Gamtaa biyyootaa BRICS Itoophiyaan miseensa tahuuf gaafatte irratti qabxiilee afur

BRICS gaamtaa Itoophiyaan miseensummaaf gaafate

Madda suuraa, Getty Images

Gamtaan BRICS bara 2009 walgahii siyaasaa gochuun kan jalqabame. Gamticha keessattis Biraazil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaatu jira.

Maqaan BRICS jedhukunis qubee jalqabaa maqaa biyyoota kanneenii fudhachun uumame. Jiim Oneel ogeessa qorannoo diinagdee Gooldimaan Saakis, jecha kana akkasiin beeksisu.

Jalqaba irratti Afrikaan Kibbaa qaama garee kanaa hin turre. Kanaaf maqaan garee kanaas takkaa BRIC, booda immoo BRICS jechuun waamamaa ture.

Kanaaf wal-gahii jalqabaa irratti biyyi Afrikaa irratti hirmaate hin jiru ture. Yeroo ittaanutti garuu Afrikaan Kibbaa gaafa dabalamtu maqaan BRICS jedhu hiika guutuu argate.

Itoophiyaan gamtaa biyyoota kanaatti dabalamuuf ifatti gaaffii dhiyeessiteetti.

Dubbi himaan Ministara Hajaa Alaa, Ambaasaaddar Mallas Alam torbee darbe dhimma yeroo irratti ibsa kennaniin, Itoophiyaan dhaabbata idil-addunyaa faayidaa ishee eegsisuu danda’u waliin hojjechuu akka itti fuftuu fi BRICS’tti makamuuf ifatti gaaffii dhiyeessuu beeksisan.

''Haala addunyaa jijjiiramaa jiruufi akkatti gareen biyyootaa uumamaa jiruun faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf dhaabota miseensa garaagaraa tahuuf ni hojjenna. Isaan keessaa tokko BRICS'dha,’’ jedhan.

''BRICS gaaffii Itoophiyaa irraa dhiyaateef deebii gaarii akka kennu abdanna,’’ kan dubbatan Ambaasaaddarichi, ''Dhaabbilee faayidaa keenya kabachiisan biroo wajjinis hojjechuu keenya itti fufna,’’ jedhan.

BRICS hangam cimaadha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni miseensa BRICS tahan lakkoofsa uummata addunyaa harka 40 qabatu. Humni diinagdee biyyoonni shanan kun qaban ammoo dhibbeentaa 26 kan qabatudha.

Biyyoonni kunneen diinagdeen isaanii guddachaa daldala addunyaa irratti dhibbaan isaanii jabaachaa dhufeera.

Miseensonni dhaabbata kanaa dhimmoota diinagdee irratti irra deddeebiin marii’ataniiru.

Diinagdee isaaniis hidhata daldalaan guddisuu akka qaban dubbataniiru.

Pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing yeroo tokko miseensota dhaabbatichaaf haasaa taasisaniin, ‘’diinagdeen addunyaa bilisa akka ta'u hojjechuu, waloon daldala bilisaaf haala mijeesuufi beeksisuu, walitti hidhaminsa idil- addunyaa sonaa deeggarame uumuu fi diinagdee addunyaa irratti fooyya’insa gochuun qabna,’’ jedhanii turan.

''Guddinni biyyoota guddataa jiranii gahee eenyuyyuu hin tuqu. Inumaayyuu diinagdee addunyaa ni guddisa,’’ jechuunis dubbataniiru.

Pireezidantichi akkas haa jedhan iyyuu malee, Chaayinaan daldala al-ergii irratti loogii raawwatti jechuun biyyoonni baayyee imaammatashee qeequ.

Ministiroota Dhimma Alaa miseensota BRICS yeroo Waxabajjii keessa walgahii magaalaa Keep Taawonitti hirmaatan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Ministiroota Dhimma Alaa miseensota BRICS yeroo Waxabajjii keessa walgahii magaalaa Keep Taawonitti hirmaatan

Miseensota BRICS gidduutti hidhaminsa daldalaa yoo ilaalle gara Chaayimnaatti madaallii kan kaase fakkaata.

Miseensonni dhaabbata kanaa baankii (Development Bank) bu’uuraalee misoomaafi misooma waarawaa biyyoota guddataa jiraniif oolu qabeenya walitti qabuuf hundeessaniiru.

Baankiin teessoon isaa Chaayinaa, Shaangaayi tahe kuni xiyyeeffannoon isaa, aannisaa naannoo hin miine, bu’uuraalee misooma geejibaa, misooma bishaanii fi qulqullinaa akkasumas, misooma dijitaalaa, eegumsa naannoofi misooma hawaasaa irratti kan xiyyeeffatudha.

Biyyootiin kunneen baankii kana hundeessuu isaaniin milkaa’ina isaanii jalqabaa tahuun isaaniif fudhatameera.

Baankichi qaawwa maallaqaa bu’uuraalee misoomaa irratti jiru furuuf kan kaayyefatedha.

NDP’n hamma bara 2017tti piroojektiiwwan 11 irratti invasti godheera. Hamma bara 2016tti immoo doolaara biiliyoona 1.5 liqeessuu danda’eera.

Baankichi marsariitii isaarratti akka ibsetti hamma yoonaa piroojektiiwwan 96 fi doolaara biiliyoona 32.8 raggaasuu beeksiseera.

