Maallaqni BRICS doolaraan dorgomuuf karoorfame maalirra gahe?

Walga'ii BRICS onkoloolessaa 22-24, 2024tti Raashiyaatti gaggeefame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Walga'ii BRICS onkoloolessaa 22-24, 2024tti Raashiyaatti gaggeefame

Ajandaa guddaa garee BRICS kan ta'ee keessa inni ijoon dhimma maalaaqa ofii kan hirkattummaa doollaraa irraa biyyoota miseensa ta'an bilisa gochuuti.

Garuu kun yoom ta'uu danda'aa inni jedhu ammallee ifa miti. Biyyootni miseensa ta'an keessumaa Raashiyaan dhimma kana dursummaan hojjataa jirti.

Kana garuu Ameereekaan ija gaariin hin ilaalle. Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp baatii Adoolessaa darbe gareen biyyootaa kunneen sochii maallaqaa ofii uumachuu kana yoo hin dhaabne adabbiin akka isaan eeggatu akeekkachisanii ture.

Tiraamp biyyoonni imaammata BRICS kan faalla fedhii Ameerikaa dhaabatu deeggaran taarifa dabalataa 10% irran kaa'a jechuun doorsisan.

''Biyyi kamuu imaammata farra-Ameerikaa kan ta'e BRICS bira dhaabatte taarifa dabalataa 10% adabamti jedhanii ture.

Dorsisa kan booda dura ta'ummaa garichaa bara 2025 Raashiyaa irraa fudhatti gaggeessaa kan jirtu Biraazil, 'sirni kaffaltii BRICS hojiirra ooluun waan hin oolledha''jette.

Kana hojirraa oolchuuf haaldureewwan barbaachisan irratti xiyyeffatamuun hojjatamaa jiraachuu ibsiteetti.

Raashiyaatti Ambaasaaddarri Biraazil Sarjiyoo Roodriigeez, sirni kaffaltii haaraan kun gamtichaaf ajandaa adda duree ta'uu ibsuun, hojiirra olmaan isaas kan hin hafne ta'uu mirkaneessan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sirni kaffaltii BRICS waan qabatamaadhaan hojiirra ooluu danda'udha jechuun eeran.

Walgahii BRICS Raashiyaa Kaazanitti Onkoloolessa 22 hanga 24, bara 2024 gaggeeffame booda maallaqni biyyotni BRICS doolaraan dorgomu yoom ifoomaa kan jedhu ijoo dubbii ture.

Gamtaan biyyoota dinagdeen guddachaa jiran gurguddoo shaniin kan hundaa'e(Biraazil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa) fi amma Itoophiyaa dabalatee biyyota heddun miseensa ta'aa jiran BRICS, maallaqa kan mataa isaa gatii warqeetin deeggarame uumuun doolaara Ameerikaa waliin dorgomuu karoora jedhu baafataa turaniiru.

Walgahii BRICS bara 2023 irratti , biyyoonni jaha miseensa BRICS akka ta’an affeeraman Arjentiinaa, Masrii, Itoophiyaa, Iraan, Sa’uudii Arabiyaa fi Emireetota Araba Gamtoomanii turan.

Arjentiinaa malee hundi isaanii bara 2024 ifatti gamtichatti makamaniiru . Biyyootni hanga 40 ta’anis BRICStti makamuuf fedhii qabaachuu isaanii haalli kun akka xiyyeeffanno argatu taasiseera.

Biyootni Miseensa Gamtichaa kunneen sirna daldala addunyaa keessatti ol’aantummaan doolaarri qabu biyya isaanii dhiibbaa alaaf kan saaxiluu fi dantaa biyya isaanii eegsifachuuf kan isaan daangessu ta’uun fedhiin kun akka uumamu taasisera.

Yaadni wa’ee maallaqa doolaran dorgomuu uummachuu bara 2010 irraa eegalee kan itti fufe yoo ta’u, keessumaa bara 2022 eegalee qoqqobiin adda addaa Raashiyaarra kaa‘amu hordofee yaadni kun jabaataa dhufee.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Ameerikaan doolaara akka meeshaa waraanaatti fayyadamti jechuun qeeqaa turan. ''Olaantummaa Doolaraa kana biyyootni garagaraa akka meeshaa siyaasaatti fayyadamuu waan eegalaniif nutis amantaa irraa dhabne, akka nuti ittiin hin hojjenneef kan nu dhorkan yoo ta'e nutis filmaata biraa barbaanna" jechuun dhaadataa turan.

