Turkiin sababa waraana Gaazaatiin qilleensaafi buufataalee dooniishee Israa'elitti cufte

Akaan Fiidaan

Madda suuraa, Muhammed Abdullah Kurtar/ Anadolu / Getty Images

Turkiin buufataalee dooniisheefi qilleensashee dooniwwaniifi xayyaarota Israa'elitti cuftee jirti. Sababni ammoo waraana Gaazaatti gaggeeffamuudha.

Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessitun irra deddeebin qeeqaa turte. Dhiyeenya Israa'el Gaazaa guutummaatti to'achuuf haleellaa bifa haaraan eegaluunshee Turkii dabalatee biyyoota hedduu dheekkamsiiseera.

Kanarraa ka'uun xiyyaaronni Israa'el hammi tokko daandii qilleensasheerra akka hin balaliineefi dooniwwan Israa'el buufataalee doonii Turkii akka hin qubanne dhorkuushee maddi oduu Rooyitars gabaaseera.

Akka gabaasa kanaatti, Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fiidaa mana maree biyyattiif ibsa gabaabaa kennaniin, Turkiin qilleensaafi buufata dooniishee Israa'elitti cufuu qofa osoo hin taane kan Israa'elis fayyadamuu dhiisuuf murteessite.

Waraana Israa'el Gaazaatti gaggeessituun wal-qabatee Turkiin kanaan duras irra deddeebin Israa'el qeeqaa turte. Walitti dhufeenya daldalaa Israa'el waliin qabdus guutummaan addaan kuttee turte.

Amma immoo tarkaanfii dabalataa fudhattee jirti- qilleensafi ulaa galaanaashee Israa'elitti cufuu akkasumas kan Israa'el fayyadamuu dhiisuu.

Rooyitars maddeen irraa argadhe jechuun akka gabaasetti, aangawoonni buufata doonii Turkii dooniwwan daldalaa Israa'el ykn Isaa'el waliin hidhata qaban akkasumas meeshaa waraanaafi waan miidhaa geessisu baatan buufatawwan doonii biyyattii akka hin buufanne gaafachuu eegalaniiru.

Akkasumas dooniwwan Turkii buufatalee doonii Israa'el akka hin qubanne dhorkamuu maddeen waabeffachuun gabaase Rooyitars gabaase.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministiirri Dhimma Alaa Turkii Akaan Fiidaan wal-gahii ariifachiisaa paarlaamaan biyyattii dhimma haleellaa Israa'el Gaazaa irratti gaggeessitu ilaalchisee taa'e irratti argamuun tarkaanfii dippilomaasii Turkiin fudhatte ibsan.

"Daldala Israa'el waliin qabnu guutummaan adda kunneera, buufataalee doonii keenya dooniwwan Israa'elitti cufneerra, dooniwwan keenyaas buufataalee doonii Israa'el akka dhaqan hin hayyamni," jedhan.

Dabaluunis, "dooniwwan fe'iisaa meeshaalee waraanaa Israa'eliif geessan buufataalee keenya akka qubatan hin hayyamnu, akkasumas xayyaaronni Israa'el daandii qilleensa keenyaa akka seenan hin hayyamnu," jedhan Akaan Fiidaan.

Haasaa ministiirri dhimma alaa taasisan kana boodarra dippilomaatonni Turkii caalmatti ifa godhan.

Xayyaaronni Israa'el qilleensa Turkii akka hin seenne dhorkaman balaliiwwan mootummaa Israa'eliifi kanneen meeshaalee waraanaa gara Israa'el geessan ta'uu ibsann.

Tarkaanfii Turkiin fudhatte kana ilaalchisee mootummaan Israa'el hanga ammaa homaa hin jenne.