Mana jireenyaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, daandiifi bu’uuraalee misoomaa deeggaruuf hayyama kennuus beeksiseera.

Tahus garu baankiin kuni Baankii Addunyaa waliin yoo dorgomsiifamu dhiibaansaa hangas mara miti.

Chaayinaan Baankii Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa waan hoggantuuf, baankii NDP dhaaf cichooma qabdu ni shakku.

Biyyoonni BRICS’tti makamuu barbaadan biroon jiruu?

Gamtaa guddataa jiru kanatti makamuuf biyyoonni baayyeen gaaffii dhiyeessaa jiraachuun ni himama.

Biyyoota gaaffii kana dhiyeessan keessaa tokko ollaa Biraazil kan taate Arjantiinaa dha. Chaayinaan gaaffii biyya kanaaf deeggarsa kennuunshees gabaafameera.

Biyyoota lixaa waliin yeroo baayyee atakaaroo keessa galuun kan baaekamtu Iraan illee gamtaa kanatti makamuuf gaaffii dhiyeessuu qondaaloti biyyattii himaniiru.

Aljeeriyaa, Saa’udii Arabiyaa, UAE, Tarkii fi Masriin illee BRICS’tti makamuuf gaaffii dhiyeessaniiru.

Biyyoonni kunneen gaaffii haa dhiyeessaniyyuu malee biyyoota shanan jalqabaan alatti kan itti makame hin jiru.

Biyyoota Afrikaa keessaa Aljeeriyaa fi Masriitti aanee gamtaa kanatti makamuuf ifatti gaaffii kan dhiyeesse Itoophiyaadha.

Hamma yoon gamtaan kuni gaaffii miseensummaa dhiyaateefiif deebiis, tahe yaada hin kennine.

Gamtaa G-7 fi BRICS

Gamtaan G-7 Faransaay, Ameerikaa, UK, Jarman, Jaappaan, Xaaliyaan fi Kanaadaa of keessatti qabata.

BRICS immoo faallaa gamtaa biyyoota kanaati jedhameetu yaadama.

Ogeessonni dhimma biyyoota kunneenii hordofan G-7 gamtaa warra BRICS’n dorgommiin akka isa mudatu himu.

Miseensonni BRICS baankii misoomaa hundeessuun milkaa’ina galmeessanillee wal immoo hin amanan jedhamuun qeeqamu.

Waraana Sooriyaa fi Libiyaa irrattis miseensonni gamtaa kanaa ejjeennoo gargaraa tarkaanfachiisaa turan.

Chaayinaafi Hindiin miseensota dhaabichaa daangaa biyyaa irratti wal-dhabanidha.

Biyyoota misensa BRICS tahan siyaasa caalaa diinagdeen akka hidhata qaban ka’a.

Tibba darbe ministiroonni hajaa alaa biyyoota kunneenii Afrikaa Kibbaatti walgahanii turan.

Yeroo kanatti addunyaan sirna warra lixaan socho’u keessaa bahu qabdi dhimma jedhu kaasaniiru.

Ministarri Hajaa Alaa Afrikaa Kibbaa Naaleedii Paandoor akka jedhanitti gareen muddama naannoofsiyaasaa, wal-qixxummaan dhabamuuniifi yaaddoo nageenyaa keessa addunyaa jirtuuf yaada mo’ataa qabatee dhiyaachuu ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Hindii Subiraahimaaniyaam Jaayishaankar ''addunyaan bifa hedduu waan qabduuf daandii moofaan ajandaa haaraa furuun hin danda’amu,’’ jedhan.

Rakkoo mudatan keessaa tokko diinagdee ta’uufi ''biyyoonni hedduu eeyyama biyyoota xiqqoon akka jiraatan,’’ ta’eera jechuunis ibsan.

Miseensonni biyyoota G7 jedhaman dhimma diinagdee irratti ejjennoo hammana adda ta’e hin qaban.

Walgahii BRICS eegamu

Walgahiin ministeerota dhimma alaa miseensota BRICS Afrikaa Kibbaatti taasifame irratti dhimmi ijoo waa’ee Yukireen ture.

Baatii Hagayyaa keessamoo Afrikaan Kibbaa marii hoggantoota miseensa BRICS ta’an keessummeessiti.

Marii kana irratti Yukireen keessa yakka waraanaa raawwataniiru jedhamanii Mana Murtii Yakkaa Addunyaan kan barbaadaman Vilaadimir Putiin ni hirmaatu jedhamee eegama.

Afrikaan Kibbaa miseensa mana murtii kanaati. Ajaja mana murtii kanaas akka raawwachiistu eegama.

Haa ta’u malee, biyyattiin aangawoota biyyoota alaa baatii Hagayyaa keessa walgahii BRICS’dhaaf garas imalaniif mirga himatamuu dhabuu labsiteetti.

Putiin akka nagaan dhaqanii hirmaataniifis murteen kuni haala mijeessuu mala.

Akka miidiyaaleen Afrikaa Kibbaa Dubbii Himaa Hariiroo Alaa biyyattii waabeffachuun gabaasanitti, labsiin akkanaa ‘’waan baratamedha.’’

Ministeerri Ittisaa Afrikaa Kibbaa ajaja ICC’f beekamtii kennuus, waraanni biyyattii gaaddisa seera idil-addunyaa jala akka dalaguufi mirga himatamuu dhabuu akka kabaju ibseera.