Kanaaf BRICS sirna faayinaansii haaraa Doolaara irraa bilisa ta'e hojiirra oolchuuf hojjechaa ture.

Maallaqni biyyoota miseensota ta'anii fi doolaraan dorgomuu danda'an akka Ruupii Hindii fi RMB Chaayinaa filannoo biraa ta'uu danda'u kan jedhus tilmaama argateera.

Keessattu Chaayinaan wayita Dinagdeen ishee Addunyarratti dorgomaa ta'ee fi liqii Inishiyeetiivii Belti and Rood jedhamu biyyoota Afrikaa waliin hojjataa jirtuutti Maallaqni ishee kan gamtichaa ta'uu akka malu tilmaama guddaa qaba.

Garuu walga'ii BRICS bara kanaa irratti pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin maallaqa BRICS halluu adda addaa qabu fakkaatu qabatanii mul’achuun yaada sana kuffiseera.Kun Gamtichi maallaqa biyyota asin dura jiran fayyadamuu caalaa mallaqa haaraa uumuuf kan karoorfate fakkaata

Pirezidaantichi, boodarra maallaqni sun kan gamtichaaf hojjatame utuu hin taane, fakkeenya wixinee maallaqichaa namoota quuqama qabaniin isaanif dhiyaate ta'uun isaa ifa ta'eera.

Biyyootni BRICS maaliif maallaqa haaraa uumuu barbaadu?

Hongantoota Biyyota miseensa BRICS walga'ii Gamtichaa irratti hirmaatan keessa

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoonni BRICS sababa maallaqa haaraa uumuu barbaadaniif hedduu qabu. Kana keessaa qormaatni maallaqaa addunyaa yeroo ammaa jiruu fi imaammanni alaa Ameerikaa cimuun biyyoonni BRICS carraa kana akka qoratan taasiseera.

Hirkatummaa doolaara Ameerikaa fi Yuuroo hir'isuun dantaa fi walabummaa dinagdee ofii isaanii murteessuf fedhiin jirus guddataa jira.

Akka Gabaasni IMF agarsiisutti sirni daladalaa Addunyaa yeroo kanaa doolaara Ameerikaa irratti kan hundaa'u yoo ta'u, daldala maallaqaa hunda keessaa gara dhibbeentaa 90 qaba . Hanga bara 2023tti daldalli boba’aa gara 100 % doolaara Ameerikaatiin kan raawwatamu ture.

Kanaan alas dorgommiin daldalaa biyyoota akka Chaayinaa fi Ameerikaa giddutti cimuu fi qoqqobbiin dinagdee Ameerikaan biyyota akka Raashiyaa fi Iraan irra keessuu mallaqa kana hundeessuun tooftaa dhibbaa Ameerikaa hir'isuu jedhu irraa kan maddeedha.

Biyoota miseensa ta'an dinagdeen isaanii guddataa jiru akka Itoophiyaafis maallaqni haaraan kun baayyee murteessadha.

Daldala daangaa qaxxaamuraa fi bu’a qabeessa ta’ee qabaachuufi baay'inni miseensotaas fudhatamummaan maallaqichaa akka dabalu ni taasisa.

Kana malees teeknooloojii akka bilookicheenii, dijitaalaa fi maloota ammayyaawaa fayyadamuun sirna faayinaansii addunyaa irratti warraaqsa fiduu danda’a. Guddina dinagdee fi daldaalaa, akkasumallee hariiroo miseensotaa caalatti cimsa. Dhiibbaa US waltajjii addunyaa irratti qabdu hir'isuus mala.

Biyyoonni biroo maallaqa ofii isaanii misoomsuuf gamtaa akka ijaarratan jajjabeessa. Kun ammo hirkattummaa doolaaraa fi Yuuroo hir’suun jijjiramaa fi warraaksa dinagdee haaraa uumuu danda’a.

