sanada dhimmoota sochii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii US keessatti ilaallatan to'atutti, walgahii kana irratti hirmaachuu akka danda'an dubbataniiru.
Haata'u malee, tarkaanfiin Ameerikaan viizaa dhorkuu ykn haquuf fudhate kan sanada sana hammatu yoo ta'e, qondaaltonni biyya alaa Niiw Yoorkitti argamuun isaanii kan "hariiroo" mootummaa isaanii fi US gidduu jiru osoo hin ilaaliin, US'n akka hin gufachiifamnee kan ibsu ta'uu isaa ifa miti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waajjiiri Abbaas murteen viizaa kan ''addumatti bulchiinsa Filisxeem miseensa taajjabduu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waan taateef seera idil-addunyaa fi Waliigaltee Waajjira Muummee UN ifatti kan faallessun'' gadduu ibseera. US tarkaanfii kana akka haqituufis gaafateera.
Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Gidiiyon Saar, murtee Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa kana simataniiru.
Hamaas waggootaaf Gaazaa kan geggeessaa ture yoo ta'u, morkataan isaa Faataah ammoo Weest Baankiitti itti gaafatamaa ta'uun isaa ni yaadatama.
Haata'u malee, Weest Bank keessattillee PA kan Abbaasiin durfamu bulchuuf rakkateera, gareewwan walmorkatanii fi babal'ifannaan qubsuma Yihudootaa mudateera.
Akkasumas Abbaas itti gaafatamaa PLO, dhaabbata gaaddidduu waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti Filisxeemoota bakka bu'uttis itti gaafatamaadha. PLOn bara 1974 irraa eegalee UN keessatti sadarkaa taajjabduu qaba.
Kanaafuu, walgahii irratti hirmaachuu danda'a malee murtii irratti sagalee kennuu hin danda'u.
Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun yaada furmaata mootummoota lamaa, foormulaa idil-addunyaa yeroo dheeraaf waldhabdee waggoota digdamman darbaniif Israa'el fi Filisxeem jidduu ture ni fura jedhame, yeroo hunda ni mormu.
Kunis Israa'el maddiitti bulchiinsi Filisxeen walaba ta'e Israa'el cinatti Weest Baankii fi Gaazaa keessatti akka hundeeffamu kan taasisuu yoo ta'u, magaalaa guddoo bulchiinsichaas Yerusaalem Bahaa ta'uun tilmaama.
Netaaniyaahuun garuu biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuun ''shororkeessummaa hamaa Hamaas'' badhaasuudha jechuun falmu.
Waraanni Israa'el haleellaa Hamaasiin durfamun Onkoloolessa 7 bara 2023 kibba Israa'el irratti raawwateef deebii kennuudhaan, Gaazaatti duula kan jalqabe yoo ta'u, haleellaa sanaanis namoonni gara 1,200 ta'an ajjeefamanii, 251 ammoo booji'amanii ture.
Ergasiin booda ammoo Gaazaatti namoonni 63,000 ol ajjeefamaniiru jedha ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu.

Madda suuraa, EPA
Ruubiyoon ibsa isaanii Jimaata darbe beeksisan irratti akka jedhanitti: "PLO fi PA nagaaf akka michuutti ilaalamuu isaaniin dura, akka seera U.S. irraa barbaadamuu fi akka PLOn waadaa galetti, ajjeechaa Onkoloolessa 7 dabalatee, shororkeessummaa wal irraa hin cinne ganuu fi barnoota keessatti shororkeessummaa kakaasuu dhaabuu qabu."
Manneen murtii idil-addunyaatti dhimmoota seeraa Israa'el irratti dhiyaatan hordofuun marii bira darbuuf tattaaffii godhamus xumuruu qabus jedhan.
Dubbi himaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Istiifan Dujarik, UN Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa waliin ni mari'ata, dhimmichi furmaata akka argatu abdii qaban jedhan.
"Biyyoonni miseensa ta'an hundi, taajjabdoonni dhaabbataa, bakka bu'ummaa qabaachuun barbaachisaadha, keessumaa dhimma kana keessatti, akkuma beeknu, walgahii furmaataa biyyoota lamaa dhufu kan Faransaayii fi Sa'uudii Arabiyaan jalqaba Yaa'ii Waliigalaa irratti ni dhiyaate jedheen yaada," jedhan Mr Dujarik.
Faransaayiin alattis UK, Kaanaadaa fi Awustiraaliyaan Yaa'ii Waliigala baatii dhufu irratti biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuuf karoora qabaachuu isaanii beeksisaniiru.
Biiyummaan Filisxeem yeroo ammaati biyyoota miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 193 keessaa 147n beekamtii argatteetti.
Haata'u malee, daangaa beekamtii qabu waan hin jirreef, qubsiistonni Israa'el kutaalee gurguddoo Weest Baankii to'atamee keess, haala seera idil-addunyaa jalatti seeraan ala kan ta'ee fi Gaazaattis akkasuma raawwachuuf waamichi kan dhiyaate yoo ta'u, beekamtiin biyyummaa Filisxeem kamiyyuu lafa irratti waan baay'ee hin jijjiiramu.












