US shaakala waraanaa biyyoonni michuushee hin taane taasisan akkamitti ilaalti?

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa, Siiriil Raamaafoosaa waliin

Madda suuraa, AP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa, Siiriil Raamaafoosaa waliin

Shaakala waraanaa biyyoota miseensa BRICS Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamu irratti dooniiwwan waraanaa Chaayinaa, Iraan fi Raashiyaa irraa dhufan hirmaachuun hariiroo Afrikaan Kibbaa Ameerikaa waliin qabdu daran hammeessu akka danda'u ibsamaa jira.

Guyyoota darban keessa dooniiwwan alaabaa Chaayinaa, Iraanii fi Raashiyaa hidhatan buufata humna galaanaa guddaa Afrikaa Kibbaa Siimoon taawuun jedhamu keessatti mul'ataniiru.

Shaakala waraanaa Galaanarraa torban tokkoof turu kun Jimaata kaleessaa jalqabe. Shaakala Chaayinaan durfamu kun miseensota garee biyyoota guddachaa jiran gurguddoo BRICs jedhamuun beekamu kan bara 2006 hundeeffame biroos ni hirmaachisa.

Gareen kun humna siyaasaa fi dinagdee biyyoota warra dhihaa dureeyyii ta'an waliin wal dorgomuuf kan akeekedha.

Ministeerri Ittisaa Afrikaa Kibbaa humnoonni galaanaa kun ''hojii nageenya galaanaa waloo, shaakala hojii qindoomina qabuu fi sagantaa hordoffii galaanaa walitti fufiinsaan hojjetamuuf'' walitti dhufanii jedhe.

Biyyoonni kamfaa akka hirmaatan bal'inaan hin ibsine, garuu shaakala kanaan ''nageenya doonii fi sochii dinagdee galaanaa mirkaneessuuf'' ta'uun ibsameera.

Qeeqxootni gareen BRICS+gamtaa dinagdee waan ta'aniif maalif shaakala waraanaa waloo akka gaggeessaa jiran irratti gaaffii kaasu.

"Miseensonni BRICS+ siyaasaan wal dhabanii fi waldhabdee daangaa irratti hirmaatan jiru," jechuun xiinxalaanhumna waraanaa Deen Wingreen BBC'tti himaniiru.

Afrikaan Kibbaa Chaayinaa fi Raashiyaa waliin shaakala humna galaanaa yeroo gaggeessitu kun isa jalqabaa miti. Kan yeroo 3ffaati.

Garuu shaakkalli amma taasifamuu fi haalli siyaasaa amma jiru Afrikaa Kibbaa michoota daldalaa ishee gurguddoo keessaa tokko Ameerikaa irraa daran fageessuu danda'a.

Doonii waraanaa Iraan Magaalaa Siimoon keessatti.

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraanaa Iraan Magaalaa Siimoon keessatti.
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yunivarsiitii Witwatersrand Johaannesbarg keessatti piroofeesara kan ta'an Wiliyaam Gumede BBC'tti akka himanitti, "Afrikaan Kibbaa erga bulchiinsi Tiraamp aangootti dhufee dhiibbaa jala jirti" jedhan.

"Sana durallee yeroo Dimookiraatonni aangoo irra turan Afrikaa Kibbaa akka farra Ameerikaatti ilaalu turan."

Bulchiinsi Tiraamp mootummaan lammiilee adii Afrikaa Kibbaa miidhaa irraa eeguu dadhabuu isaa himate. Ergasii lammiilee adii Afrikaa Kibbaaf koolugaltummaa kenniteetti.

Akkasumas taarifa ol'aanaa kaa'uu fi gargaarsa Afrikaa Kibbaaf taasifamu addaan kuteera.

Aarii Tiraamp keessaa tokko himata Piritooriyaa Israa'el gara Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) geessuuf qabdu irraa kan ka'e ta'uu ibsameera.

Michuu Ameerikaa kan taate Israa'el himannaa duguuggaa sanyii Falasxiinota Gaazaa irratti baname ''bu'uura hin qabne'' jechuun kuffifteetti.

Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa bara darbe ji'a Caamsaa keessa daawwannaan Waayit Haawusitti taasisan hariiroo biyyoota lamaanii sirreessuu hin dandeenye.

Gumedeen diinagdeen Afrikaa Kibbaa waggootaaf qoramanaa ture gabaa Ameerikaa keessa seenuun barbaachisaadha jedhu.

''Ga'een mootummaan Ameerikaa, dameen dhuunfaa Ameerikaa fi waldaaleen siivikii Ameerikaa dinagdee Afrikaa Kibbaa keessatti qaban kan Chaayinaa caalaa baayyee guddaadha,'' .

"Dhaabbileen Ameerikaa Afrikaa Kibbaa qofa keessatti carraa hojii kuma 500 ol uumu. Dhaabbilee Chaayinaa Afrikaa Kibbaa keessa jiran hunda yoo ilaaltan carraa hojii kuma 10 ykn kuma 20 uumun tilmaama isa olaanadha.''