Haa ta’u malee, qorannoon dhiheenya kana Giddugala Ji’oo Ekonomiksii Mana Maree Atlaantiikii irraa waxabajjii bara 2024 ba’e akka agarsiisutti, doolaarri Ameerikaa maallaqa kuufamaa addunyaa sadarkaa jalqabaa irraa bu'uurraa fagaateera. Kun waan yeroo dhiyootti jijjiramu akka hin taane kan gabaasni Rooyiters mul’isu.

Kanaaf maallaqni haaraan BRICS yeroo keessa akka filannoo tokkotti hojirra ooluurra dhiibbaan cimaan ammatti doolaara Ameerikaa irratti geessisu guddaa akka hin taane yaada Ogeeyyotaati. Kana jechuun garuu maallaqni BRICS dinagdee irratti dhiibbaa hin qabu jechuu miti.

Keessumaa dinagdee Ameerikaa Kaabaa fi invastaroota ishee keessa socho’an dabalatee dameewwanii fi industirii akka boba’aa fi gaazii, Baankii fi faayinaansii, Meeshaalee gurgurtaa, daldala idil-addunyaa, Teeknooloojii Turizimii fi kanneen biroo irratti dhibban inni fidu olaanadha.

Rakkoon milkaa’ina maallaqichaa maali?

Mallaqni BRICS ifoomus Olaantummaa Doolaraa itti fufuu mala

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mallaqni BRICS ifoomus Olaantummaa Doolaraa itti fufuu mala

Haala qabatamaa amma jiruun karoorri BRICS kun yeroo gabaabaa keessatti waan milkaa'u hin fakkatu. Muuxannoo kana dura jiruun garuu maallaqni BRICS dorgomaa ta’uu akka danda’u ragaa bara 1999 Yuuroon uumamuu isaa akeektuu akka ta'e xiinxaltoonni dhimma dinagdee kan ibsan

Haa ta’u malee, kun qophii waggoota dheeraa, baankii giddugaleessaa haaraan hundeessuu fi biyyootni dinagdeen isaanii walitti dhiyaatu achii keessa jiraachuun haalicha salphiseera.

Raashiyaan sababa Yukireen waliin waraanatti jirtuuf gatii Ruubilii ishee hanga tokko laafaa jira, Chaayinaan humna Yuuwaan sadarkaa idil-addunyaatti ol guddisuuf yaada qabdi. Chaayinaa fi biyyoota BRICS biroo gidduuttis garaagarummaan dinagdee bal’aan jira. Kunniin gufuuwwan mallaqni biyyoota BRICS akka yeroo gabaabaa keessatti hin milkoofne taasisuu danda'aniidha.

Garaagarummaa bu’uuraalee dinagdee,adda addummaa dinagdee fi imaammata maallaqaa fi ji’oopoolitikaa dabalatee sababootni hedduun biyoota miseensa gamticha adda taasisan heddudha

Tokkoon tokkoon biyyaa dantaa biyyaalessaa, imaammata faayinaansii, fi mala to’annoo qaala’iinsa jireenyaa kan qabu yoo ta’u, kunis yaada maallaqa waliinii walxaxaa taasisa.

Kanumaaf walgahii BRICS bara 2024 Raashiyaa Kaazanitti gaggeeffamees xiyyeeffannaa isaa dhimma maallaqaa caalaa dhimmoota keessoo irratti kan xiyyeeffatu ta’ee mul’ateera.

Fakkeenyaaf, Pirezidaanti Puutiin, gareen kun gara maallaqa haaraatti ariifachuurra daldala daangaa qaxxaamuraa keessatti itti fayyadama maallaqa biyyaalessaa cimsuu irratti akka xiyyeeffatu yaada dhiyeessan. “Meeshaalee faayinaansii haaraa haala amma jiruun hojjetan qopheessuun ammaaf caalaatti qabatamaa ta’a,” jechuun walgahii kanarratti hubachiisaniiru.

Ol’aantummaa doolaaraa mormani filannoo biraa fiduun akka barbaachisu hubatanis ammatti garuu sana gochuun hin milkoofne. Haala qabatamaa fi guddina dinagdee biyootaa waaliin yoo ilaalamu tarkaanfiin kun yeroo fudhachuu akka danda’u kan agarsiisudha.

Ta'us garuu abdiin gara fuulduraa hin dhaamne. Kana keessaa filannoowwan dijitaalaa qorachuu kan eegamuudha.