Kunis Chaayinaan bara 2024tti Afrikaa Kibbaatti carraa hojii naannoo kuma 400 ni uumti jedhee mootummaan dubbate irraa faallaadha.

''Ameerikaan Chaayinaa caalaa Afrikaa Kibbaaf tarsiimoo qabdi jedheen yaada,'' jedhan Gumedeen.

Bara darbe baankiin giddugaleessaa Afrikaa Kibbaa Ameerikaan meeshaalee Afrikaa Kibbaa irratti taarifa dhibbeentaa 30 kaa'uun biyyattii- keessatti gara namooota kuma 100tti dhiyaatu hojii keessaa baasuu akka danda'u akeekkachiisee ture.

Gumedeen akka jedhanitti, bara 1994 Afrikaa Kibbaa gara walabummaatti kan geggeesse Kongireesiin Biyyoolessaa Afrikaa (ANC) Chaayinaa akka michuu tarsimootti ilaala.

Raashiyaan gahee ANC'n qabsoo dhaabichi sirna Appaartaayidii dhaabuuf taasisaa jiru deeggaru keessattis iddoo guddaa kenniti.

Garuu ANC6'n imaammata alaa isaa haaromsuun michoota gamtaa haaraa bara 2024tti sagalee caalmaa paarlaamaa erga dhabee booda hundeesse hammachuu dhabuu isaan qeeqama

Haa ta'u malee, Afrikaan Kibbaa biyyoota kanneen waliin shaakala waraanaa waloo gaggeessuuf murteessuuf sababoonni siyaasaa jiraachuu akka danda'an Wiingreen dubbata.

"Humni Ittisaa Afrikaa Kibbaa waggootaaf hanqina baajata waliin rakkachaa ture," jedha.

"Doonii deemnee biyyoota birootti leenji'u hin qabnu. Kanaafuu biyyoota gara Afrikaa Kibbaatti dhufuuf fedhii qaban waliin bishaan ofii keenyaa keessatti shaakala gochuun gaariidha."

Qondaaltonni Afrikaa Kibbaa shaakalli waraanaa kun hamilee loltoota ijaaruuf faayidaa qaba jedhu.

Madda suuraa, SA National Defence Force

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltonni Afrikaa Kibbaa shaakalli waraanaa kun hamilee loltoota ijaaruuf faayidaa qaba jedhu.

Itti aanaan ministeera ittisaa Afrikaa Kibbaa Baantuu Holomisaam qeeqa kana kuffisuun humnoonni ittisaa biyyattii "biyyoota waraanaan meeshaa waraanaa gaarii qaban waliin leenji'uun kabaja guddaa qaba" jechuun hamilee loltoota akka kakaasu dubbatu.

Haa ta'u malee, Wiingrin rakkoo mudachuu malu akeekkachiiseera. "Shaakala kanaan tarkaanfii waraanaa jirachuu dahabuu danda'a garuu marii daldalaa Afrikaan Kibbaa biyyoota murtaa'an waliin taasiftu rakkisaa taasisuu danda'a."

Xiinxaltoonni biroos yaada kana ni qooddatu. "Kun bulchiinsa Tiraamp irratti arrabsoo ta'ee akka ilaalamu beekamaadha."jedhu.

"Kun haala ji'oopoolitikaa amma jiruun Afrikaa Kibbaaf waan gaarii miti. Pirezidaanti Raamaafoosaan shaakala humna galaanaa waloo kana osoo haqanii gaarii ta'a jedheen yaada"kanneen jedhanis jiru

Xiinxalaan siyaasaa Sandile Tswana BBC'tti akka himanitti, "Kaayyoon shaakala kanaa galaanota daldala idil-addunyaatiif nageenya qabu gochuu, saamicha galaanaa ittisuu fi naannoo galaanaa nageenya qabu uumuudha. Namni kamiyyuu, ulaagaa kamiinuu irratti walii gala jedheen yaada."

Itti dabaluunis hariiroon Ameerikaa fi Afrikaa Kibbaa kana caalaa hammaachuu akka hin dandeenye dubbatan.

"Eenyullee sochii galaanaa nageenya qabu akka hojjetamuuf waamicha dhiheessuun gara hin taanetti akka fudhatamuuf sababi amansiisaan tokkollee natti hin mul'atu.''

Gumedeef garuu dhiibbaan dinagdee fi doorsisni Tiraamp itti aanee dhufu hubatamuu qaba jedhan.

"Balaa keessa jirra, imaammata alaa keenya US waliin yoo hariiroo hin tolfanne waldhabdee US fi Chaayinaa, US fi Iraan, US fi Raashiyaa gidduutti uumame gidduutti qabamna."

"Afrikaan Kibbaas miidhamtuu guddaa tati'' jedhan.